Bu’ura maxxantummaa diiguuf hojjetamuu qaba!

Maxxantummaan hiika addaa hinqabu.Maxxantummaan Ilaalcha of tuulmmaafi dhiphimmaati.Maxxantummaan ilaalchaafi gochaan balaa ol’aanaadha,Nama balleessa,biyya miidha.Utuu maxxantummaan jiraachuu baatee hunduu waqixa deema.Sababa maxxantummaatiin imala walqixxummaatti gufuun uumame.
Barreeffama kanaan abbaa dhiphummaafi of tuulummaa kan ta’e maxxantummaa kaaseen sukkuumee ilaaluu barbaade.Nuti akka sabaatti sababa maxxantummaatiin waan dhabneefi arganne ilaaluun barbaade.dubbisa gaarii isiniif haata’u.
Maxxantummaan gufuu walqixxummaafi waldanda’uuti.Rakkoo kana mala kamittuu fayyadamuudhaan dhabamsiisuun barbaachisaadha.Maxxantummaan dhabamu malee walqixa fayyadamuufi jiraachuun rakkisaa ta’a.Kanaaf hundumtuu maxxantummaa irratti kutannoodhaan qabsaa’uudhaan akka dhabamu taasisuun dirqama ta’uu qaba.
Bu’urri maxxanxummaa maalinni?jechuun gaafachuun murteessaadha.Dhiphummaafi of-tuulummaan bu’ura of danda’e qabu.Bu’urri ilaalchaafi gocha dhiphummaa gadaantummaadha.Kan gadi qabee of ilaalu dhiphummaa keessa seenuunsaa waan hinoolledha.Namni gadaantummaa qabu irraa ka’uudhaan gara ilaalchaafi gocha dhiphummaatti seena.
Namni sababa gadaantummaatiin ilaalchaafi gocha dhiphummaa keessa cuuphame mira gadaantummaa sammuusaa keessa deddeebi’uun miseensoota saba biroo shakkuuf dirqama.Yeroo baay’ee kaan irraa fagaachuudhaan Namoota natti aanu jedhutti akka malee maxxana,Ilma Naannookoo,ijoollee laga tokkoo jechuun fakkaattoota isaa filata,waraabessi lagakoo nahaanyaatu jedhee amana.Waraabessi waraabessuma jedhamee yoo itti himamu gonkumaa hinfudhatu.
Namni gadaantummaan mataa gadi qabachiise sababa adda addaa uumuudhaan abalu kana qaba,ani garuu hinqabu,abaluuf kun ta’eera,anaaf ammoo hintaane,sababiin kanaa ani miseensa saba kanaa waanan ta’eefi,abalu ammoo wanti hunduu kan guutameef miseensa saba abaluu waan ta’eefi jechuun jette jettee afarsa.Oduu jette jettee afarsu kanaan Namoonni biroos akka isa hordofaniif carraaqqii ol’aanaa taasisa.Kanaaf haala kan mijeessuuf mira gadaantummaa sammuu isaa keessatti argamuufi yeroo mara itti deddeebi’udha.
Waggoota darban keessa haala kanaan namoonni baay’een miidhamaniiru,of miidhuurra darbuudhaanis namoonni kanneen biroo ilaalcha badii isaan sammuu keessa naanneffachaa jiraataniin akka miidhaman taasisaniiru.Sababa rakkoo dhiphummaatiin miidhaan namoota dhuunfaarras ta’e hawaasarra ga’e asii hanga asiiti jedhamee kan himamee xumuramuu danda’u miti.
Rakkoon ilaalchaafi gocha dhiphummaa namoonni haala suukaneessaadhaan akka miidhaman taasisu kun sabaafi sab-lammoota baay’ee keessa jira.Akkuma dhalataan Oromoo dhiphaan jiru,dhalataa Tigraay keessas ilaalchaafi gochi dhiphummaa jira.Sabaafi sabalammoota Naannoo ummattoota kibbaa keessas dhiphoota baay’eetu jira.Rakkoon ilaalchaafi gocha dhiphummaa kun maalif sabaafi sab-lammoota irratti argama jechuun gaafachuun gaaffii barbaachisaadha.
Akkuma beekamu saboonni,sab-lammoonnifi ummattoonni biyya keenyaa waggoota hedduuf sirnoota abbaa irreefi gita bittootaatiin bulaa turan.Hacuuccaafi cunqursaan giti bittootaa sabaafi sab-lammoota irratti raawwatan hawaasni mataa gadi qabatee akka jiraatuufi waan isaan jedhan qofaan akka deemuuf dirqamsiisaa ture.Haalli kun ammoo dhalootaa dhalootatti darbaa dhufuudhaan sirna bulchiinsa ammaa keessattis walshakkiin akka uumamuufi ilaalchiifi gochi dhiphummaa akka cimee itti fufuuf haala mijaa’aa uume.
Kan biraa dhiifnee haala Oromoo keessa ture yammuu ilaallu Sabni Oromoo akka sabaatti saba rakkoo dhiphummaatiin beekamu miti.Oromoon akka sabaatti saba dhiphaa miti.Saba kamiyyuu keessa akka Sabaatti hundumtuu dhiphaadha jechuun hin danda’amu.Haala dhiphoota Saba Oromoo keessa jiranii yammuu ilaallu,Oromiyaa’tti namoonni baay’een rakkoo dhiphummaatiin xaxamanii akka jiraataniif haala mijaawaa kan uume adda bilisummaa Oromoo-ABO’dha.
Dhaabbanni Maqaa Saba Oromoo waamaa qabsoorran jira jechuun waggoota 40 caalan lakkoofsiseefi daldala siyaasaa irra jiru kun haala mijaa’aa argateen summiin dhiphummaa keessumattuu bara 1983 asitti Oromiyaatti facaase dhalattoonni Oromoo hedduun akka miidhamaniifi haalli jireenya isaanii faalla’ee suukaneessaa akka ta’uuf balbala bal’aa baneera.
Hoogantoonni dhaaba kanaa akkuma wayitii ammaa biyya alaa taa’anii gochaa jiran Ijoollee Oromootiin ilaa kunoo akkuma sirnoota Nafxanyaa darbanii amma abalutu sicunqursaa jira,hamma yoomiitti hacuuccaa abaluu jala jiraattaa?jechuun summii dhiphummaa yeroo yerootti biifaniin sammuu dhalattoota Oromoo burjaajessaa turan,ammas ittuma jiru.Burjaaja’uumsa abbaan dhiphummaa ABO’n uumeen Ijoolleen Saba Oromoo keessaa baate baruumsa irraa gufattee karaatti haftee jirti,olola sobaa gadaantummaa faarsuun saba biroo jibbaan ilaaluufi baqannaadhaaf akka saaxilamanis taasisuun lubbuun marartuun akka dabartuuf haala mijaa’aa uumeera.
Rakkoon ilaalchaafi gocha dhiphummaa kun haala kanaan dhalattoonni Oromoo kan ittiin miidhaman ta’ee akka itti fufuuf hayyamamuu hinqabu!
Of-tuulummaanis akkuma dhiphummaa ilma maxxantummaati.Of-tuulummaan  obboleessa dhiphummaa ta’us faallaa isaati jechuun nidanda’ama.Gubbaatti ibsuuf akkuman yaale gadaantummaan bu’ura dhiphummaa yammuu ta’u ol’aantummaan ammoo bu’ura of-tuulummaati.
Of-tuulaan ati homaa hinbeektu,anatuu siif beeka jedha.Ati hinqaroomne,kanaaf anatu sileenjisa jechuudhaan of jaja.Ilaalchiifi gochi kun ol’aantuummaadhaan kan jiru gita bittaa Amaaraa awwaallisaa gadi faggeeffame keessa ta’us summiin waggoota hedduudhaaf biifame kadhattuu miseensa saba Amaaraa keessas akka jiru hubachuun barbaachisaadha.Ilaalchi dhalootaa dhalootatti darbaa ture kun har’as miidhaa geessisuuf yoo carraaqu mul’ata.Abbootiin ilaalcha of tuulummaa du’anii awwaalamanis harcaatoonnisaanii ilaalchi badii kun lubbuu akka horatuufi akka babal’atuuf hojjechaa jiru.
Egaa ilaalchawwan of-tuulummaafi dhiphummaa ilmaan maxxantummaa ta’an kun kanaan dura miidhaa ol’aanaa geessisaniiru.Nama dhuunfaa irraa eegalee hawaasni ittiin miidhameera.Lubbuun darbeera,qabeenyi barbadaa’eera.
Dhimma kana haalawwan dhiyeenya Naannoo Oromiyaa,Naannoo Amaaraafi Naannoo ummattoota kibbaa iddoowwan tokko tokkotti mudate wajjin walqabsiisuudhaan ilaaluun barbaachisaadha.Iddoowwan baay’eetti sababa rakkoolee hanqina bulchiinsa gaariitiin ummanni hedduun tajaajila barbaadu dhabuusaatiin mufatus mufannaa ummataa kana da’oo taasifachuudhaan lubbuun Namootaa akka darbuufi qabeenyi akka barbadaa’u kan taasise ilaalcha of-tuuluummaafi dhiphummaa akka ta’an shakkamuu hinqabu.Akkamitti?gaaffii jedhuuf wantootan gubbaatti fakkeenyaan walbira qabee kaase wajjin walitti fiduudhaan hubachuun barbaachisaadha.



አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman