Hundumtuu akka qaba,akka dhabuun maalif?

Namni ilaalcha ofii qabatee taa’uun mirgadha.ilaalcha qabaniin qaama biraa miidhuuf socho’uun garuu yakka ol’aanaadha.

Harcaatoonni dhaaba shoroorkeessaa ABO fi koongiransii federaalistii Oromoo wayita ammaa Oromiyaatti gocha yakkaa raawwachaa jiru.

Namoonni ilaalcha ABO qaban Oromoodhaaf bu’aan buusuu danda’an tokkollee akka hin jirre beekamaadha.

Gareen dhaaba shororkeessaa kana keessaa harca’eefi kanneen ilaalcha dhaabbata dulloomaa kanaa qabatanis ofumaaf akka dhabaa jiru.Humdumtuu akka qaba,maalif akka of dhabsiisuu?

Akka dhabuun akkanaa kun maalif laata?Tibbana akka hubatametti biyya seeraafi heera qabdu keessatti Alaabaa mootummaa biyya bulchaa jiruu buusuudhaan Alaabaan ABO fannifamuun mul’ifameera.

Kun yakka ol’aanaa akka ta’eefi adeemsa seeraan alaa akka ta’e Namoonni akkamitti hubachuu dadhabanii?moo sammuutu hojjechuufii didee laata?

Hundumaafuu akka dhabuun kun xummurrisaa kan tolu akka hin taane beekuu qabu! Haala qabatamaa amma jiruun dhiphoonni haala Arbaa suuraa irraa daawwattan kanaan qarqara hallayyaa irra jiru.

Sochii amma irra jiraaniin dunuunfatanii deemu yoo ta’e hallayyaan jiru kun isaan liqilmsee bool’atti isaan dhidhimsuun waan hin oolledha!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman