Bu’urri Milkaa’ina hundaa ilaalcha sirriidha

Bu’aa barbaadamu tokko galmeessisuuf karoora ilaalcha sirrii irratti hundaa’e qabachuun barbaachisaadha.karoorri damee hojii kamiiniyyuu ilaalcha sirrii irratti hundaa’uudhaan qabame tokko turus bubbulus kallattii sirrii hordofuudhaan hojii irra kan oolu yoo ta’e bu’aa barbaadamu sana argamsiisuun isaa waan oolu miti.


Fakkeenyaaf qonnaan bulaan tokko lafuma qabu irratti midhaan omishu dachaadhaan dabaluuf karoorfachuudhaan kan hojjechuu barbaadu yoo ta’e karoorri isaa kun ilaalcha sirriidhaan kan deeggarame ta’uu qaba.Qonnaan bulaan karoora hammentaa omishasaa dabaluuf yaade kun sirna qonna hammayyaa’aa hordofuufi teeknooloojiiwwan qonnaa haarawa argamanitti fayyadamuutu irraa eegama.

Lafa sanyiin irratti facaafamu sirritti qotuudhaan sanyii filatamaafi xaa’oo barbaachisaa biyyee lafa isaatiif mijaa’aa ta’e fayyadamu malee omishi midhaanii barbaadame sun argamuu hin danda’u.Gorsa ogeeyyoonni qonnaa kennanittis fayyadamuudhaan hojiirra oolchuun bu’a qabeessummaadhaaf murteessaadha.

Qonnaan bulaan,dura karoora omishasaa dachaan dabaluu qabate bu’aa barbaadu ijaan arguddhaan fayyadamaa ta’uu kan danda’u ilaalcha sirrii sanyii filatamaa,xaa’oofi gorsa ogeeyyiitti fayyadamuun barbaachisaa ta’uusaa deeggaru kan qabu yoo ta’e qofadha.

Lakkii kun bu’aa hin qabu xaa’oos ta’e sanyii filatamaatti hin fayyadamu,gorsi ogeeyyotaas wanti naaf fidu hin jiru mirga guutuus waanan qabuuf lafakoo kireesseen fayyadama jechuun qonnaan bulaan lafasaa bu’ura jireenyasaa ta’e faayidaa yerootiif jecha kan kireessu yoo ta’e gochi raawwate kun ilaalcha dogongoraafi dhiibbaa humnoota badiisaa hawwaniin kan qindaa’e waan ta’eef xummurri qonnaan bulaa ilaalcha dogongoraa kanaan murtee ta’uu hin qabnerra ga’ee rakkoo sukaneessaa ofiifi maatiisaa miidhu keessa galuudha.

Dhimma qonnaan bulaa kana fakkeenyumaafan kaase malee haalli kun dameewwan ogummaa kanneen birootiifi sochii jiruufi jireenyaa kanneen biroo keessattis kan qabatamaan mul’atee argaa jirrudha.

Akkuma hubatamu ilaalchi sirriin eessumattu yoo ta’e deeggaraa baay’ee qaba.Kun kan ta’u ilaalchi sirriin xumura irratti bu’aan argamsiisu baay’oota biratti fudhatama kan qabu waan ta’eefi.

Faallaa kanaatiin ilaalchi dogongoraan fudhatama argachuu kan danda’u qaamotaafi Namoota lakkoofsaan muraasa ta’an birattidha.Namoonni muraafni kunis ilaalcha dogongoraa hordofuu kan danda’an beekumsa dhabuudhaan,fedhii yeroo guuttachuuf,akkasumas ammoo badiinsa hordofuun amaluma isaanii waan ta’eef ta’uu danda’a.

Hundumaafuu kan hawaasa biratti fudhatama qabuufi ofiifis ta’ee lammiidhaaf bu’aa barbaadamu argamsiisuu danda’u hojii sirrii ilaalcha sirrii irratti hundaa’e qofa akka ta’e hubatamuu qaba.Milkaa’ina hundi ilaalcha sirrii ta’e irraa madda!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa