Eessa turre,Maalirra Geenyeerra?-Kutaa 1ffaa

Sabni Oromoo Saba sirna Atseewwaniifi abbootii irreetiin cunqursaan asii hanga asii jedhamu irra ga’aa tureefi fayyadamaa qabeenyasaa utuu hin ta’in waggaa 100 ol jiraachaa turedha.


Cunqursaan suukaneessaan haalawwan adda addaatiin Saba Oromoo  irra ga’aa ture dhaloota irraa dhalootatti darbaa kan turedha jechuun ni danda’ama.

Egaa kan darbe yaadachuun adeemsa boruu miidhagaa taasisuuf tola,kanaaf waan darbe wal yaadachiisuun barbaachisaadha.

Sabni Oromoo Saba guddicha,kabajamaafi bu’ura sirna Federaalaawaa biyya teenya Itiyoophiyaa jedhamtu kanaati.Sirnoonni abbaa irree kanaan duraa Minilik,Hayilasilaaseefi Darguun saboota sab-lammootaafi Ummattoota Itiyoophiyaa hunda irratti akka barbaadanitti roorrisaa turaniiru.

Keesumattuu roorrisni sirnoota abbaa irree kanaan   Saba Oromoo irra ga’aa ture asii hanga asiiti  jedhamuun kan himamee xumuramu miti.

Sirni Minilik qabeenya lafaa babal’icfachuuf jecha Oromoota irratti duuluudhaan dhiiga Oromoo lafarra lolaaseera,lafeen isaas akka caccabu taasiseer.Sabni Oromoo dararamni hedduun sirna Minilikiin  qindeeffame wayita irra ga’u yeroon callisee taa’ee ilaale tokkollee hin turre.

Asirratti babal’ifannaa sirni Minilik Arsii,Baalee,Harariifi iddoowwan Oromiyaa biroottis  taasise qolachuuf Oromoon kutannoodhaan qabsaaa’eera.Roorroo nafxanyootaa ofirraa qolachuf carraaqqii taasifameenis harkaafi harmi Oromootaa murameera.naf-saalli dhiira Oromoo kolaafameera.Duulli Oromoonni Aanooleefi Calanqoo irratti taasisan kana wajjin kan yaadatamuu qabudha.

Sabni Oromoo haala kanaan mirgaafi faayidaawwan isaa kabajisiisuuf carraaqqiin taasisaa ture kun garuu gurmuufi qindoomina kan qabu waan hin turreef roorroon diinaa waggoota hedduuf akka turuuf haala mijaa’aa uumeera.

Minilik irraa goonfoo dhaaluudhaan taayitaa kan qabate sirni mootii Hayilasillaaseetis hanga xumura bara taayitaa isaatti waanumti akaakayyuufi akaakileen isaa raawwachaa turan akka itti  fufu taasisuudhaan cunqursaan Saba Oromoo irra ga’u finiinee akka itti fufu taasiseera.

Hayilasillaaseen Oromoon lafuma isaarratti tajaajilaa muudamtoota sirnichaa ta’uudhaan akka jiraatuuf dirqamsiiseera.Qonnaan bulaan fayyadamaa omishasaa ta’uu dadhabuudhaan jireenya hiyyummaafi gadadoo keessa waggoota hedduu jiraachuuf dirqamuun ofis ta’e ijoolleesaa daara baasuun itti ulfaatee tureera.

Saba Oromoo dabalatee ummattoota cunqurfamtoota Itiyoophiyaatiif kan dhaabbate of fakkeessuudhaan sirna mootii Hayilasillaasee humnaan fonqolchuudhaan bara 1967 keessa taayitaa kan qabate sirni Darguutis jijjiiramni Oromootaaf argamsiise hin turre.

Qabeenyi lafaa qonnaan bulaadhaaf! Dhaadannoo jedhuun qonnaan bulaan Oromoo hanga  tokko lafa akka argatu kan taasise sirni abbaa irree  Darguu Oromoon fayyadamaa bu’aa dafqasaa akka hin taaneef tooftaawwan adda addaatiin gufuu uumuurra darbee ijoolleen Oromoo adda waraanaatti akka guuramtu taasisuudhaan innis dabareesaatiin Oromoota irratti roorrisuun waggoota 17 tureera.

Walumaagalatti Ummanni Oromoo sirnoota sadeen Minilik,Hayilasillaaseefi Darguu keessa gama hundumaanuu utuu hin fayyadamin jireenya suukaneessaa keessa jiraachaa tureera.

Cunqursaan siyaasaafi hawaas-diinagdee Saba guddicha Oromoo irra ga’aa ture kun Oromoonni hundi aadaafii seenaa isaanii akka hin dagaagifanne taasisee ture.Sirnoonni kun miidhaa hedduu Oromoo irraan ga’aa turuun barbadaa’anis haala qabatamaa wayita ammaa biyya keenya keessa jiruun yoo wal bira qabamee ilaalamu ilaalchi ekeraa isaanii duguugamee waan dhabame hin fakkaatu.

Egaa dhaloonni har’aa muraafni iddoowwan adda addaatti meeshaa ilaalcha ekeraa kanaa ta’uudhaan  miidhamaaf of saaxilaa jiru dhugaa kana beekuufi hubachuun balaa irraa of eeguu qaba.

Miidhamni armaan olitti tarreeffameefi Saba Oromoo irra gahaa ture akkamiin maqfamuu danda’ee?

Ummanni Oromoo cunqursaa irratt raawwatamaa turee yeroo tokkollee jilbeenffachuudhaan fudhatee hin beeku.Kanaaf qabsoon barbadaa’uumsa sirna Darguu dura haalaafi mala adda addaatiin taasisaa ture ragaadha.

Qabsoon Ummata Oromoo haala bibittinnaa’een adeemsifamaa ture bara 1982 baatii Bitootessaa keessa dhaaba kallattii sirriidhaan isa qindeessu Dh.D.U.O/ADWUI argachuudhaan finiinee itti fufuudhaan Darguu barbadeessuun awwaalee bira darbe.Sabni Oromoos bilisummaa waggoota hedduudhaaf dheebotee ture argate.

Wayita ammaa Oromoon injifannoo qabsoosaa bara dheeraaf taasiseen bilisummaa goonfate dhandhamaa jira.

Ummanni Oromoo erga bilisoomee waggaan 25 caalu lakkaa’amaa jira.Sabni Oromoo wayita ammaa kan jiraachaa jiru gabrummaadhaan miti.Oromoon bilisummaa qabsoo isaatiin goonfate dhandhamaa jira.

Dhugaa qabatamaan lafa irra jiru kana haaluudhaan bilisoomuu qabna jechuun kan ololaa jiran hundumtuu diina Ummata Oromooti!Kanneen gabrummaa kanaan dura keessa turetti isa deebisuuf wixiffachaa jiranidha.

Qaamonni ammaan tana waa’ee bilisummaa odeessaa jiran sammuudhaan gabrummaa keessa warra jiranidha,mira gadi aantummaatu itti roorrisaa jira.Kanneen kun diina ummata Oromootti maxxananii waa’ee bilisummaa odeessaa jiru.Isaan kun akkuma diina Oromoota waggoota hedduudhaaf gabroomsuudhaan qabeenya Oromootti fayyadamaa turee sana diina ummata Oromooti.

Ummanni Oromoo wayita ammaa fayyadamaa dafqasaati.omishi inni omishe sababni adda addaa uumamee irraa hin saamamu.Afaan isaatiin dubbata.Afaanuma isaatiin murtee argata.akka durii manneen murteetti turjumaana barbaacha hin dhama’u.Oromoon ijoolleessaa  barsiisaa jira.Dhallisaa adda waraanaatti hin oofamu.Rakkoon kun hundumtuu kan irraa dhaabbate qabsoo ijoolleen isaa Dh.D.U.O/ADWUI  keessatti gurmaa’uun haqaan taasisaniifi deeggarsa Sabni Oromootis fayyadamtummaa isaa mirkaneeffachuuf taasiseeni.Bu’aan kun hundi kan argame wareegama ol’aanaa kaffalameen akka ta’e beekamuu qaba!

Qabsoon Ummata Oromoo Nafxanyaa Amaaraa Oromoo gabroomsee itti roorrisaa ture bool’a qotuudhaan erga awwaalee tuttureera.Injifannoo kana erga goonfatee booda Nafxanyaa Oromoo ta’uudhaan Saba Oromootti roorrisuun humnoonni jiraachuu barbaadan jiru.Nafxanyoonni Oromoo kun maddi isaanii guddaan caasaa garee ABO du’eefi caasaa mootummaa amma jiru keessatti taayitaa bqabatanitti fayyadamuudhaan kanneen qabeenya ummataafi mootummaa hataniiti.

Akkuma beekamu ABO(addi bilisummaa Oromoo)dhaabbata du’eefi ekeraan isaa wawarraaqaa jirudha.Ekeraan dhaaba kanaa hin duune inuman jira jechuuf humnoota adda addaa biyya keessa jiraniifi biyya alaatti’ baqatanitti erkachuudhaan wixiffachaa jira.

Wixiffannaan ekeraa kanaa jeeqamsa dhiyeenya kanaa iddoowwan adda addaatti kaaseen lubbuu Namaa galaafateera.Haala kamiiniyyuu lubbuun ilma Namaa darbuu hin qabu.Kun Oromoo qofas kan ilaallatu miti,Namni saba Oromootiin ala ta’es kamiyyuu du’uu hin qabu.

Dargaggoota bara sirna federaalawaa Dh.D.U.O/A.D.W.U.I keessa dhalatan irraa maaltu eegama?maalfa’i beekuu qabu? Kutaa 2ffaa barreeffama kanaatiin na-eegaa.





አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa