Poolisiin Federaalaa yakkamtoota gara biyyaatti fiduu qaba!

Poolisiin Federaalaa miseensa dhaabbata poolisii idila Addunyaa)interpol) akka ta’e beekamaadha.Miseensummaan ammoo dirqamaafi itti gaafatama qaba.


Kanaaf poolisiin Federaalaa quunnamtii Caasaa poolisii idila Addunyaa kana wajjin wal ta’uudhaan akkuma kanaan dura yakkamtoota biyyaalee alaa gara garaa keessaa yakkamtoota gara biyyaatti deebisaa ture ammas yakkamtoota Jawaar Mahaammadiifi Biraanuu Naggaa gara biyyaatti deebisuu qaba.

Yakkamtoonni kun sochiin misoomaafi guddinaa biyya keenyaa akka dhaabbatuufi imalli haaromsaa eegalame akka gufatuuf waan danda’an hunda gochaa jiru.

Daba yakkamtoonni kun qindaa’anii raawwachaa jiraniin Naannoo Oromiyaa iddoowwan adda addaafi Naannolee birootti lubbuun Namootaa akka darbu,qabeenyi akka barbadaa’u taasisaniiru.

Namoonni gochoota badii kana raawwachaafi raawwachiisaa jiran iddoo jiranitt qabamanii gara biyyaatti deebifamuudhaan seeraan gaafatamuu qabu.


Keessumattuu Namni shoroorkeessaan Jawaar Mahaammad jedhamu miidhaa Naannoo Oromiyaa adda addaa keessatti mudateef  adda durummaadhaan itti gaafatamuu qaba waan ta’eef gara biyyaatti deebifamee seeraan gaafatamuu qaba.




አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman