Oromoon injifannoo bilisummaa goonfatee dhandhamaa jira

Gumaan bilisummaadhaan deebi’u hin jiru.Ummanni Oromoo erga bilisoomee tureera.Sabni Oromoo wayita ammaa kan jiraachaa jiru gabrummaadhaan miti.Oromoon bilisummaa qabsoo isaatiin goonfate dhandhamaa jira.

Dhugaa qabatamaan lafa irra jiru kana haaluudhaan bilisoomuu qabna jechuun kan ololaa jiran hundumtuu diina Ummata Oromooti!

Qaamonni ammaan tana waa’ee bilisummaa odeessaa jiran sammuudhaan gabrummaa keessa warra jiranidha,mira gadi aantummaatu itti roorrisaa jira.Kanneen kun diina ummata Oromootti maxxananii waa’ee bilisummaa odeessaa jiru.Isaan kun akkuma diina Oromoota waggoota hedduudhaaf gabroomsuudhaan qabeenya Oromootti fayyadamaa turee sana diina ummata Oromooti.

Ummanni Oromoo wayita ammaa fayyadamaa dafqasaati.omishi inni omishe sababni adda addaa uumamee irraa hin saamamu.Afaan isaatiin dubbata.Afaanuma isaatiin murtee argata.akka durii turjumaana barbaacha hin dhama’u.Oromoon ijoolleessaa  barsiisaa jira.Dhallisaa adda waraanaatti hin oofamu.Rakkoon kun hundumtuu kan irraa dhaabbate qabsoo ijoolleen isaa haqaan taasisaniifi deeggarsa innis fayyadamtummaa isaa mirkaneeffachuuf taasieeni.Bu’aan kun hundi kan argame wareegama ol’aanaa kaffalameen akka ta’e beekamuu qaba!

Qabsoon Ummata Oromoo Nafxanyaa Amaaraa Oromoo gabroomsee itti roorrisaa ture bool’a qotuudhaan erga awwaalee tuttureera.Injifannoo kana erga goonfatee booda Nafxanyaa Oromoo ta’uudhaan Saba Oromootti roorrisuun humnoonni jiraachuu barbaadan jiru.Nafxanyoonni Oromoo kun maddi isaanii guddaan caasaa ABO du’eeti.

Akkuma beekamu ABO(addi bilisummaa Oromoo)dhaabbata du’eefi ekeraan isaa warraaqaa jirudha.Ekeraan dhaaba kanaa hin duune inuman jira jechuuf humnoota adda addaa biyya keessa jiraniifi biyya alaatti’ baqatan da’eeffachuudhaan wixiffachaa jira.

Wixiffannaan ekeraa kanaa jeeqamsa dhiyeenya kana sababa maastar pilaaniitiin ka’een lubbuu obbolota keenyaa galaafatee darbeera.Haala kamiiniyyuu lubbuun ilma Namaa darbuu hin qabu.Kun Oromoo qofas kan ilaallatu miti,Namni saba Oromootiin ala ta’es du’uu hin qabu.

Biyya heeraafi seera qabu keessa jirra waan ta’eef Namni seeraan ala socho’uun miidhaa geessise seeraan gaafatamuudhaan adabamuu qaba malee rasaasaan ajjeefamuu hin qabu.

Miidhamni erga ga’ee booda kanneen miidhaman gargaaruufi kan beekaa karoorfachuudhaan sochii seeraan alaa taasisan ammoo seeraan akka gaafataman taasisuun barbaachisaadha.

Ibsi Mootummaan Itiyoophiyaa tibbana kenne akka mirkaneessetti jeeqamsa Naannoo Oromiyaa iddoowwan adda addaatti mudate wajjin wal qabatee lammiiwwan miidhamaniif beenyaan kan kaffalamu ta’u.Namoonni hubannoo malee dhiibamanii jeeqamsatti akka hirmaatan taasifaman ammoo hidhaa irraa gadi lakkifamu.Caasaan mootummaa dhimmi isa ilaallatus hojii kana hojjechaa jira jedhameera.


Adeemsi mootummaan hordofe kun adeemsa sirridha!gumaan keenya bilsuumaadhaan deebi’a jedhamee kan mormamuu qabu miti.lammiiwwan keenya dogongoraafi itti fakkaatee miidhamaaf saaxil ba’aniif dhiifamni taasifamuun aantummaa mootummaan kun Ummataaf qabu irra deebiidhaan kan mul’isudha.

Maastar pilaaniifi fedhii diinaa

Maastar pilaaniin qindaawaan bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi godina addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee haala jireenya Qonnaan bulaa akka hin miineefi kiraa sassabdoonnis kana keessa akka hin fayyadamne taasisuuf haqameera.

Murtee seena qabeessa koree jiddu galeessa dhaabbata Demookraatawa ummata Ortomootiin darbe kanaan fedhiin ummataa guuteera,karoorri diinaa fashalaa’eera,kiraa sassabdoonnis kasaaraniiru.

Waa’een maastar pilaanii kun haala kanaan murtee xumuraa utuu argachuu baatee Diinni Itiyoophiyaafi caasaa humnoota of tuultootaafi dhiphootaa  keessatti sababa adda addaatiin kufame akka barbaadeetti wixiffachuudhaan fayyadamtummaa Ummata Oromoo duubatti deebisuun isaa waan hin oole ture.

Kanaaf maastar pilaaniin da’oo ta’uudhaan gocha diinaa babal’isuuf haala mijaawaa kan uumu ture.Koreen jiddu galeessa Dh.D.U.O murtee aantummaa Ummataa qabu kana dabrsuudhaan karoora diinaatti bishaan naquun isaa sirriifi barbaachisaadha.

Ammaan booda ajandaa diinni haala jiru hordofuudhaan jijjiiruun raafamuun dhaabbachuu qaba.Diinni diinuma waan gaarii Namaaf hin yaadu.ajandaa humnoonni badii jijjiiraniin adeemsi misoomaafi guddinaa ummata keenyaa duubatti harkifachuu hin qabu.

Xiyyeeffannoon keenya ol’aanaan wayitii ammaa qaamoota kanneen bulchiinsa gaarii nudhabsiisan irrati ta’uu qaba.Kiraa sassabdoonni rakkoo bulchiinsa gaarii bababl’isuudhaan ummanni Oromoo akka hin fayyadamne taasisanis diina Ummata Oromoo akka ta’an beekamuu qaba.


Qabsoon kiraa sassabdotaafi malaanmaltoota hattoota irratti eegalame sababa adda addaatiin duubatti harkifatee akka gufatu taasisuun hin danda’amu!kan kana godhan yoo jiraatan diina Ummata Oromoo ta’uusaanii mirkaneessaa jiru waan ta’eef yoomiyyuu itti gaafatama jalaa miliquu hin danda’an.Bilisummaan ummanni Oromoo goonfatee dhandhamaa jiru bulchiinsaa gaarii  mirkaneessuudhaan daran cimee itti fufuu qaba!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman