Gocha abdii kutannaa kasaartotaa

Humnoonni of tuultoonniifi dhiphoonni Adeemsa Nagaa misoomaafi Demookraasii biyya keenyaa gufachiisuudhaan imala haaromsaa karaatti hanbisuuf kanaan dura waan danda’an gochuun harkatti fashalaa’aa tureera.


Amma ammoo carraaqqii xumuraa taasisaa akka jiran hubatameera.Kunis abdii kutachuu isaaniirraa kan madde akka ta’e beekamaadha.

Fakkeenyaaf har’a ganama konkolaachiftoonni Taaksii Finfinnee fincila hojii dhaabuu taasisuun isaanii carraaqqii kasaartoota siyaasaa wajjin kan wal qabate akka ta’e shakkamuu hin qabu!

Konkolaachiftoonni Taaksii Magaalaa Finfinnee seera balaa tiraafikaa ittisuuf tibbana hojiirra ooluu eegale mormuudhaan fincille jedhanis dhimmichi fedhii kiraa sassaabdotaa,kan mankaraarsitootaa,kan dhiphootaafi Of tuultota wajjin walitti dhifeenya cimaa kan qabu akka ta’e hubatamu qaba!

Konkolaachiftoonni qaxxaa mura biyyaahoo kana wajjin akkamitti walitti dhufeenya qabaachuu dandfa’uu?

Wayita ammaa akka jedhamaa jirutti tajaajilli geejibaa godinaaleefi magaaloota adda addaas dhaabuun akka eegalamedha kan himamaa jiru.

Seeraafi danbii bara 2003 ba’ee utuu hojiirra hin oolin turuun tibbana akka hojiirra oolu taasifameef amma akkaataa har’a eegaleen finciluun barbaachisaa miti.Danbichi baatiiwwan sadiif shaakalamaa tura.yeroon hojiirra oolmasaas baatii sadiif dheereeffamee akka turuuf wayita himametti guutummaatti haqamuu qaba jechuun finciluun ol’aantummaa seeraa fudhachuu diduu wajjin walqabata.

Konkolaachiftoonni balaan tiraafikaa daran hammaatee lubbuun Namaa sadarkaa ol’aanaadhaan darbaa jiru itti haa fufu jechaa akka jiran hubachuun barbaachisaadha.Kunis ol’aantummaa seeraa cabsuudha.

Seericha mormuun balaan du’aa maatiifi lammiiwwan irra ga’u cimee itti haa fufu jechuun gonkumaa fudhatama hin qabaatu.

Akkuma beekamu kun irra dibadha.Seerri kan ba’ee hojiirra oolu fayyadamtummaadhaafi malee miidhamaaf ta’uu hin qabu.

Haala qabatamaa wayita ammaa  Finfinnee keessa jiruun rakkoon tasgabbii kana jedhamu hin jiru.Taaksiiwwan muraafnis tajaajila kennaa jiru.Humni poolisiitis haala tasgabbaa’aa ta’een Ummata tajaajilaa akka jiru hubatameera.


Akkuma beekamu konkolaachiftoonni Taaksii har’a fincila dhaaban meeshaa humnoota badii ta’uu irraa of eeguu qabu.Humnoonni badii carraa kanatti fayyadamaa akka jiran hubatameera.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman