Suntuuruu mira Girmaa Asmaroom
Namni kun dhaabbata mootummoota Gamtoomanitti Ambaasaaddara Mootummaa abbaa irree Eertiraati.Jechi abbaa irree jedhu kun garuu umuriin isaa akka gabaabbate tarkaanfii cimaa raayyaan ittisa Itiyoophiyaa tibbana Mootummaa Eertiraa irratti fudhateen seenaa ta’ee darbeera.
Dhaabbata mootummoota Gamtoomaniitti waggoota hedduuf Ambaasaaddara Eertiraa ta’uudhaan tajaajilaa kan jiran Girmaa Asmaroom waa’ee tarkaanfii loltummaa tibbana Raayyaan Itiyoophiyaa fudhatee irratti gaafatamanii wayita dubbatan gadda cimaa keessa akka galan mira dubbii isaaniitu mul’isa.
Kanaan dura dhaadannaa cimaa dhageessisuun kan beekamu qondaalli Eertiraa kun onneen isaanii suntuuree Itiyoophiyaafi Eertiraan Nagaa malee waraana irraa wanti fayyadaman akka hin jirre yeroo jalqabaatiif dubbachuun isaanii dhaga’ameera.
Akkanatti kan afaan isaan qabachiise tarkaanfii boonsaa raayyaan ittisa Itiyoophiyaa tibbana daangaa Tsooranaatiin loltoota Eertiraa irratti fudhatedha.Akka dhaga’amaa jirutti tarkaanfii raayyaan Itiyoophiyaa fudhate kanaan Raayyaan Eertiraa birgeediin tokko guutummaatti barbadaa’eera.Amma kanatu isaan boochisaa jira.
Biyyi teenya Itiyoophiyaan gocha shororkaa ergamtoota Eertiraatiin yeroo adda addaatti raawwatamaa tureen baay’ee miidhamtee jirti.Miidhama kana keessaa ba’uuf carraaqqiin taasisaa turtes beekamaadha.Balaa shoroorkeessitummaa ittisuudhaan yaaddoo malee hojii misoomaafi guddinaa itti fufsiisuuf qabsoon Itiyoophiyaan taasisaa turte kunoo amma bu’aa qabatamaa argamsiisaa jira.
Borumtii Raayyaan keenya garee al-Shabaab Soomaaliyaatti barbadeessetti loltoota Eertiraa dubbii barbaacha dhufanis haleeluudhaan Mootummaa Eertiraa qaanessuu danda’uun Itiyoophiyaadhaaf injifannoo ol’aanaadha.
Injifannoo galmeeffame kanaan shaabiyaan akka malee yoo gaddu firaafi michuun Itiyoophiyaa ammoo gammachuu ol’aanaa qabu.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ