Murteen koreen hojii raawwachiisaan paartii Badhaadhinaa Itiyoophiyaadhaaf murteesaadha.Walgayiin koree hojii raawwachiisaa paartichaa yeroo kanatti adeemsifamuun isaa wanti murteessaan dhufuuf akka jiru mul'isa.Gama tokkoon hojiiwwan Mootummaafi Paartii badhaadhinaa kurmaana 1ffaa bara 2015 qorachuudhaan kallattii kaa'uun akkuma jirutti ta'e weerarri marsaa 3ffaaf wayyaaneen bante xumura akka argatuuf walgayii koree hojii raawwachiisaa paartii badhaadhinaa Naannoo Soomaalee Magaalaa Jigjigaatti adeemsifamaa jiru kanaan kutannoodhaan kallattiin ni kaa'ama jedhamee eegama.
Akka tilmaama dhuunfaatti duulli birmadummaa Itiyoophiyaa kabajisiisuuf jalqabame xumurameera.Mootummaan sababa tarsiimoo hordofuun nutti himuu baatus wayyaaneen moo'amtee jirti.Wayyaanee qofa utuu hin taane ergitoonnishii alaas injifatamaniiru.Waa malee asiif-achi jechaa hin jiran.
Yoo baay'ate qoqqobbii baran Ityoophiyaa irratti murteessu malee wanti biraa fidan hin jiru.Nuti ammoo akka lammiitti kanaaf of qopheessuun rakkoo dhufu dandamachuuf kutannoo qabaachuun barbaachisdaadha.
Walgayiin koree hojii raawwachiisaa paartii badhaadhinaa xiyyeeffannoon isaa ammaa wayyaanee moo'achuu utuu hin taane Naannoon Tigraay ammaan booda akkamitti haabulfamu?akkam goonu?maal wayya? isa kamtu wayya?jechuun mari'achuudhaan murtee xumuraa mamii malee hojiirra oolu dabarsuudha.Kanuma!
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ