Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 2ffaa

Ummanni Oromoo bara barbadaa’uumsa sirna Darguu booda jechuunis bara 1983 asiitti gama hundumaanuu fayyadamaa ta’uuf carraa argateera.


Qonnaan bulaan Oromoo yeroo kana boodadha mamii tokko malee fayyadamaa omishaafi dafqasaa ta’uu danda’uudhaan omishasaa gatii barbaadeen gabaa barbaade irratti gurgurachuun fayyadamuu kan danda’e.

Mirgii aadaafi seenaa Oromoo daangaa tokko malee dagaagsuufi itti fayyadamuu qabatamaan hojiirra ooluu kan eegalas bara 1983 boodadha.Bara kana keessa daandii dhaabbileen siyaasaa kanneen biroo saaqaniin gara biyyaatti galuudhaan Saba Oromootti makamuuf carraa kan argate ABO’nis akkuma dhaabbilee kanneen biroo mootummaa ce’uumsaa chaartara ce’uumsaatiin hoogganamu keessa seenuu danda’e.

ABO’n caasaa mootummaa ce’uumsaa keessa erga seenee booda Ummata Oromoo godinaalee adda addaa keessa jiraatu bira ga’uudhaan miidhama waggoota hedduuf Saba Oromoo irra ga’e kaasuudhaan hanga tokko hawaasni hubannoo akka qabaatu taasiseera jechuun ni danda’ama.

Aadaafi seenaan Oromoo awwaalamee ture bakka awwaalamee ba’ee dagaaguu akka danda’uuf carraaqqii dhaabbanni demookraatawa ummata Oromoo(Dh.D.U.O’n) taasise maddiitti shoorri ABO’n gumaaches akka jiru waan haalamu miti.Garuu ABO’n sagantaa siyaasaafi kaayyoo bu’uraa haala jireenya Ummata Oromoo jijjiiruu ittiin danda’u waan hin qabneef naamusa gaarii qabatee Ummata Oromoo keessa turuu hin dandeenye.

Dhaabbanni kun kaayyoonsaa Oromiyaa akka inni jedhutti impaayeera Itiyoophiyaa irraa fottoqsuudhaan addatti baasee bulchuu ture.Fedhiin qabu kun guutuufii dide.Mootummaa ca’uumsaa keessattis sababa humna waraanaa qabu jiddu galatti galchi jedhamuutiin mufatee caasaa mootummaa ce’uumsaa keessaa ba’e.Humni hidhataan ABO carraa argameen godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti faca’es sababa kanaan Ummata Oromoofi sabaafi sablammoota gara garaa irratti miidhaawwan adda addaa geessiseera.Kanaanis Lubbuun Namootaa darbeera qabeenyi barbadaa’eera.

Kanaaf ragaa ta’uu kan danda’u miidhama Harar hallayyaa hinquuftuufi Arsii Arbaaguuguufi Abboomsaatti Ummata Oromoo irra ga’edha.Sabaafi sablammoonniifi Oromoonni naannawa kana jiraatan sababa ilaalcha dhiphummaa ABO’tiin lubbuusaanii marartuu dhabaniiru,qabeenyi barbadaa’eera,baay’oonnis qayeefi qabeenya isaaniirraa baqataniiru.

ABO’n miidhaa kana hunda kan geessise caasaa mootummaa ce’uumsaa keessatti hirmaachuun gaggeessitoonni isaas caaseffama taayitaa mootummaa ce’uumsaa keessatti wayita taayitaa argachuun tajaajilaa turanitti.Fakkeenyaaf gaggeessaan ABO Diimaa Nagawoo jedhaman sadarkaa ministirummaa tokko qabachuun tajaajilaa akka turan ni yaadatama.

Mufannaa sababa miidhaa ABO’n iddoowwan adda addaatti geessiseen uumameen haalli taayitaa waliif qooduun ummata tajaajiluu kun itti fufuu hin dandeenye.Sababa kanaan caasaan ABO iddoowwan adda addaatti hanga bara 1984/85tti ummata irratti miidhaa adda addaa geessiseera.

Iddoowwan adda addaattis Boombii dhoosuudhaan gochoota shororkaa adda addaa raawwachuudhaan lubbuun Lammiiwwan hedduu akka galaafatamu taasiseera.

Gocha kana Hoteeloota adda addaa Finfinneefi magaaloota Naannoleetti argamanitti raawwachaa tureera.Gochoota badii kanaan Ummataafi mootummaa ce’uumsaatiin kan saaxilame ABO’n badii raawwachaa tureef itti gaafatamummaan isaa waan hin oolle akka ta’e hubachuun Caasaan isaa biyyaa baqachuun dirqama itti ta’e.Keessumattuu gaggeessitoonni iddoodhuma kanaan dura turan biyyaalee alaa Awurooppaatti qajeelan.

Gareen hafe kan caasaa waraanaa keessa ture ammoo carraaqqii Dh.D.U.O/A.D.W.U.I’n taasiseen sagantaa haaromsaa jiddu gala humna waraanaa durii Dhidheessaatti akka hirmaatan erga taasifamee booda gara maatiitti akka deebi’an taasifame.kanneen didanis gara biyya alaatti baqachuudhaan hafan.

Gaggeesitoonni ABO gara biyyaalee Awurooppaatti deebi’anii baqatan ofii achi taa’uudhaan hidhattoota harca’anii hafan qindeessuuf yaalan.Mootummaa Itiyoophiyaafi Ummata Oromoo waliinis diina ta’uudhaan haala mijaa’aa argatan hundatti fayyadamuun miidhaan akka ga’u taasisaa turan.

Adeemsi filatan kun irrumaa caalaa Ummata Oromoo irraa isaan fageessaa dhufuu hubannaan isaanumtuu wal qooduu eegalan.ABO’n waggoota hedduudhaaf maqaa ummata Oromoo bal’aatti da’eeffachuudhaan yakka adda addaa raawwachaa ture iddoo afuritti qoodamuuf dirqame.

Gaggeessaa dhaabbatichaa ta’uun beekkamtii kan argatan Obbo Leencoo Lataa ammoo fottoquudhaan dhaabbata biraa hundeeffatan.

Addaan fofottoquu isaanii kanaaf yeroo hunda Dh.D.U.O/A.D.W.U.I abaaraa waggoota lakkoofsisaa kan turan gareewwan ABO kun waan godhan dhabanii abdii kutannaan diinoota Ummata Oromoo kanaan duraatti maxxanuudhaan wixiffachuu eegalan.
Yeroo adda addaatti harcaatoota Nafxanyaafi Shaabiyaa wajjin michoomuudhaan Ummata Oromoofi ummattoota Itiyoophiyaa kanneen biroo irratti miidhaa geessisuuf carraaqaniiru.

Gochoota kana kan raawwachaa turan carraa taayitaa bara mootummaa ce’uumsaatti gowwummaafi qophaa’uumsa dhabuu isaaniitiin harkaa baate deebifachuuf ta’us kan yaadaniifi karoorfatan hin milkoofneef.

Ammas carraa xumuraatti fayyadamuuf mootummaa shaabiyaa ofumaafuu abdii kutatetti kooluu galuudhaan sochiin misoomaafi guddinaa Itiyoophiyaatti eegalame akka itti hin funeef gufuuwwan adda addaa uumuu itti fufan.

Gareen dhiphaan kaayyoofi sagantaa Ummata Oromoo fayyadamaa taasisu utuu hin qabaatiin maquma dur qabuun dhaadatu kun akkuma kanaan dura taasisaa ture baranas qaawwa gara taayitaatti ittiin dhufu argadheera sababa jedhuun humnoota of tuultoota biyya keessaafi biyya alaatti argaman wajjin qindaa’uudhaan Ummanni Oromoo akka miidhamu taasiseera.

Sababa jeeqamsa gareen kun duuba taa’ee qindeesseen godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti lubbuun Namaa darbeera,qabeenyi adda addaa Ummanni Oromoo tajaajila hawaasummaa ittiin argatu barbadaa’eera,ijoolleen Oromoo hedduun barachaa turte baruumsa irraa harcaatee jirti.

ABO’n akkuma kanaan dura taasisaa ture dhimmi maastar pilaanii qindaa’aa Finfinneefi godina addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee ummata Oromoo quuqamaan kakaasuudhaan mootummaa wayyaanee fonqolchuuf gargaara sababa jedhuun ammas humnoota of tuultoota wajjin qindaa’uudhaan socho’eera.

Dhimmi maastar pilaanii qindaa’aa gaaffii Ummata Oromooti malee gaaffii humnoota diinaa hin turre.Mootummaan Naannoo Oromiyaa Dh.D.U.O’n hoogganamu ummata Oromoo godinaalee gara garaa wajjin mari’achuudhaan aantummaa ummataaf qabuun dhimmichi fala xumuraa akka argatu taasiseera.Kanaanis maastar pilaaniin qindaa’aan guutummaatti akka haqamu taasifameera.

Qaawwa gaariidha jedhamee kan fudhatame waa’een maastar pilaaniis fala xumuraa erga argatee booda humnoonni badii gochoota badii Godinaalee gara  garaa keessatti sababa adda addaa uumuudhaan miidhaa geessisaa turaniiru.

Akkuma beekamu harka Namaatin Abidda qabachuun Nama hin dhibu.Kanaan dura irra jiraadhaan barattoota Yuuniivarstii meeshaa taasifachuun itti fayyadamaa kan turan humnoonni kun barana ammoo xiyyeeffannoo isaanii barattoota sadarkaa 1ffaafi 2ffaa ta’eera.Kana maddiitti lammiin sababa rakkoo  adda addaa kan akka aadaa hojii tuffachuutiin carraa hojii xixiqqaa uumamaa turetti utuu hin fayyadamin tures meeshaa humnoota kanaa akka ta’e hubatameera.

Humni biyya keessaa faayidaa yerootiin goowwoomfamee meeshaa humnoota diinaa ta’aa jiru heddu muraasadha.Kanneen hafan dargaggoonni hedduun bara sirna Dh.D.U.O/A.D.W.U.I keessa dhalatan hubannoo gahaa waan hin qabneef sochii fincilaa kanatti sababa carraa hojii barbaadan dhabuufi rakkoo bulchiinsa gaariitiin akka makaman beekamaadha.

Kanneen hubannoo malee utuu waa’ee miidhama kanaan dura Saba Oromoo irra ga’aa ture hin beekin meeshaa diinaa ta’aa jiran gorsuudhaan of sirreessuudhaan baruumsa isaaniirratti akka xiyyeeffatan taasisuun dirqama lammii hundaati.Keessumattuu maatiin haala qabatamaan tureefi ammas jiru ijoollee isaa hubachiisuun  miidhama waliin wajinii hanbisa.gaggeessitoota caasaa mootummaa keessumattuu miseensoota Dh.D.U.O sadarkaa sadarkaan jiran,maatiifi Dargaggoota Oromoo hunda irraa maaltu eegama? Kutaa 3ffaa barreeffama kanaatiin na-eegaa.




አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman