Qabsoo farra malaammaltummaa obbo Duubee Jiloo

 Qabsoon farra malaammaltummaa obbo dubee jiloo bu'aa argamsiisaa jira.
Obbo Duubee Jiloo kanaan dura waggoota hedduuf Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa keessatti itti gaafatamaa kutaa teeknikaa ta'uudhaan tajaajlaa turaniiru.Federeeshinicha keessatti turtii taasisaniin guddina Atileetiksii biyya keenyaatiif shoora gamasaanii akka gumaachan ni beekama.
Obbo Duubee Jiloo rakkoo malaammaltummaa wajjin walqabatee dhiibbaa isaan irra gahaa tureen iddoo itti gaafatamaa qaban irraa ka'uuf dirqaman.Xalayaa barreessaniis hojiisaanii dhiisuuf gaafatan.Malaammaltoonni qaawwa kana barbaadan ammoo ariifannaa isaanii kanatti fayyadamuudhaan obbo Duubee Jiloo fedhiisaatiin itti gaafatamasaa gadi lakkiseera jedhanii himuuf jarjaran.Obbo Duubeen gochoota badiifi hojmaata badaa Federeeshinicha keessatti bu'ura gadi fageeffatee tures sab-quunnamtiilee gara garaa irratti dhiyaachuun saaxilaa turan.

Wayita ammaa qabsoon farra malaammaltummaa obbo Duubee Jiloo taasisaa turan sun kunoo qabatamaan bu'aa argamsiisaa akka jiru mul'ateera.
Kan jalqabaa hooggansi federeeshinii Atileetikii Itiyoophiyaa dhiyeenya kana guutummaatti filannoodhaan jijjiiramee kumaala Atileet Hayilee Gabrasiklaaseetiin kan hoogganamaa jiru ta'uusaa yammuu ta'u kan lammataa obbo Duubee Jiloo Federeeshinicha keessatti ogummaafi muuxannoo qabaniifi waggoota hedduuf horataniin deeggarsa akka taasisaniif haalli kan mijaa'e ta'uusaati.
Eyyeen damee Atileetiksiitiin Bu'aan akka barbaadamutti dhabameefi maqaan Atileetiksii Itiyoophiyaa bushaa’e iddoosaatti akka deebi'uuf ammas daran hojjetamuu qaba!

Pireezidaantii Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa ta’uudhaan dhiyeenya kana filatamuun hojiisaa kan eegale kumaala Atileet Hayilee Gabrasillaasee Maqaa gaarii Itiyoophiyaan teenya damee Atileetiksiitin sadarkaa idila Addunyaatiin ittiin beekamtu ni deebisa jedhamee abdatameera.

Hayileen waan yaadeefi karoorfate milkeessuu akka danda’uuf ogeeyyoonni  akka obbo Duubee Jiloo deeggarsa taasisuutu irraa eegama.Hooggansi haarawaan Federeeshinichaa mala ogeeyyoottatti fayyadamuu kana cimsuudhaan itti fufuu qaba.Obbo Duubee Jiloos deeggarsa akka taasisuuf haalli mijaa’uunsaa gamnummaa hooggansa Federeeshinii Atileetikisii Itiyoophiyaa kan mul’isudha.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman