Ibsa haala yeroo irratti Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin kenname
Duudhaaleen waljaalalaa fi walkabajuun waliin
jiraachuu ummataa cimee itti fufa!!
Biyyaafi naannoo keenyatti
sirnootni abbaa irree darban imaammataafi tarsiimoowwan isaanii ilaacha
tarkaanfachisan irraa maddan hojiirra oolchaniin Ummanni keenya mirgi namoomaafi dimokiraasii isaa sarbamee hacuuccaa
fi cunquursaa hammaataaf saaxilamee
dararamaa tureera.
Bu’uuruma kanaan biyyi keenya Itoophiyaan biyya saboota sablammootaa fi ummattootaa
akkasumas ummata amantaa gara garaa qabu
akka ta’e otoo beekamuu gitni
bittootaa darbaadabarsaadhaan irratti fe’aamanii turan eenyummaafi heddummina kana ukkaamsuun gidiraa gara garaatiif saaxilanii
bitaa turaniiru.
Gitni bittoonni kunneen ummata
biyya kanaa falaasama afaan tokko, amantaa tokko, aadaa tokko fi seenaa
tokko jedhuun ummata gabroomsanii bitaa
turuusaaniitiin hiyyummaa, doofummaa fi
duubatti hafummaaf akka saaxilamu gochuun maqaan gaarii biyya kanaa
fi ummatni keenya akka addunyaatti haala qaaneessaan beela, hiyyummaafi
duubatti hafummaan akka beekamu godhanii turaniiru.
Waggoottan kurnan lamaan
dabarsine keessatti mirgi namoomaa fi dimookraasii lammiilee daangaa tokko
malee kabajamuu danda’eera.Seenaan hiyyummaa,boodatti hafummaafi dofummaa biyya
keenyaa jijjiiramees jira.
Hojiilee gama maraan qindoomina
mootummaa fi ummataan raawwatameen
guddinni gama maraan galmaayuusaatiin,tulluun hiyyummaa biyyi kun ittiin
beekamtu diigamuu eegalee jira.
Biyya keenya keessatti sabaa fi sablammoonnii fi
amantaaleen hedduun kan jiran yoo ta’u, seenaa biyya kanaa keessatti baroota
dheeraaf duudhaalee waliin jireenyya fi walkabajuun gabbifachaa dhufaniin
dhimma biyyaarratti tokkummaan dhaabachuun sagantaalee misoomaa, ijaarsa
sirnadimokraasii fi nageenya amansiisaa uumuu keessatii tokkumaan dhaabachuun
humnoota eenyummaa fi tokkumaa isaa irratti balaa aggaamame qolachaa kan
turaniidha. Waljaalaa fi waldanda’uun ummataa kun humnoota guddina biyyaa fi
fayyadamummaa isaa hinbarbaanneen aadaan boonsaan kun qormaata adda addaaf
saaxilamaa turuunsaa ni beekkama.
Ummanni keenya mirgoota namoomaa fi dimokrasii
wabii heera mootummaatiin erga mirkaneefatee booda xiyyeeffannaa tulluu
hiyyummaa diigurratti taasisuun guddina diinagdee ariifataa fi ittifufiinsa
qabu galmeessisuun sadarkaan irraa fayyadamuusaa ittifufeera.
Qabsoon inni taasisaa jiruu fi bu’aan
dhandhamachaa jiru yeroo hundumaa qormaata dhabee hin beeku. Ilaachonnii
dhiphummaa fi oftuulummaa ajandaalee garaagaraa daweefachuun gocha badiirraa of
qusatanii hinbeekan. Sagantaalee misoomaa, ijaarsa sirna dimokraasii fi
nageenya amansiisaa mirkaneessuuf tattaaffii taasifaman hundatti gufuu ta’uuf
yeroon isaan itti hin wixxifamiin hin
turre.
Bara kana naannoo keenya iddoo adda addaatti
rakkoo uumaniin lubbuu namaa fi qabeenya irratti miidhaa qaqabsiisaniiru.
Aggaamiinni isaan sirna misoomawaa keenya diiganii ummata keenya gabrummaatti
deebisuuf jalqaban hirmaannaa guutuu ummataatiin fashalaa’ee tasgabbiin uumamee
haalli hunduu bakkatti deebi’ee ummanni hojii misoomaa isaatti deeb I’eera.
Haata’u malee humnoonni badii kun bifaafi
tooftaalee adda addaa jijjiirachuun gocha badiisaanii yammuu raawwatan argamu.
Gocha badii humnootni kunneeniin raawwatamaa jiru keessatti ajandaan tibbanaa
walitti bu’iinsa amantaa fi sabaaf sabalammootatti fayyadamuuf carraaqaa
jiraachuun isaani mallattoo ifa ta’een mul’achaa jira. Godina Arsii Lixaa
,aanaalee muraasa keessatti jeequmsa uumaniin lubbuu namaa fi miidhaan qabeenya
irratti gaggeessan ,dhaabbilee amantaa gubuunsaanii dhudhaalee waljaalaa fi
waldandeettii amantaa fi sabaaf sablammoota biyya keenyaa irratti duuluuf
karoorfachuusaaniti saaxila.
Ummata waggoota dheeraaf walkabajaa fi
waljaalalaan jiraachaa ture bu’aa
siyaasa hin mallee argachuuf jecha amantaa dawoo godhatanii walitti buusuuf
socho’uun tuffii ummataaf qabanirraa kan maddu dha. Humnoon kunneen ammuma
misoomni keenya guddachaa dhufuu fi fayyadamummaan ummata keenyaa dabalaa dhufu
wixirfannaan abdii kutachuusaanii mirkaneessu dabalaa dhufa.
Ummanni keenya duudhaalee waliin jireenyaa kan
qabu safuu kan beekuufi ilaalcha dhiphummaa fi of-tultummaan kan burjaaja’u
miti. Jeequmsa humnoonni badii kun gaggeessaniin miidhaan lubbuu human
nageenyaa irratti qaqabee fi manca’inni qabeenyaa kana caalaa akka hin
babal’anne ummanni humna nageenyaa cina dhaabatee fashaleessuun tasgabbiin akka
uumamu taasiseera. Kanaafis, akkuma
kanaan dura godhaa turee fi godhaa jirutti shiira humnoota badii dura dhaabbachuun
gochasaanii saaxiiluun nageenya isaa mirkaneeffachuu qaba.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ