Saamaantaan maalif ajjeefamte?

Saamaantaa Eedwaardoo jedhamti.Dorgommii bara 2003 taasifameen bareedduu Ameerikaa jedhamuun filatmtee jirti.Saamaantaan umurii waggaa 37ffaatti kibxata darbe hiriyaa isheetiin ajjeefantee mana jireenyaa keessatti akka argamte beekameera.


Mana jireenyaa meeni’aapoolisitti ajjeefamtee kan argamte Dubartiin kun Daakootaa kibbaa irraa bara 2003 dorgomuudhaan bareedduu Ameerikaa jedhamuun filtamtee jirti.

Poolisiin biyyattii dhimma ajjeechaa bareedduu Ameerikaa kanaan duraa kana qorachaan jira jedheera.

Ofii jarana Ameerikaatti duuti maalif akkanatti baay’atee? Torban kana Namni umuriin  waggaa 29ffaa lakkoofsiseefi Omaar  Maatiin jedhamu Orlaandootti mana bashannanaa tokkotti goruudhaan Namoota 49’tti rasaasa roobsuun ajjeeseera.Biyya kanatti kan rasaasaan walfixutu baay’achaa jira jechuun ni danda’ama.

Taayitaa irraa bu’uuf umuriin baatiiwwan muraasaa kan hafeen pireezidaant Baaraak Obaamaa seerri gurgurtaa meeshaalee waraanaa dhorku akka ba’uuf yeroo baay’ee watwaatanis sababa diddaa miseensoota riippaablikaanotaatiin milkaa’uufii hin dandeenye.


አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa