Waa’ee gatii omishaa biyya keenyaa

Homjmaanni daldalaa biyya keenyaa seeraafi sirna biyyattiin hordoftu wajjin kan walsimuun deemudha jechuun hin danda’amu.Haqa kanaaf agarsiiftuuwwan adda addaa tarreessuudhaan dhugaa qabatamaan jiru walitti himuun rakkisaa hin ta’u.


Fakkeenyaaf hawaasa Daldalaa biyya keenyaa keessaa meeqatu seera daldalaa biyyattiin qabdu kabajuudhaan socho’aa jira?hayyama baafachuufi haaromsuu irratti hoo hojmaanni iftoomina qabuufi malaammaltummaa irraa bilisa ta’e jiraa?

Daldaaltoonni seeraan ala socho’an miidhaan hawaasa Daldalaa seera qabeessa irratti geessisaa jiran akka dhaabbatuuf carraaqqiin taasifamu kan qabatamaan hojmaata badaa irraa bilisa ta’e jiraa?wal gaafachuun barbaachisaadha.

Gama kanaan rakkoo jiru dhambsisuuf wayita ammaa qabsoon tumsa qaamolee hundaa gaafatu jira.Daldalli kontiroobaandii hojmaanni badaan akka babal’atuufi malaammaltoonni akka fayyadamaniif karra banu jira.Gufuu baay’oota miidhu kana hanbisuun kan danda’amu qabsoo qindoomina qabu taasisuu qofaan akka ta’e hubachuudhaan shoora lammummaa gumaachuun barbaachisaadha.

Gatii omisha boba’aa?

Gatiin omishawwan boba’aa biyya keenyaa haala gatii Gabaa Addunyaa irra jiru hordofuudhaan kan sirreeffamudha.Kana ammoo abbummaadhaan kan hojjetu ministeera Daldalaa akka ta’e beekamaadha.

Ministeerichi akkuma kanaan dura taasisaa ture gatiin omisha boba’aa akka sirraa’u taasisuudhaan ifoomseera.Tarkaanfiin ministeerichaa haala gabaa Adunyaa irra ture wajjin yoo wal bira qabamee ilaalamu kan ture ta’us hawaasa galii gadi aanaa qabu gama fayyadamaa taasisuutiin shoorri gumaachu guddaadha.

Sirreeffama gatii omisha boba’aa tibbana taasifame booda gatii geejibaa irrattis sirreeffamni akka taasifame beekamaadha.gatiin omishawwan kanneen biraahoo maalif hin hir’atu?

Iddoon rakkoofi walgaafachiisaa ta’e asirra jira.Haqaafi seera jiru irratti hundaa’uudhaan hojjetama utuu ta’ee akkuma gatii boba’aafi geejibaa irratti sirreeffamni taasifame gatii omishawwan gara garaafi tajaajilaa irrattis haaluma kanaan sirreffamni taasifama ture.Kan ta’aa jiruufi qabatamaan mul’atu garuu faallaa kanaati.

Rakkoo kanaaf mootummaa qofatti quba qabuun fala ta’uu hin danda’u.Rakkoon kun fala waaraa argachuudhaan biyyaafi lammiin hundumtuu fayyadamaa ta’uu kan danda’uuf humdumtuu wal tumsuudhaan yoo socho’eefi qaamoleen seeraan ala fayyadamuuf carraaqanis seeraafi sirna jiru hunda kabajuudhaan akka hojjetan yoo taasifame qofadha.



አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman