Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 26ffaafi murteewwansaa

Finfinneen waggaa waggaadhaan yaa’ii Gamtaa Afrikaa keessumeessuudhaan beekamti.Tibbanas Magaalaan guddoon Oromiyaa Finfinneen yaa’ii hooggantoota Gamtaa Afrikaa haala milkaa’aa ta’een keessumeessitee jirti.


Yaa’iin hooggantoota gamtichaa 26ffaan turtiisaa guyyoota lamaatiin dhimmoolee adda addaa irratti mari’achuudhaan murteewwan gurguddoo dabarseera.

Dura taa’ummaa gamtichaa waggaa tokkoof turu pireezidaantii Ziimbaabiwee Roobart Mugaabee irraa kabajaan kan fudhatan pireezidaantiin Chaad Idiriis Deebii yaa’ichi haala milkaa’aa ta’een akka xumurame ibsa kennaniin mirkaneessaniiru.


Yaa’iin itti aanu Ruwaandaa Kiigaaltiitti akka baatii Waxabajjii dhufu keessa adeemsifamuuf kan murteeffame yammuu ta’u murteewwan gara garaa yaa’ichaan darban fayyadamtummaa Ummattoota ardittii kan mirkaneessan akka ta’e hubatameera.

Jiraattoonni Magaalaa Finfinnee akkuma baran keessummoota biyyaalee Afrikaafi dhaabbilee idila Addunyaa gara garaa keessaa walitti baba'an haala miidhagaa ta'ee keessumeessuudhaan gaggeessaniiru.Adeemsa yaa'ichaa wajjin walqabatee rakkoon mudates hin jiru.Kun Finfinneedhaaf waan gammachiisaadha!Ashuu Finfinnee baga gammadde!

Milkaa'ina kana diinni hin jaallatu,maalif milkaa'an jechuun kan ijjisaanii diimatu jiru.Kanneen kun diina yeroo kamiiyyuu waan ta'aniif waan gaarii ummattoota Itiyoophiyaa arguu hin barbaadan.Kanaaf hawwiifi abjuun isaanii yeroo maraa badiin mudachuun maqaan biyya keenyaa akka bushaa'udha.

Borumtii jeeqamsi Oromiyaa iddoowwan muraasatti qabsiifame hirmaannaa Ummatataiin dhaabbatetti yaa'iin Gamtaa Afrikaa 26ffaan haala milkaa'aa ta'een adeemsifamee xumuramuun isaa garaa diinaa dallansuudhaan kan bobeessudha.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman