Magaalaa Shaashamanneetti kanneen wal ta’anii Nama ajjeesan du’aan akka adabamaniif itti murteefame

Godina Arsii lixaa Magaalaa Shaashamaneetti kanneen wal ta’uumsa taasisuudhaan lubbuu Namaa haala suukaneessaa ta’een galaafatan du’aafi hidhaa umurii guutuutiin akka adabamaniif itti  murteeffameera.


Manni murtee ol’aanaa murtee dabarseen himatamtoota jaha keessaa 4 du’aan 1 hidhaa umurii guutuutiin 1 ammoo hidhaa baatii jahaatiin akka adabamaniif ajajeera.
Namni himatamt’oota jahaniin haala suukaneessaa ta’een ajjeefame Dr.Biiniyaam Maammoo jedhamuudhaan beekama.

Dr.Biiniyaam Maammoo Dargaggoodha,umuriin waggaa 24ffaa lakkoofsiseera.Yuuniivarstii Goondar irraa kan eebbifamedha jedhameera.

Dr.Biiniyaam haala suukaneessaa ta’een afaansaa saamsuudhaan muka irratti hidhamee Lukaafi harkasaa haadhaan mukatti hidhanii cinaachasaa cabsanii,Nyaara ija mirgaafi areedasaa baqaqsanii reebanii kan ajjeesan Hagayya 30 bara 2006 dha.

Hiriyaan Dr.Biniyaam Ababbaayyahu Saamu’eel Meeroon hiriyummaan dhiyaattee hoteela Vaaleet Shaashamanneetti argamutti beellamuudhaan saamtootaan ukkaamfamee akka ajjeefamu taassieera jedhame.

Reeffasaas Aanaa Arsii Nageellee ganda daakaa hora qalloo jedhamutti gatanii deeman.

Himatamatamtoonni gocha suukaneessaa kana raawwatan 1ffaan Ababaayyahu Saamu’eel 2ffaan.Asaffaa Ageeboo 3ffaa.Makaashaa Biraanuufi 4ffaa.Eefreem Wadalaa yammuu ta’u himatamtoonni kun du’aan akka adabamaniif itti murteeffameera.

Daandii du’aa kan mijeessite shamarreen Meeroon Ayyala jedhamtu ammoo hidhaa umurii guutuutiin akka adabamtuufidha manni murtee ol’aanaa godinichaa kan mueteesse.

Abrahaam Atootaa adabbiin hidhaa baatii jahaa itti murteeffameera.Humatamaa kana irratti adabbiin kun kan murteeffame Dr.Abarhaam haala suukaneessaa ta’een wayita ajjeefamu argus kan dhoksee ture ta’uusaatiini.

Dr.Biiniyaam dandeettii addaa qabuun hojii hoogbarruutiin qabuun kitaaba Asossomaa tokko maxxansiseera.Kitaaba lammaffaa ammoo maxxansiisuuf qophiirra akka ture himameera.

Saamtoonni shamarree Meeroon Ayyala jedhamtu erguudhaan Dr.Biiniyaam ajjeessuuf haala mijeessuudhaan maallaqa waliif qooduudhaan yakka ajjeechaa raawwachuuf karoorfachuudhaan ajjeechaa kana raawwatan jedhameera.

Namni kun haala sukaneessaadhaan kan ajjeefame ta’uusaa qajeelchi poolisii Arsii lixaa hordofee yakkamtoota seeratti dhiyeessuudhaan akka adabamaniif itti murteeffameera.


Abbaan nama du'ee obbo Maammoo Isxifoo du'a ilmasaaniitiin akka gaddan himuudhaan murteen darbe akka gammachiiseen dubbataniiru.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman