Dhugaa amma jiru beekuuf seenaa haaqorannu!

Yuuniivarstiiwwan 40 ol biyyi teenya Itiyoophiyaan qabdu keessaa Yuuniivartiiwwan 8 kan argaman Naannoo Oromiyaa keessatti akka ta'e beekamaadha.


Dhaabbilee baruumsa ol'aanaa kanneen malees dhaabbileen leenjii ogummaawwan gara garaa Oromiyaa keessatti babal'atanii jiru.

Kun bu'aa qabatamaa Oromiyaan duwwaa irraa ka'uun horattedha!kanneen kana haalan ammoo rakkoo hubannoo qabu ykn.diina Saba Oromooti.

Damee baruumsaatiinis ta'e kanneen birootiin jijjiiramoota qabatamaa Oromiyaa keessatti galmeeffaman kan argamsiise wixiffannaa humnoota badii kan akka ABOfi kanneen biroo utuu hin taane qabsoo dhugaa toora Dh.D.U.O/A.D.W.U.I hordofuun taasifameen akka ta'e kan hin beekne yoo jiraate kurmaana jaarraa darbe waggoota 25 darban keessa waan hojjetamaa ture haa qoratu.

Haalawwan saniin dura turanis cunqursaa suukaneessaa Ummanni Oromoo keessa jiraachaa ture dubbisuudhaan hubachuunis barbaachisaadha.Waan ijaan mul'atuufi qabatamaan jiru duuchumatti mormuuniifi fedhii ofii guuttachuuf irra dibuun bu'aan argamsiisu hin jiru.Ummanni Oromoo waan argateefi waan dhabe walbira qabee ilaaluudhaan sirritti beeka waan ta'eef.


Kanaaf beekaan wallaalaa haa barsiisu,kan barachuu barbaaduufi dhugaa jiru hubachuu fedhus of duuba deebi'ee haala ture haa qoratu!


Hordoftoota keenya kabajamtoota yaada kaleessa jijjiiramoota Oromiyaa keessattis ta'e sadarkaa guutuu biyya keenyaatiin galmeeffaman beeksisuun barbaachisaadha jechuun barreeffama gabaabaa dhiyaate irratti yaada babal'aa kennitaniif galatoomaa.Hirmaannaan keessan itti haa fufu.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa