Pireezidaant Ruuttoon gara Naayiroobiitti deebi'aniiru
Finfinnee Fulbaana 27,2015(TW) Pireezidaantiin Keeniyaa Haarawaan Wiiliyaam Ruuttoon daawwannaa guyyaa tokkoo Itiyoophiyaatti adeemsisaniif kaleessa kaleessa waaree duradha Finfinnee kan galan.Pireezidaantichi buufata xiyaaraa idil Addunyaa Boolee wayita ga'an muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad qondaaltoota ol'aanaa waliin ta'uun simannaa ho'aa kabajaan dabaalame taasisaniiruufi.Akkuma pireezidaantii Soomaaliyaa Hasan Sheek Mahaamamd dhiyeenya kana gara Itiyoophiyaa dhufanii pireezidaantii Keeniyaa haarawaafis muummicha ministiraa Abiy Ahmadiin simannaan taasifamuun hiikkoo addaa qaba.
Itiyoophiyaan biyyaalee ollaa wajjin walta'uumsa ol'aanaa taasisaa akka jirtuufi biyyaaleen ollaatis deeggarsa Itiyoophiyaaf qaban qabatamaan kan itti mul'isanidha.Baatiin Fulbaanaa bara 2015 kun utuu hin xumuramin Hooggantoonni biyyaalee ollaa kan Soomaaliyaafi Keeniyaa Itiyoophiyaa daawwatan jechuun kallattii adda addaatiin faayidaawwan hedduu fidee kan dhufudha.
Pireezidaant Wiiliyaam Ruuttoon turtii Itiyoophiyaatti taasisaniin dhimmoolee waloo irratti muummicha ministiraa Itiyoophiyaa Abiyy Ahimad wajjin marii bu'a qabeessa taasisaniiru. Godaambaa saayinsii Itiyoophiyaa dheengadda banames daawwataniiru.Pireeziraantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo Itiyoophiyaatti daawwannaa guyyaa tokkoo taasisuudhaan kaleessa galgala gara Naayiroobitti deebi'aniiru.Sirna gaggeessaa irratti muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad argamaniiru.Daawwannaa pireezidaantichi Itiyoophiyaatti taasianiifi bu'aasaa ilaalchisuudhaan Keeniyaatti Ambaasaaddar Itiyoophiyaa kan ta'an Janaraal Baacaa Dabalee EBC'f kaleessa ibsa kennaniiru.
Ambaasaaddar Janaraal Baacaan akka jedhanitti humnoota Keenyaa daa'eeffachuudhaan Itiyoophiyaairratti miidhaa geessisuuf socho'an waloon qolachuuf waliigalteen taasifameera,dhimmoota faayidaa waliin wajjinii gara garaa hedduu irrattis waliigalameera.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ