obbo Zalaalam Jamaanah har’a mana murteetti dhiyaataniiru
Hoogganaa Biiroo
Qonnaa Oromiyaa duraanii obbo Zalaalam Jamaanah har’a mana murteetti
dhiyaataniiru
Shakkamticha
irratti guyyoonni qorannaa dabalataa 10 hayyamaaniiru.
Koomiishiniin
Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa obbo Zalaalam Jamaanah hoggansarra
wayita turanitti imaanaa mootummaa fi ummataan itti kenname dhiisuun aangoo
ofiitti seeraan ala fayyadamuun malaammaltummaa akka raawwatan shakkuudhaani, qorannaa irratti gaggeessaa kan
jiru.
Har’a Naannoo
Oromiyaatti manni murtii aanaa Aqaaqii dhimma isaanii ilaaluuf kan dhaddacha taa’e
yammuu ta’u, koomiishinichi dhimmicha qulqulleessuuf beellama guyyoota
dabalataa 14 gaafateera.
Abbaan alangee
komishinichaa shakkamaai yoo gadi lakkifame humna maallaqaatiin ragaa itti
dhiyaate waan balleessuu danda’uuf yakki raawwates hidhaa waggaa 10 caaluun kan
adabsiisu waan ta’eef mirgi wabii akka hin kennamneef dhaddachicha gaafateera.
Torbee darbe obbo
Zalaalam Jamaanah dabalatee itti aanaa kantiibaa Sulultaa duraanii obbo Diroo
Damee seeraan ala lafa maqaa ofii fi firoota isaanitiin qabaachuun isaanii
shakkamuun to’annoo jala oolfamuun isaanii ni yaadatama.
Dhaddachichi beellama
guyyoota 14 gaafatame didee guyyoota 10 hayyamuun waxabajjii 15 bara 2008’tti
akka beellame beekameera
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ