Ob.Mulugeetaa Kabbadafa'i mirga wabii dhorkataman

Kantiibaa kanaan duraa bulchinsa Magaalaa Galaan obbo Mulugeetaa Kabbada Dabalatee itti gaafatamtoota waajjiraalee gara garaa 12 irratti yeroon qorannaa guyyoota 10 mana murteetiin hayyamameera


Koomishiiniin Naamusaafi farra Malaammaltummaa Oromiyaa akka himetti obbo Mulugeetaa Dabalatee itti gaafatamaa waajjira inveestimantii Magaalaa Galaan,itti gaafatamaa waajjira misooma lafaafi ogeeyyotaafi itti gaafatamtoota kanneen biroo 12 too’annoo jala oolchuun qorannaan taasifamaa jira.
Komishiinichi shakkamtoota baatiiwwaniin dura qorannaa taasisaa akka tureefi wayita itti gaafatamaatti kenniinsa hayyaama investimantii,kaffaltii beenyaa daandii baaburaa hanbisuun ofiif fayyadamuun yakka malaammaltummaatiin shakamuun isaanii eerameera.
Himatamtoonni Iddoo bakka bu’u Nama hin malleef kennuu,Namoota kanaan dura qabiyyee hin qabne kan qaban fakkeessuunis shakkamaniiru

Komishinichi shakakmtoota kana har’a dadhacha  mana murtee Sabbataa Hawaasitti dhiyeessuudhaan qorannoo dabalatataiif beellama guyyoota 14 itti gaafateera.
Shakkamtoonni yakka raawwatameera jedhameef ragaan waan hin jirreef mirgi wabii kabajameefi mana hidhaatii ala taa’uun dhimmasaanii akka hordofaniif mana murtee gaafataniiru.
Dadhachichi falmii bitaa mirgaa erga dhaggeeffatee booda gaaffii wabii fashaleessuun komishiniichaaf beellama guyyaa kudhanii hayyameera.


አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa