Dogongora irraa of deebisuun ofumaaf tola!

Leenjiin,haaromsaafi hawaasatti makamuun jijjiiramaaf haata’u! dhaamsa lammiiwwan keenya dhaqqabuu qabudha.Lammiiwwan kuma 9fi 855 jiddu galeessawwan adda addaatti leenjii haaromsaa hordofaa turan kaleessa irraa eegalee gadi lakkifamuudhaan gara maatii isaaniitti deebi’aniiru.Lubbuudhaan baraaramtanii baga carraa gara maatii keessanitti deebi’uu argattan!
Kan carraa kana dhaban baay’eedha.Akka himamaa turettis Namoonni lakkoofsaan kuma 2 caalan gocha badii raawwataniin seeraan itti gaafatamuun isaanii dirqama waan ta’eef too’annoo jalatti hafaniiru.Kanaaf lammiiwwan amma gadi lakkifaman ni carrooman jechuun ni danda’ama.Umuriin ittiin turtan dhuunfaa keessan,maatiifi biyya keessaniif bu’aa gaarii kan ittiin galmeessiftan haata’u jedhamuun eebbifamuu qabu.
Jeeqamsi biyya keenya naannolee adda addaatti mudate waan adda addaa nutti mul’isuudhaan darbeera.Mootummaan amma jiru kun jeeqamsaan taayitaa isaarraa bu’uu danda’a jechuun kan abdataniifi olola sobaa humnoota badii biyya alaa jiraniin afarfamu fudhatanii kan amanan kutannoodhaan jeeqamsatti seenanii hirmaatan.
Jeeqamsa iddoowwan adda addaatti akka babal’atu taasifameenis lubbuun ilma Namaa marartuun dabarte,qabeenyi birrii miliyoona  hedduutti lakkaa’amus barbadaa’e.Mudannoon ture baay’ee gaddisiisaa ture.

Keesumattuu godinaalee Oromiyaa tokko tokkoofi Naannoo Amaaraa iddoowwan adda addaatti miidhaan ga’e asii hanga asii ga’a jechuudhaan dubbachuuf rakkisaadha.Sababa jeeqamsa mudateetiin lubbuun Namaa darbe hunda kan gaddisiisedha,qabeenyi humna diinagdee gadi aanaadhaan horatames sa’aatii muraasa keessatti irbaata Ibiddaa ta’uunsaa baay’oota gaddisiisee gaabbii keessa kan galchedha jechuun nidanda’ama.
Lammiiwwan jeeqamsa mudatetti beekaas ta’e utuu hinbeekin hirmaatan gocha raawwataniin akka gaabban wayita dubbatan dhaga’ameera.Leenjiin baatii 1fi guyyoota kudhaniif hordofan dhimmoota adda addaa irratti hubannoo guddaa akka argamsiiseefis mira kaka’uumsaa ol’aanaatiifi jijjiiramaatiin dubbatan.Dhuguma ilmi Namaa sababa adda addaatiin gochoota dogongoraa ni raawwata.Gochi dogongoraa namni raawwatu kan barachuun irraa of deebisu yoo ta’e kan fayyadamu abbuma.
Namoonni kaleessa gadi lakkifaman jiddu galawwan leenjii  Allaagee,Xoollaay,Awaash arbaafi Bir-shalaqoo’tti leenjifamaa kan turan yammuu ta’u dhimma heera mootummaa,warraaqsa halluu,imala haaromsa Itiyoophiyaafi shoora humni Dargaggootaa guddina biyyaa irratti qabu irratti xiyyeeffachuudhaan sanadoota qophaa’an irratti leenji’an.
Leenjitoonni murtee dabarsaniin jeeqamsi kanaan dura mudate ammaan booda ‘gonkumaa hindabalamu’jedhaniiru.Baruumsa adeemsa leenjiitiin argames hawaasatti makamuun hojiirra oolchuufi lammiiwwan kanneen biroos barsiisuuf akka qophaa’an yaada kennaniin mirkaneessaniiru.
Sirna lammiiwwan leenjii haaromsaa fudhatan gadi lakkisuu Xoollaayitti adeemsifame irratti muummichi ministiraa Hayilamaariyaam Dassaalanyiifi pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa argamaniiru.Muummichi ministiraa dhaamsa dabarsaniin heerri mootummaa dhiigaan kan barreeffame akka ta’e himuudhaan ammaan boodas gaaffii qabdan dhiyeessuu dandeessu,maqaa mirga gaaffii dhiyeeffachuutiin garuu sirna heera mootummaa balleessuuf jeeqamsa uumuun garuu dhorkaadha jedhan.
Isin “ammaan booda jeeqamsi hin dabalamu” jechuun murteessitaniirtu,Mootummaanis dogongorri hooggansa irratti mul’ise akka hindaballeef of haaromseera jedhan.Kanaan dura hooggansi mootummaa sadarkaa sadarkaan argamu gaaffii ummataa dhaggeeffatee deebii barbaachisaa ta’e kennuu irratti hanqina ol’aanaa kan mul’ise akka ta’e qorannoo haaromsa gadi fagootiin kan mirkanaa’e akka ta’ellee muummichi ministiraa Hayilamaariyaam himaniiru.Wayita ammaa mootummaan gaaffii dargaggootaatiif deebii kennuuf itti fufiinsaan of haaromsaa akka jirus dubbatan.
Biyyi teenya Itiyoophiyaan sirna demookraasii ijaaraa jirti.Adeemsa ijaarsa demookraasii biyyattii irratti ammoo rakkoo yeroo adda addaatti mudatuun gufuun mudachuun hin oolle.Yeroo gara garaatti gufuun mudateera.Gufuu ijaarsa sirna Demokraasiitti mudatu kana dhabamsiisuu kan danda’u humna Dargagggootaati.Dargaggoonni biyya keenyaa ijaarsa demokraasii Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf hirmaannaa hinqusatamne taasisuu qabu.yoo demokraasiin cimeefi dagaagaa deeme kan itti fayyadamu lammiiwwanuma biyyattiiti.Dargaggoonni ammoo gama hundumaanuu irkoofi utubaa biyya isaaniiti.

Kanaaf lammiiwwan leenji’aa erga turanii booda gara maatii isaaniitti deebi’an aadaa demokraasii biyya keenyaa mamii malee itti fufsiisuuf mootummaa maddii hiriiruudhaan kutannoodhaan socho’uutu irraa eegama.Meeshaa humnoota badii ta’uun eesumanuu akka nama hingeenye qabatamaan hubatameera.Waan darberraa kan baratu gamna!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman