Dhugaan gonkumaa hidhokattu!

Akkuma Naannoowwan biyya keenyaa kanneen biroo Naannoon Oromiyaa waan duwwaa ta’e irraa ka’uudhaan sadarkaa har’a irra ga’e akka dhaqqabe ni beekama.Duwwaa irraa ka’uudhaan imala guddinaa eegaluun kan danda’ame hooggansa kallattii sirrii Dh.D.U.O/A.D.W.U.I’tiin akka ta’e beekamaadha.


Humnoonni badii fayyadamtummaa ummata bal’aa dameewwan siyaasaafi hawaas-diinagdeetiin galmeeffaman busheessuudhaan gadi qican jiru.Humnoonni sababoota adda addaa tarreessuudhaan bu’aawwan fayyadamtummaa baay’otaa mirkaneessan haalan duris turan,har’as jiru gara fuulduraas ni jiraatu.

Haa ta’uutii bu’aan qabatamaan jiru utuu waallee hindhoksin ofumaan of mul’isa waan ta’eef humnoonni dhiphootaafi of-tuultotaa jijjiirama qabatamaan jiru haalaniifi ganan jiraatanis bu’aawwan hooggansa kallattii sirrii Dh.D.U.O/A.D.W.U.I’n galmeeffaman dhokfamuu hin danda’an!

Imala misoomaafi guddinaa kurmaana jaarraa keessatti bu’aafi jijjiiramoonni damee siyaasaafi hawaas-diinagdeetiin galmeeffaman lakkaa’amanii kan xumuraman miti.
Yeroo kamiyyuu imala jijjiiramaa itti fufsiisuuf jecha hanqina mudatuun qeequudhaan qaamolee kanneen birootiinis kan qeeqsisu Dh.D.U.O/A.D.W.U.I’n bu’aawwan sadarkaa Naannoo Oromiyaatiinis ta’e sadarkaa guutuu biyyaatiin toora isaa sirriidhaan galmeeffaman gama beeksisuutiin hanqina qabu sirreessuutu irraa eegama.


Bu’aawwan hojii fayyadamtummaa haqa qabeessa ummata bal’aatiif hojjetaman irra diba tokko malee iftoomaan beeksifamuu qabu.Kun ta’uu kan qabu kiraa sassaabdonniifi miseensoonni fakkeessitoonni caasaa dhaabaa keessa jiran maxxantoota alaa wajjin qindaa’uudhaan fayyadamtummaa ummata bal’aa akka hin miineefi,malee Dh.D.U.O/A.D.W.U.I jajuudhaafi miti.


አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa