Filatamuu Itiyoophiyaafi mira diinawwanshee
Waldaan
Mootummoota Addunyaa diigamuun dhaabbanni Mootummoota gamtoomanii amma jiru
wayita hundeeffamu ardii Afrikaa keessaa miseensa ta’uudhaan kan hundeessan
Itiyoophiyaafi Laayibeeriyaa qofaadha.Kun ta’uu kan danda’e Itiyoophiyaafi
Laayibeeriyaan wayita sanatti biyyaalee ardii Afrikaa keessaa koloneeffattoota
Awurooppaatiin kan hin bulle waan ta’aniifi.Biyyaaleen Awurooppaa kanneen biroo
baay’oonni bittaa koloneeffannoo biyyaalee Awurooppaa jala waan turaniif
hundeessitoota dhaabbatichaa ta’uuf hin carroomne.
Dhaabbatichi
hundeeffamuun sochii erga eegalee asitti Itiyoophiyaan yeroo lama mana maree
tasgabbii dhaabbata mootummoota gamtoomanii keessatti filatamuudhaan
tajaajiltee jirti.Kunis kan ta’e akka lakkoofsa warra Awurooppaa bara
1967-1968,akkasumas bara 1989-1990’tti Itiyoophiyaan miseensa mana maree
tasgabbii ta’uudhaan hawaasa idila Addunyaa tajaajiltee jirti.
Kunoo kaleessas
marsaa sadaffaadhaan miseensa mana marichaa ta’uun waggoota lamaaf tajaajiluuf
biyyaalee ardii Afrikaa bakka bu’uudhaan caalmaa sagalee ol’aanaadhaan
filatamtee jirti.Odeeffannoon jiru akka mul’isetti miseensoota dhaabbatichaa
yaa’ii waliigalaa irratti argaman 190 keessaa sagalee biyyaalee 185 argachuudhaan
caalmaa ol’aanaadhaan filatamte.Akkaataa kanaan ALA baatii Amajjii bara
2017-2018’tti miseensa mana maree tasgabbii dhaabbata mootummoota gamtoomanii ta’uun
kan tajaajiltu ta’a.Itiyoophiyaan ardii Afrikaa bakka bu’uudhaan itti gaafatama
ol’aanaa kana kan fudhatte biyya Angoolaa jedhamtu bakka bu’uudhaani.
Itiyoophiyaan akkamitti filatamuu
dandeesse?
Biyyaaleen
Addunyaa lakkoofsaan 185 ga’an Itiyoophiyaa akkamitti filachuu danda’an?
gaaffiin jedhu ka’uu danda’a.ALA bara 1950 irraa eegaluudhaan biyyi teenya
Itiyoophiyaan ergama Nagaa kabajisiisuu dhaabbata mootummoota gamtoomanii
keessatti hirmaachaa jirti,ergama kana hanga ammaatti akka itti fuftee jirtus
beekamaadha.
Kanaan dura
Itiyoophiyaan Kooriyaa,Koongoo,Ruwaandaa,Burundiifi Laayibeeriyaatti loltoota
ishee bobbaasuudhaan ergama Nagaa kabajisiisuu itti kenname ga’uumsaan baatee
jirti.Wayita ammaas Suudaan,Suudaan kibbaafi Soomaaliyaatti ergama Nagaa
kabajisiisuu idila Addunyaa ga’uumsaan ba’aa jirti.Ga’uumsi Itiyoophiyaan gama
kanaan mul’ifteefi ammaan tanas mul’isaa jirtu mana marichaa keessatti marsaa
sadaffaadhaan caalmaa sagalee ol’aanaadhaan akka filatamtuuf shoora ol’aanaa
gumaacheera.
Kana malees Nagaa
Naannawa Afrikaa bahaa kabajisiisuudhaan beekkamtiin Itiyoophiyaan argatte
waltajjii idila Addunyaa kana irratti dhiyaachuudhaan akka filatamtuuf shoorri
gumaache ol’aanaadha jechuun ni danda’ama.
Itiyoophiyaan
baqattoota biyyaalee Addunyaa kamirraayyuu dhufaniif balbalashee banuun
keessummeessaa jirti.Kanaanis Itiyoophiyaan biyyaalee ardii Afrikaa keessaa
biyya adda dureedha.
Ministirri dhimma
alaa Dr.Teediroos Adihaanoom akka himanitti Itiyoophiyaan Nagaafi tasgabbii Addunyaatiif
kutannoodhaan waan hojjetteef sagalee Afrikaanoota hundaa argachuu dandeessee
jirti.
Filatamuudhaan bu’aan argamu maalidha?
Miseensa mana
maree tasgabbii dhaabbata mootummoota gamtoomanii ta’uun faayidaawwan hedduu
akka qabu himama.Bu’aawwan kanneen keessaa dhaga’amtummaan Itiyoophiyaan
biyyaalee Addunyaa biratti qabdu kan dabalu ta’uunsaa faayidaa adda
durummaadhaan eeramudha.
Waldhabdee
biyyaalee kamiyyuu keessatti mudatuuf biyyattiin ejjennoo ofii akka qabattu,shoorri hooggantummaa ardii
Afrikaa keessatti qabdu akka dabaluufi faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf miseensa
mana maree tasgabbii ta’uun shoora ol’aanaa gumaacha.
Yuuniivarstii
Finfinneetti hayyuun saayinsii siyaasaafi quunnamtii idila Addunyaa gargaaraan
piroofeesar Dammaqa Axxisoo FBC’tti akka himanitti miseensa mana maree
tasgabbii ta’uun faayidaa kallattiifi al-kallattii qaba.
Faayidaan
kallattiin argamu biyyattiin iddoo sadarkaa idila Addunyaatiin qabduufi
kabajaan argattu akka dabalu taasisuun biyyaalee guddattan wajjin hojjechuuf
carraan walta’uusaan hojjechuu kan uumamuufi ta’uusaati.Kuns deeggarsi
Itiyoophiyaan biyyaalee guddatan irraa argattus akka dabaluuf shoora kan
gumaachu ta’uusaa piroofeesar Dammaqan himaniiru.
Gama faayidaa
al-kallattiitiin ammoo dhaga’amtummaan dippiloomaasii biyyattii kan dabalu ta’a
jedhaniiru.
Ministeera dhimma
alaattii qindeessaan mana maree tasgabbii dhaabbata mootummoota gamtoomanii
ob.Tsaggaa Kibabaw gamasaaniitiin Itiyoophiyaan marsaa 3ffaan miseensa mana
marichaa ta’uu danda’uunshee imala miseensa dhaabbata Daldala Addunyaa ta’uuf
taasisaa jirtu kan deeggarudha jedhaniiru.
Mirri Diinoota Itiyoophiyaa akkam ta’e?
Sirni misoomawaa
Demookratawaa toora Dh.D.U.O/A.D.W.U.I’tiin hoogganamu Itiyoophiyaan biyya
maqaanshee busheeffamu utuu hin taane biyya maqaamshee biyyaalee Addunyaatiin
lelifamu akka ta’uuf shoora gumaacheera.
Itiyoophiyaan
bara sirna Hayilassillaasees ta’e sirna Darguu keessa miseensa mana maree
tasgabbii ta’uun kan ammaa kana wajjin garaa garummaa ol’aanaa qaba.Yeroo Ummattoonni
Itiyoophiyaa jireenya gabrummaafi hiyyummaan beekamanitti miseensa ta’uuniifi
bara ijaarsi sirna Demookratawaa akka dagaagu taasifamaa jirtuttiifi qabsoon
farra jireenya hiyyummaa finiinaa jirutti miseensa mana maree tasgabbii ta’uun
tokko ta’uu hin danda’u.
Dhimma kana mira
gartummaa dhaabbilee siyaasaafi fedhii dhuunfaa irraa bilisa ta’uudhaan
ilaaluun barbaachisaadha.Maqaan biyya keenyaa Addunyaa irratti waamamuufi
kabaja guddaa argachuun faayidaa siyaasaafi diinagdee ol’aanaa akka qabu
hubachuun murteessaadha.
Hundumaafuu mirri
diinoota Itiyoophiyaa biyya keessas ta’e biyya alaa jiraatanii injifannoo
Itiyoophiyaan galmeessifte kanaan sunturraa’eera.qabbanaa’eera bishaantu itti
dhangala’e jechuun ni danda’ama.
Dhiphoonni,of
tultoonni,mankaraarsitoonniifi kiraa sassaabdoonni injifannoo biyyi teenya
Itiyoophiyaan kaleessa goonfatte kanaan nigaddu malee nigammadu jedhamee hin
eegamu.Isaan kan gammadaniifi akka malee kan fishiliqan oduun kufiinsaafi
badiinsa Itiyoophiyaa mul’isu wayita dhaga’amudha.
Oromoon kana keessaa maal qaba?
Sabni Oromoo
utubaa biyya kanaa akka ta’e kan haalu yoo jiraate inni gowwaadha,ykn.kan
wallaalummaadhaan jaanja’edha.Ummanni Oromoo akkuma sabaafi sablammoota kanneen
biroo injifannoo galmeeffame kana keessa shoora adda durummaa qaba.Hunduma
keessaa ammoo kan caalu gumaacha Oromooti.
Dhiphoonni
siyaasa jibbiinsaa oofaa jiran injifannoo biyyi teenya Itiyoophiyaan
galmeessifte kanaan boonuu hin danda’an.Isaan kan barbaadan Itiyoophiyaan
salphattee biyya kufte akka taatuufi carraa kanaanis Nafxanyaa Oromoo ta’uudhaan
Ummata Oromoo jireenya gabrummaa jalatti deebisuudha.
Of tuultoonni
ammoo durumaanuu Saba Oromoofi sabaafi sablammoota kanneen biroo gaqi
qicuudhaan tuffatu waan ta’eef bu’aa tumsa sabaafi sbbalammoonni Itiyoophiyaa
galmeessisan kanaan ni gammadu jedhamee hin eegamu.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ