Dirqama hooggansa keenya haarawa irraa eegamu

Sadarkaa Federaalaattis ta’e Naannoleetiin rakkoolee kanaan dura ummanni bal’aan ittiin dararame qorannoon adda baasuudhaan kan hanqina qabu iddoo irraa akka ka’u taasisuun iddoowwan itti gaafatamaa baay’ee irratti hooggansi haarawaan ramadameera,muudameera.Tarkaanfiiwwan kutannoo Dh.D.U.O/A.D.W.U.I’tiin fudhataman kun galma yaadame bira ga’uu kan danda’an hooggansi haarawaan sadarkaa sadarkaan jiru adeemsa barame qofa utuu hintaane tooftaa hooggansaa ofiif horatetti fayyadamuudhaan iddoo itti ramadametti hooggansa sirriifi cimina qabu kennuu yoo danda’e qofadha.
Kana gochuuf ammoo hooggansi haarawaan hunda dura ummata tajaajilamu amansiisuudhaan of maddii hiriirsuun dirqama isaati.Haala qabatmaa wayita ammaatti sadarkaa biyyaatiinis ta’e naannoleetiin jiruun dhiibbaadhaan utuu hin taane dhimma kamirrattuu ummata bal’aa hirmaachisuudhaaniifi abbaa taasisuudhaan socho’uun dirqama yoomiyyuu bira hindarbamne ta’eera.Dhimmaa kamirrattuu ummata bal’aa amansiisuudhaan ala eessumayyuu ga’uun akka hindanda’amne muuxannoowwan waggoota darbaniirraa hubachuun rakkisaa hin ta’u.
Ummanni keenya akka kanaan duraa waan itti himaniifi raawwadhu jedhaniin hunda cal jedhee kan raawwatu miti.Ummanni amma jiru waan hunda kallattii adda addaatiin xiinxaluudhaan mirgaafi faayidaasaa wajjin walqabsiisee ilaaluu kan danda’udha.Ummata qaroomeefi waa’ee mirgaafi faayidaasaa irratti dubbachuufi falmuu danda’e kana hoogganuun kan danda’amu ammoo amansiisuudhaaniifi tooftaawwan hooggansaa qofatti fayyadamuudhaan akka ta’e hooggansi haarawaan iddoowwan itti gaafatamaa adda addaatti ramadameefi muudame hubachuu hin dadhabu.
Ummanni kabajamuu mirgaafi eegamuu faayidaawwan isaatiif falmuu danda’e kun sadarkaa kana irra akkamitti ga’uu danda’e?jechuun gaafachuun barbaachisaadha.Ummanni keenya waggoota nuusa jaarraa tokko ol waggoota 25 caalaniif toora warraaqsa demookraasii Dh.D.U.O/A.D.W.U.I’tiin hoogganamaa ture adeemsa dabarse keessatti waan hunda irratti tolaas hamaas adda baafachuu danda’eera.Galanni toora sirrii kanaaf haata’u!
Waa’ee kabajamuu mirgoolee Namoomaafi demookraasii irratti haala qabatamaa amma jiruun kan ummata keenya barsiisu hinjiru.Ummanni keenya bal’aan muuxannuma adeemsa waggoota hedduutiin horateen waan hedduu barateera,kan mirgaafi faayidaasaa dura dhaabbatus falmuuf ga’uumsa qaba.
Kanaaf hooggansi haarawaan haala ummanni bal’aan irratti argamu kan qabatamaan mul’atu kana hubachuudhaan socho’uun dirqama isaati.Hooggansi haarawaan haala qabatamaan jiru kana hubatee socho’uufi dirqamoota hooggansaa ba’u ammoo imala haaromsaa biyyi teenya irratti argamtu finiinsuudhaan ummata hunda sadarkaa guddinaa yaadamu biraan ga’uu danda’a.
Ummata irraa maaltu eegama?
Ummanni keenya kanaan duras ta’e har’a hojii kallattii sirriidhaan hojjetamuufi sochii taasifamu hunda irratti hirmaachuufi qoodasaa gama fudhachuutiin kan hamatamu miti.Ummanni Oromoo Naannoosaa irra darbee sochii siyaasaafi hawaas-diinagdee taasisuun biyya teenya Itiyoophiyaadhaaf utubaadha jechuun ni danda’ama.Kana jechuun saboonni sab-lammoonniifi ummattoonni Naannolee kanneen biroo shoora gamasaanii hin qaban jechuu akka hintaane hubachuun barbaachisaadha.Wanti waan ofii qofa lelisuu tun yeroo tokko tokko gara dhiphummaatti waan nama geessituufin kana jedhe.
Gaaffiin ummata bal’aa irraa maaltu eegama?jedhu kun murteessaadha.Ummanni keenya akkuma barame kan isa qindeessuufi hirmaachisu argannaan waan kamirrattiyyuu akkuma hirmaatu gara fuulduraattis waa’ee Naannoofi biyya isaa kamirrattuu of qusannoo tokko malee hirmaachuutu irraa eegama.Qarqara dhaabbachuudhaan maaltu Nadhibe jechuun callisuun deebi’ee uummatuma miidha waan ta’eef miidhama irraa of eeguuf kutannoodhaan hirmaachuun murteessaadha.

Haala qabatamaa wayita ammaa jiruun abbaan Nagaa kan misoomaafi demookraasii ummata bal’aadha.Nagaa misoomaafi demokraasii biyya keenyaa irratti carraaqqiin namoonni dhuunfaan taasisan eessumayyuu ga’uu hindanda’u.Dhimmoota kana irratti murteessaan sochii ummata bal’aa akka ta’e hubachuudhaan lammiin hundi akkaataa hooggansi haarawaan gaafatuun of kennee hirmaachuun murteessaadha.Haalli hooggansi haarawaan ittiin dogongoru yoo mul’ates battalumatti hooggansa haarawaa gorsuufi sirreessuun yoo hammaates akka itti gaafatamu taasisuuf ummanni keenya kutannoodhaan hirmaachuutu irraa eegama.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman