Qabsoo FXG jechuun maal jechuudha?
Qabsoo fincila
xummura gabrummaa jechuun maal
jechuudha?Ummanni Oromoo jireenya gabrummaa keessaa ba’uudhaan ofiin of bulchuu
erga eegalee kunoo waggoonni 25 caalan lakkaa’amaniiru.Kan kana haalu Diina
Ummata Oromoo qofaadha.Sabni Oromoo waan kanaan dura waggoota dhibbaa ol keessa
jiraate sirritti beeka waan ta’eefi miidhama isarra gahaa ture irra deebi’uudhaan
itti himuun hin barbaachisu.
Roorroo Saba
Oromoofi sabaafi sablammoota kanneen biroo irratti roorrifamaa ture qabsoo
kutannoo qabuun kan ofirraa fonqolchee gate Ummanni Oromoo ammaan booda
ijoollee isaatiinis ta’e qaamolee kanneen birootiin miidhaa irra ga’u baachuu
hin danda’u.
Barri mataa gadi
qabatanii jiraatanis darbeera.Galanni qabsoo ijoollee Oromoofi sabaafi
sab-lammootaatiif haa ta’u malee Ummanni Oromoo amma ofiin of bulchaa
jira.Afaaniifi seenaasaa dagaagfachaa Nagaadhaan jiraachaa,guddina diinagdeesaa
dabaluuf carraaqqii ol’aanaa taasisaa jira.
Qaawwa kiraa
sassabdoonni muraafni uumaniin barana fincilaaf kan ka’e ummanni godinaalee
gara garaa qonnaan bulaan,Dargaggoonniiffi jiraattoonni Magaalaa fedhiin isaanii
rakkoon dameewwan adda addaatiin mudataniin fala akka argataniifidha malee
sirna bulchiinsa mootummaa ammaa kana jibbuun miti,kanas qabsuma isaaniitiin
mirkaneessaniiru.
Utuu Ummanni
Oromoo sirna misoomaawaa demookraatawaa kana hin barbaadu ta’eefi irratti
fedhii hin qabu ta’ee ofirraa
fonqolchuudhaaf qabsoo inni taasisu dura dhaabbachuu kan danda’u qaamni
tokkollee akka hin jirre hubatamuu qaba.
Ummanni
rakkoonsaa akka fala argatuuf kaka’uumsa taasise kana da’oo kan taasifatan
humnoonni badii Ummata Oromoo gabrummaatti deebisuu barbaadan ammoo waan biraa
jechaa akka jiran beekamaadha.Fincila xummura gabrummaa galmaan geenyu malee
duubatti deebi’uun hin jiru jechuun kan dhaadatanis jiru.Garuu dhaadannoon
isaanii kun Ummata bal’aa Oromootiin kan deeggarame miti.Oromoon Nagaa
barbaada,Naqaa qaama biraas jeequu hin barbaadu.
Sabni Oromoo man’ee
shoroorkeessistootaa ta’uufis iddoo hin qabu.Kan maqaa isaatiin daldalaa garaa
isaanii guuttatan eenyufa’i akka ta’anis sirritti beeka,kanaaf wayita ammaa
kana Ummanni Oromoo qaama faayidaafi mirga isaa sarbuufi sarbisiisuuf deemuu
hin fedhu,fagootti ofirraa qolata.kan dhiyeenya qabatamaan mul’ises kanuma akka
ta’e beekamuu qaba.
Alaabaa ABO iddoo
adda addaatti mirmirsuuniifi ijoollee Oromoo maallaqaan mooqsuudhaan kiliippii
sirba waraanaa sirbisiisuun jijjiiramni fidu tokkollee hin jiru.Qaamonni
kallattiidhaan kanaan fayyadamaa jiran eessa akka jiraatan,akkamitti akka
jiraachaa jiran Sabni Oromoo sirritti beeka.kanaaf turjumaana hin fedhu.
Kanneen Oromoo
gabrummaa keessaa baafna jechuu dhaadataniifi akka malee wixifachaa jiran ofumaanuu
gabrummaafi ergamtummaa jala jiru waan ta’eef kana jalaa of baasuuf utuu
carraaqanii wayyaaf.Maqaa Saba Oromoo waamuudhaan fedhii dhuunfaa guuttachuuf
kaachuun eessumaanuu akka nama hin geenya sochii darbe irraa hubachuun
barbaachisaadha.
Ummanni Oromoo
amma dhaabbata qabsoo isaa kallattii sirriidhaan hoogganuuf tokkicha qaba.Innis
Dhaabbata Demookraatwa Ummata Oromooti.Utuu Dhaabni kun lubbuudhaan jiruu Sabni
Oromoo qaama kamiiniyyuu burjaajeeffamee gabrummaa kanaan dura dugdasaa
madeesse jalatti deebi’ee hin galu.Nafxanyaa Amaaraa barbadeessee
awwaaleera.
Nafxanyaa Oromoo isuma keessaa ba’aniin gabroomuu hin barbaadu.Oromoon
saba goota ta’edha.Oromoon irkoofi utubaa biyya Itiyoophiyaa jedhamtu kanaa
akka ta’es hubatamuu qaba.kan kana wallaale seenaa haa qoratu,haala qabatamaa amma jirus haa
xiinxalu.kanaan achitti xummura fincila gabrummaa jechuun wixiffachuun gatii
tokkollee hin qaba.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ