Haadha ijoollee lamaa Joo Kooks
Dubartiin
kun Joo Kooks jedhamti.Miseensa paarlaamaa Biriitaaniyaati.Joon Nama tokkoon
kaleessadha kan ajjeefamte.
Namtichi umuriin waggaa 52ffaa lakkoofsise Joo karaa
irratti argeet rasaasa itti dhukaasuun lubbuu ishee marartuu galaafate.
Haadha
ijoollee lamaa kan taate Joo Kooks paarlaamaa Biriitaaniyaa keessatti Nama adda
duree akka taate himamaafi jira.
Wayita
ammaa Biriitaaniyaafi iddoowwan adda addaatti dhimmi Joo Kooks dhimma maree ta’eera.
Poolisiin biyyattii akka jedhetti Namni Joo ajjeese Toomii Meer jedhamuun kan beekamu yammuu ta'u too'annoo jala oolfameera.Alaabaan Biriitaaniyaa sababa du'a Joo Kooksiin gadi hiiqee mirmirfamaa jira.
Muummichi ministiraa Biriitaaniyaa Deeviid Kaameeruun sababa balaa kanaatiin filannoo Biriitaaniyaan Gamtaa Awurooppaa keessaa haa baatumoo haaturtu jedhuuf sochiin taasifamaa jiru dhaabbachuu qaba jedhaniiru.Miseensa paartii leebar kan ta'an Joo Kooks kan ajjeefamman sirni sagalee kennuu torban tokko wayita raawwatamuuf turetti akka ta'e beekameera.

አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ