Mootummaan Naannoo Oromiyaa Dargaggootaaf Tiraaktara kenne
Godina shawaa
bahaatti Dargaggoota 160 waldaalee ja
llisii 13’n gurmaa’aniif maallaqa ka’umsaa
qusataniif mootummaan Naanoo Oromiyaa birrii miliyoona 12 caaluun tiraaktaroota
qonnaa 13 bituudhaan kenneera.
Waldaalee kanaaf
furtuuwwan tiraaktaraa kan kennan itti aanaa pirezidaantii Oromiyaafi
hoogganaan Biiroo SSBG Obbo Isheetuu Dassee dargaggootni mootummaan tiraaktara
bitee kenneef kun cimanii halkaniifi guyyaa hojjechuutu irraa eegama
jedhaniiru.
Dargaggoonni kun
yeroo gabaabaa keessatti gara abbaa qabeenyummaatti ce’uun ce’umsa biyyi keenya
gara indaastiriitti taasisaa jirtu dhugoomsuu akka qabanis obbo Isheetuun
dhaamaniiru.
Waajjirri
dhimmoota koomunikeeshinii godina shawaa bahaa akka himetti godinichatti
Dargaggoota kuma 16fi 360 hojii
qabsiisuuf karoorfamee hanga ammaatti dargaggoota kuka 13fi 200 hojiitti
bobbaasuun danda’ameera.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ