ልጥፎች

Qabsoon Keenya Ceheera

ምስል
  Firaa fi Diinafuu! Finfinnee Amajjii 21/2013(TW) Bubbee beektuu? Bubbeen yaraan waa halle sochoofata! Biyya kanatti hojii caalaa oduutu gurra argata! Kanaaf otoo dhugaan himamuu ololli kijibaa oggasuu biyya dhuunfata! Jidduu kana ammoo ololli toora masaraa Muummichaa marfata.Kijibaa hundi dhibamuu ykn. ajjeefamuu Dr Abiyyi abjoota! Ammoo dubbichi qabsoo ummataatiin wal-qabata.Firri waan dhibeen ykn. duuti Dr. Abiyyi qabsoo ummataa gufachiisu se'ee sodaata!Diinni fagoo fi dhiyoo ammoo "Abiyyi ajjeesuun badhaadhina Itoophiyaa maseensuu dha" jedhee hamoommata! Martuu ofumaa waan hin taaneen rakkata! Kunoo hardhas Muummichi waa hojjata! Eeyyeen dhugaa dha! Dhalli namaa dhibamuu fi du'uu hin oolu! Dr. Abiyyi ilma namaati.Wanti nama mudatu martuu isa mudatuu mala! As irratti of gowwomsuu hin barbaachisu! Dhugaa fudhatanii bilchinaan dubbii ilaalutu karaa dha! Waa sadi sirriitti eeggatuu barbaachisa. Tokko duula ololaa dandamatuu dha. Diinni guyyuu sangaa dhalchiisa! O...

Birriin miiliyoona 10 badhaasaaf qophaa’e

ምስል
 Finfinnee,Muddee 09/2013(TW) Minsteerri Raayyaa ittisa biyyaa badhaasa qopheesseera Hooggantoota Juuntaa ABUT bakka isaan jiraan kan eereef Birriin miiliyoona 10 badhaasaaf qophaa’u Raayyaan Ittisa Biyyaa beeksise. Leetanaal Jenaraal Asiraat Denneeroo guyyaa har’aa akka ibsanitti hooggantoota Juuntaa ABUT yeroo gabaabaa keessatti too’annoo jala oolchuuf carraaqqii taasifamuuf badhaasni qophaa’uu beeksisaniiru. Miseensoonni Juuntaa akka bittinnaa'an himamaa kan jiru yammuu ta'u kanneen lubbuun darbes akka jiran odeeffamaa jira.Odeeffannoon kun hanga ammaatti qaama mootummaatiin kan mirkanaa'e miti.

ቀጥታ አዲስ አበባ ስቱዲዮ ምሽት 12፡00 ዜና ሙዳይ ባሕር ዳር፡ ኅዳር 30/2013 ዓ.ም (አብመድ)

ቀጥታ አዲስ አበባ ስቱዲዮ ምሽት 12፡00 ዜና ሙዳይ ባሕር ዳር፡ ኅዳር 30/2013 ዓ.ም (አብመድ)

የህዝብ ተወካዮች ም/ቤት 6ኛ ዓመት የስራ ዘመን 2ኛ ልዩ ስብሰባ- |etv

ምስል
ምስል
  Addaggeefi Guddis-Baddeetu gufuu ta'aa jira Oromoon naamusa qaba.Naamusni Oromoo hundaaf tola.Kaanitti gufuu hin ta'u.ILaafi ilaameetti fayyadama.Ana qofatu beekaadha hin jedhu.Hunda hirmaachisa,hammachuu beeka. Bara Oromoon hawwii taayitaa biyya bulchuu guuttateefi mirga abbaa biyyuummaa goonfate kanatti gufuu ta'aa kan jiru addaggeefi guddis-baddeedha. Kanneen kun Oromoo keessaa ba'anii kaaniif ergamuudhaan aadaafi safuu Oromoon qabu qarxam godhanii kan cabsanidha.Addaggeefi guddis-baddeewwan kun adabatanii akka taa'an gochuun inuma danda'ama.Addaggeen fuula ilaaluun sochooti.Fuula ilaaluudhaan mataarra koruuf wixiffatti.Haalli Addaggeen ittiin deemtu kun sadarkaa gadii hanga olitti jira. Waan kana fakkeenyaan ilaalluun barbaachisaadha.Jijjiirama mootummaa biyya keenyaa akka fakkeenyaatti haa fudhannu.Sirni bulchiinsa ADWUI jijjiiramee Paartiin Badhaadhinaa haa dhufu jedhamnaan addaggeen keenyaafi warra kaanii walitti dhuftee waca dhageessisaa akka turte hun...

Hidhi Haaromsaa Guddichi mallattoo walabummaa biyyoolessaa keenya

ምስል
Hidhi Haaromsaa Guddichi mallattoo walabummaa biyyoolessaa keenya jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad. Dooktar Abiy kana kan jedhan yeroo gabaasni ijaarsa hidhichaa bakka miseensonni boordii fi hoggansi proojaktichaa argamanitti yammuu dhiyaatefitti. Ijaarsi hidhichaa akkaataa karooratiin hojjetamuu isaatin raawwin isaas %75rra qaqqabuun ibsameera. Dooktar Abiy ummanni milkiiwwan egereerratti xiyyeeffachuun hojjechuu akka qabus ibsaniiru. Qaamni hidhicharratti gufuu ta’u, faayidaa biyyoolessaa Ityoophiyaa dabarsee laachaa akka jiru hubatamuu qabas jedhan. Hanga ammaattis Birrii biiliyoonni dhibbi 1 fi biiliyoonni 20 baasii ta’eera. Hoji gaggeessaa olaanaan hidhichaa Injiinar Kiflee Horroon proojakticha xumuruuf Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 60 kan barbaadu ta’uus eeraniiru. Bishaan kiyuubiik biiliyoona 10.5 qabachuuf kan barbaachisu keessaa hojiin siiviilii %88 xumuramuu eeraniiru. Hojiin elektiroo meekaanikaalaa %46 irra, hojiin sibiilotaa %33 irra ga’eera. Hidhic...

Dhugaadha,Hawaasni Dammaqeera!

ምስል
Finfinnee Hagayya 13/2012(TW) Isaan biyya alaa taa’anii Bargarii ciffachaa biyya keessatti sochiin diinagdee akka hin jiraanne gochisiisuu barbaadu.Yoo onnee qabaatan maalif biyyuma keessa taa’anii waan harka nama biraatiin gochuu barbaadan kana ofumaaf hin goonee? “Harka namaatiin ibidda qabachuun nama hin dhibu” Humnoonni badii baandaa ta’nii socho’aa jiran haala qabatamaa amma jiru hin beekan.Hubannoon fedhii Ummataa irratti qabanis hin jiru.Ummanni Nagaa,Misooma,Badhaadhina barbaada. Daandiin cufamee,sochiin diinagdee dhaabbatee faayidaan argamu tokkollee akka hin jirre Ummanni bal’aan sirritti hubateera.Hawaasni marti dammaqeera.Hawaasni dammaquun dhugaa jiru hubate ammoo waamicha kashlabbootaatiif gurra kennuu akka hin dandeenye qabatamaan mul’ateera. Humnoonni moggaasa 12 12 12 jedhuun waamicha sochii ugguruu marsaa 3ffaa taasisan salphataniiru.Salphina tarkaanfii hawaasa dammaqeen haguuggatan kana keessaa yoomiyyuu ba’uu hin danda’an.Sochiin Ummanni jijjiiramaafi guddinaaf ta...