Humnoonni badii shaabiyaafi qaamooa alaatiin deeggaraman jeeqamsatti hirmaataniiru.Ob.Hayilamaariyaam

Ministirri muummichi Hayilamaariyaam Dassaalany har’a dhimmoolee adda addaa irratti ibsa kennaniiru.


Ministirri muummichi ibsa kennan kanaan keesumattuu godina Arsii lixaa gandawwan tokko tokko keessatti jeeqamsi tibbana mudate bu’urrisaa gaaffii ummataa utuu hin taane humnoonni badii kaayyoosaanii milkeeffachuuf kan kaasanidha jedhaniiru.

Haala mijaawaa sirni federaalaa uumetti fayyadamuudhaan Naannoo Oromiyaa iddoowwan tokko tokkotti gaaffiin sirriin akka ka’eefi gaaffiin kunis sirni federaalaa gufannaa malee akka itti fufuuf gaaffii sirrii lammiiwwan irraa dhiyaate akka ta’e obbo Hayilamaariyaam himaniiru.

Mootummaan gaaffiiwwan lammiiwwan kallattii sirridhaan dhiyeessaniif deebii kennuuf hojjechaa akka jirullee ministirri muummichi mirkaneessaniiru.

Humnoonni badii Mootummaa Shaabiyaafi humnoota alaatiin deeggarmaa jiran jeeqamsa kanatti hirmaachuusaanii ragaan mul’isu akka argames obbo Hayilamaariyaam himaniiru.

Humnoonni kun iddoowwan tokko tokkotti qabeenya mootummaafi ummataa hawaasni ittiin tajaajilamu irrati miidhaa akka geessiisanis dubbatan.

Ummanni wal ta’uudhaan rakkoo kanatti fala argamsisuuf hojii bu’a qabeessa akka hojjete eeruudhaan mootummaan federaalaa mootummaa Naannoo Oromiyaa wajjin qindaa’uudhaan ergama badii kana yeroo xumuraatiif dhaabsisuun gara misooma eegalmeetti fuulleeffata jedhaniiru

Dargaggoota beekaafi utuu hin beekii jeeqamsa kanatti hirmaatan adda baasuuf hojjetaamaa jira, kanneen badii qaban irratis tarkaanfiin seera qabeessi ni fudhatama jedhaniiru ministirri muummichi.


Obbo Hayilmaariyaam dhimma ittisa balaa hoongee biyya keenya mudate ilaalchisuudhaan ibsa kennaniinis lammiiwwan gargaarsa barbaadaniif gargaarsi dhiyaachaa akka jiru himuudhaan wayita ammaa gargaaramtoonni hojii qonna arfaasaatiif akka of qopheessan taasifamaa jira jedhaniiru.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman