Raayyaan Eertiraa dubbii barbaade gobameera

Mootummaan Eertiraa Dilbata kaleessaa waxabajjii 5 bara 2008 ganama adda Tsooranaatiin haleellaa raawwachuuf waan yaaleef raayyaan ittisa Itiyoophiyaa tarkaanfii deebii akka fudhate waajjirri dhimmoota koomunikeeshinii mootummaa beeksiseera.

Raayyaan ittisa Itiyoophiyaa tarkaanfii walsimaa fudhate kanaan humni miidhaa geessisuu raayyaa Eertiraa haala ol’aanaadhaan akka dadhabe waajjirichi ibsa galgala kana baaseen mul’iseera.

Raayyaan Eertiraa waan yaade raawwachuun miliquu akka hin dandeenye tarkaanfii walsimaa fudhatmeen baruumsa akka argate tilmaamama jedheera ibsi waajjirichaa.

Ibsi waajjira dhimmoota koomunikeeshinii mootummaa kun mootumaan Eertiraa cunqursaa suukaneessaa ummata isaarratti raawwatuufi gocha yakka mirga Namoomaa sarbuu dhala Namaa irratti raawwateen gabaasa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitiin eeramuunsaa jeeqama keessa akka galcheneis himeera.
Yaaliin tuttuqaa kun xiyyeeffannoo ummata Ertiraafi hawaasa idila Addunyaa jijjiirsisuuf kan yaadame akka ta’es waajjirichi ibsa isaa kanaan hubachiiseera.

Raayyaan ittisa Itiyoophiyaa tarkaanfii cimaa fudhateen humni waraanaa Eeriraa miidhaa geessisuuf socho’e hundi guutummaatti akka rukutame kan eere ibsi waajjirichaa tarkaanfiin raayyaa ittisa Itiyoophiyaa itti aanu sochii mootummaa Eertiraatiin kan murteeffamu akka ta’e hubachiiseera.

Mootumaan eertiraa amala badaa qabuun dhimmicha babal’isuu irraa yoo of qusachuu baates raayyaan ittisa Itiyoophiyaa adabbii barsiisaafi tarkaanfii walsimaa fudhatu akka itti fufus ibsi waajirichaa beeksiseera.

Mootumaan Itiyoophiyaa akkuma barame dhimmicha irratti ummata Itiyoophiyaatiif odeeffannoo gahaa akka kennus ibsa waajjirichaatiin eerameera.


አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa