Yeroon qoruumsaa kutaa 12ffaa torban tokko dabale
Qormaanni kutaa
12ffaa seensa dhaabbilee baruumsa
ol'aanaa Adoolessa 4 hanga 7 bara 2008’tti
akka kennamuuf murteeffamuu ministeerri barnootaa beeksiseera
Ministeerichi ibsa
har’a kenneen akka jedhetti qormaatichi Caamsaa 22,2008 eegalee kennamuuf
karoorfamee ture sababii qormaatichi hatamee ba’een guyyaa fi qormaaticha
jijjiiruun barbaachisaa ta’eera.
Ministeerichi
sababa kanaan qoruumsi hundmumtuu akka haqamu taasisuudhaan Waxabajjii
27-30,2008 akka akka kennamuuf murteessee ture.
Haata’uutii yeoon
qoruumsaa sooma Ramadaanaa wallin waan walirra bu’eef, Manni Maree waliigalaa
Dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaa soomaan booda akka ta’uuf waan gaafateef guyyaa
qoruumsaa dura murteeffame jijjiiruun murteessaa akka ta’e ibsa
ministeerichaatiin eerameera.
Milkaa’ina
qoruumsichaatiif qophiin barbaachisaan marti ofeeggannoon taasifamaa waan
tureef barattoonnis Adoolessa 4 waraqaa eenyummeessaa qormaataaf laatameef
qabatanii qormaatamuuf akka dhiyaatan ministeerichi hubachiiseera.
Ministeerichi
manneen barnootaa fi barsiistonni keessa deebi’anii barattootaaf deeggarsa
barbaachisaa ta’e yeroo kenname kana keessatti akka taasisaniif ministeerichi
dhaameera.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ