Isaayyaas xumurri inaaffaa salphinadha!
Mootummaan abbaa
Irree Eertiraa waggoota hedduudhaaf jijjiirama Itiyoophiyaan yeroo yerootti
galmeessisaa jirtu ija gaariidhaan ilaalee hin beeku.Mootummaan Abbaa Irree
Isaayyaas Afawarqiitiin hoogganamu kun waggoota 25 darban keessatti
Itiyoophiyaa dabalatee biyyaalee ollaa hunda wajjin waldhabeera.
Erga bilisummaa
argatee booda waraana waggootaan dura Itiyoophiyaa irratti baneen salphina
haguuggatee kan taa’e caasaan bulchiinsa Isaayyaas Afawarqii ofii humna dhabnaan
qaamolee adda addaa gurmeessuudhaaniifi deeggarsa adda addaa taasisuudhaan
Itiyoophiyaa shoroorkeessummaadhaan miidhuuf carraaqqiin inni hin taasifhne hin
jiru.
Qaamolee
mormitoota Itiyoophiyaa biyyasaatti leenjisee gara Itiyoophiyaatti erguudhaan
sochiin misoomaafi guddinaa Itiyoophiyaa akka itti hin fufne taasisuuf
Isaayyaas waan humnisaa danda’e hunda gochaa akka ture ragaawwan qabatamaa
biyya keessaafi idla Addunyaatiin mirkanaa’eera.
Isaayyaas Afawarqii
abdii kutannaa cimaa keessa waan galeef amma ammoo Itiyoophiyaan waraana natti banteejirti jechuun watwaataa Itiyoophiyaa guddittii himachaa jira.
Mormiin biyya
keessaafi biyya alaa kan daran itti cime mootummaan abbaa Irree Ertiraa lubbuun
keessaa ba’uuf wixiffachaa jira.Lammiiwwan Eertiraa lakkoofsaan kuma lama ga’an
tibbana biyya Israa’elitti caasaa mootummaa Isaayyaas Afawarqii hiriira ba’uun
balaaleeffataniiru.
Dhaabbata
mootummoota gamtoomaniitti qaamni dhimma Eertiraa qulqulleessaa tures gabaasa
dhimma badii biyyattii irratti xiyyeeffate torban darbe keessa baaseera.
Gabaasichaan akka
eerametti qondaaltoonni Ertiraa waggoota 25 darbaniif lammiiwwan biyyattii
gabroomsaa akka turan ragaadhaan saaxileera.Deeggarsi Eertiraan garee
shoroorkeessaa al-Shabaabiif taasisaa turtes yeroo adda addaatti bu’aa
barbaadamu utuu hin argamsiisin hafeera.Tarkaanfiin raayyaan ittisa Ityoophiyaa
tibbana garee al-Shabaab irratti Soomaaliyaatti fudhates mootummaa abbaa irree
Isaayyaas dabalatee ergamtootasaa biyya keessaafi biyya alaa jiran abdii
kutachiiseera.
Inaaffaan
Isaayyaas Afawarqii salphina itti daddabaluudhaan kunoo har’aan isa ga’eera.Wayita
ammaa ammoo eenyutti himachaa akka jiru moojisaati malee Itiyoophiyaan waraana natti
bantee jirti jechuun shaabiyaan lallabaa jira.Egaa xumurri inaaffaa salphina
akka ta’’e Isaayyaas Afawarqii hubachuu qaba!
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ