Ibsa haala yeroo irratti Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin kenname
Duudhaaleen waljaalalaa fi walkabajuun waliin jiraachuu ummataa cimee itti fufa!! Biyyaafi naannoo keenyatti sirnootni abbaa irree darban imaammataafi tarsiimoowwan isaanii ilaacha tarkaanfachisan irraa maddan hojiirra oolchaniin Ummanni keenya mirgi namoomaafi dimokiraasii isaa sarbamee hacuuccaa fi cunquursaa hammaataaf saaxilamee dararamaa tureera. Bu’uuruma kanaan biyyi keenya Itoophiyaan biyya saboota sablammootaa fi ummattootaa akkasumas ummata amantaa gara garaa qabu akka ta’e otoo beekamuu gitni bittootaa darbaadabarsaadhaan irratti fe’aamanii turan eenyummaafi heddummina kana ukkaamsuun gidiraa gara garaatiif saaxilanii bitaa turaniiru. Gitni bittoonni kunneen ummata biyya kanaa falaasama afaan tokko, amantaa tokko, aadaa tokko fi seenaa tokko jedhuun ummata gabroomsanii bitaa turuusaaniitiin hiyyummaa, doofummaa fi duubatti hafummaaf akka saaxilamu goch...