Qabsoon humnoota lamaan walfalmsiisaa jiru itti fufa!

Haala qabatamaa wayita ammaa biyya keenya Itiyoophiyaa keessa jiruun humoota lamatu walfalmaa jira.Humnoonni kun humna ilaalchaafi gocha kiraa sassaabdummaa hordofuufi humna ilaalcha misoomawaa hordofudha.Jecha biraatiin siyaas-diinagdee kiraa sassaabdummaafi siyaas-diinagdee misoomawaatu walfalmii ol’aanaarra jira.


Dhuguma,humni kiraa sassaabaan taayitaa mootummaa qabatee akka fedhiisaatti roorrisuu danda’u hin jiru.Humna kiraa sassaabaa taayitaa qabatee akka fedhiisaa ta’uu barbaadutti balballi erga cufamee waggoota 25 caaleera.

Haa ta’uutii humni kiraa sassaabaan kun caasaa mootummaa keessas ta’e ala taa’uudhaan lubbuusaa tursiifachuufi umuriisaa dheereeffachuuf humna misoomawaa demookraatawaa,siyaas-diinagdee misoomawaa wajjin waldhabuudhaan falmii ol’aanaa taasisaa akka ture yeroo adda addaatti qabsoo taasifameefi qabsoo wayita ammaa itti fufee jiruunis hubatameera.Kanaaf humnoonni lameen faallaa walii dhaabbatan kun walfalmii ol’aanaa taasisaa jiru jechuudha.

Humni kiraa sassaabaan qaamota seeraan ala deeman of duukaa hiriirsuudhaan kan socho’u waan ta’eef humna misoomawaa moo’achuuf carraaqqii taasisaa tureera.Humni kun carraa gaarii argannaan humna misoomawaa taayitaa irraa fonqolchuu irraa akka duubatti hin jennes beekamu qaba.Humni caasaa mootummaa  keessatti taayitaa qabutti fayyadamuudhaan gamaa gamanaa waa fuffunaannate kun lapheensaa quufaan kan dhiita’e waan ta’eef waan hundumaa gochuu akka danda’u yaadaa ture.

Amma mirri kun darbeera.Lapheen dhiita’ee of tuulummaan onnates sunturraa’eera.Kanneen haala kanaan onnachuun humna misoomawaa taayitaa irraa fonqolchuuf tooftaawwan adda addaatti fayyadamaa turan mataa gadi qabachuun bakka seenan dhabaa jiru.Tarkaanfiin malaammaltoota iddoo adda addaa irratti fudhatamaa jirus isa kana qabatamaan mul’isaa jira.

Humni kiraa sassaabaan faayidaadhaan quunnamtii cimaa uumuun hiddasaa babal’isuun iccitii dhaabaafi mootummaa humna kiraa sassaabaa ala jiruuf erguun sooraa ture kun tooftaan hordofaa ture amma jalaa fashalaa’eera.

Tooftaan sagalee maree dhaabaafi mootummaa waltajjii irraa dhoksaadhaan waraabuun Jawaar Mohaammadiifi humnoota diinaa kanneen birootiifis erguu jeeqamsi babal’atee humni misoomawaa demookraatawaan taayitaa irraa bu’uun iddoo isaatti ammoo humni kiraa sassaabaan ol’aantummaa argatee taayitaa akka qabatu taasisuu ture.


Tooftaan kun fedhii ummata bal’aatiin kan deeggarame waan hin taaneef galma yaadame ga’uu hin dandeenye.Kanaanis humnoonni kiraa sassaabdoonni biyya keessaafi biyya alaa jiran kasaaraa cimaadhaaf saaxilamaniru.Maallaqni jeeqamsi akka babal’atuuf Doolaara sharfuudhaan gara biyya keessaatti ergamaa tures bu’aa malee maca’ee hafeera.Moobaayilli hammayyaa’aan sagaleen ittiin waraabameefi suuraan ittiin kaafamee diinaaf ittiin ergamaa tures waan yaadame argamsiisuu hin dandeenye.

Haa ta’uutii walfalmiin cimaan humnoota kiraa sassaabdotaafi humna misoomawaa jidduutti taasifamaa jiru kun gara fuulduraattis kan cimee itti fufu ta’uunsaa waan hin oolledha.Maddi rakkoolee hundumaa ilaalchadha waan ta’eef rakkoon ilaalcha kiraa sassaabdotaa guutummaatti jijjiiramu malee walfalmiin humnoota kana jidduutti taasifamu haalli ittiin dhaabbatu gonkumaa hin jiraatu!




አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa