Siyaasaa fi siyaas-dinagdee

Siyaas-dinagdeen sirna oomishaatiin walqabata.Sirna oomishaa yommuu jennu biyyi yookiin ummanni tokko of jiraachisuuf adeemsa yookiin mala oomishaa hordofan jechuudha.Addunyaa kanarratti sirni oomishaa hedduu muuxxannoo ta’uun darbaniiru. 


Ammas hojiirra oolaa kan jiran baay’eedha. Fakkeenyaaf, dhalli namaa sirna jireenyaa adda addaa keessa darbeera. Sirna waliin jireenyaa, sirna bulchiinsa garbaa( slavory) sirna fiiwdaalizimii, sirna kaapitaalizimii fi sirna sooshaalizimii kan eeramaniidha. Sirnoonni kun hundinuu sirna oomishaa mataa isaanii danda’e qabu.

Sirni oomishaa isaanii kun ammoo bu’uura sirna hordofaniiti. Sirni oomishaa iddoo sirni sun gahuuf akeekkateef bu’uura. Malli oomishaa fi adeemsi oomishni itti argamu kun ammoo siyaas-dinagdeedhaan ibsama.

Kanaaf, siyaas-dinagdeen adeemsa oomishaa keessatti oomishni oomishamu eenyuun oomishama, akkamitti oomishamaa fi bu’aa oomishichaarraa eenyuutu fayyadamaa ta’a kan jedhuun ibsama. Fakkeenyaaf akka biyya keenyaatti kaapitaalli qabnu baay’ee xiqqaadha. Kaapitaalli xiqqaa qabnu, lafaa fi humni namaa qabnu walitti qindaa’uun akkaataan itti oomishamu, hangi oomishinee fi bu’aan argannu, akkaataan nuti oomisha keenyarratti duudhaa daballuu fi kkf. siyaas-dinagdeen ibsama. Adeemsa oomishaa, dhamaatee fi bu’aa oomisharraa argamu, akkaataa hojiirra oolmaa kaappitaalaa,humna namaa fi lafaa irratti hundaa’uun siyaas-dinagdee biyya tokko keessa jiru siyaas-dinagdee misoomawaa yookiin ammoo, siyaas-dinagdee kiraa sassaabdummaa jennee waamuu dandeenya.

Siyaas-dinagdeen jiru ol’aantumaan kiraa sassabdummaan kan keessatti mirkanaa’edha yommuu jennu maal jechuu keenya? Dhimmoonni armaan olitti ibsine kaapitaalli xiqqaan, lafnii fi humni namaa qabnu walitti qindaa’anii oomishni argamu yookiin adeemsi oomishni itti oomishamu kiraa sassaabdumaadhaaf kan saaxilame yoo ta’e, siyaas-dinagdeen jiru siyaas-diinagdee kiraan sassaandummaan ol’aantummaa itti argate jennee ibsina.

Kiraa sassaabdummaa jechuun maal jechuudha? Adeemsi isaa hoo? Kiraa sassabdumaan qabeenya mootummaa, kan dhuunfaa yookiin ammoo, kan ummataa duudhaa tokkollee osoo itti hin dabaliin faayidaa dhuunfaatiif oolfachuu jechuudha.Kiraa sassabdummaan dhimma sona dabaluu fi dabaluu dhiisuun walqabata.Kiraa sassaabdummaan, aangoo mootummaa fayyadamuu fi aanga’oota waliin walitti hidhamiinsa uumuun bu’aa dorgommii gabaatiin argamuu ol, waan itti hin dhamaanee fi duudhaa itti hin daballe argachuuf hojii hojjetamudha. Adeemsi kun, kan tokko itti argatee kan biraan ammoo, carraan argachuu isaa itti cufamu waan ta’eef, tapha ida’ama zeroo ( zero sum game) jedhamee waamama.

Siyaas-dinagdee kiraa sassaabdummaa keessatti dorgommiin dinagdee mul’atu dorgommii walgatanii darbuuti. Dorgommiin kun dorgommii seera dhabeessa waan ta’eef, dorgommii namoonni haala mijaawaa kiraa sassaabdummaa argatan karaa qaxxaamuraatiin of sooromsuuf fiigan waan ta’eef, dorgommii lammiileen hundi bu’aa oomishaa biyya isaaniirraa karaa haqa-qabeessa ta’een ittiin fayyadaman hin ta’u.
ta’uus hin danda’u. Siyaas-dinagdee kiraa sassaabdummaa keessatti dorgommiin dinagdee taasiifamu, isa tokko fayyadee isa kaan ammoo balbala fayyadamummaa isaa kan cufu dha. Kaanaafi, siyaas-dinagdeen akkasii tapha ida’ama zeeroo kan jedhamuuf. Tapha ida’ama zeeroo yommuu jennu, qabeenya biyya durumaan qabdu karaa seera dhabeessa ta’een fayyadamuurra darbee duudhaan dabalame yookiin oomishni oomishame hin jiru jechuudha. Zero zeeroorratti idaanus,baay’isnus bu’aan isaa deebi’ee zeeroo ta’a jechuudha. Kanaaf, kanarraa kaanee kiraa sassaabdummaan guddina biyyaa, ijaarsa sirna demokraasii, nageenyaa fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuu keessatti dhiibbaa inni qabu tilmaamuun ni danda’ama.

Siyaas-dinagdee kiraa sassaabdummaa balaalleeffachuun maaliif akka barbaachise gadi fageenyaan ilaaluun gaarii ta’a. kiraa sasaabdummaa kan balaalleeffannuuf rakkoolee keenya bu’uuraa jennee adda kan baasne hiyyummaa,booddeetti hafummaa, rakkoo bulchiinsa gaarii fi farra demokraasummaaf abbaa waan ta’eefi.

Rakkoolee kanneeniif ka’umsas galamas waan ta’eefi. Rakkoo kiraa sassaabdummaa furuu yoo hin dandeenye rakkoolee akka addunyaatti mataa akka gadi qabannu nu taasisaa turan keessaa bahuu hin dandeenyu. Akkuma armaan olitti eerre hidda akka gadi fageeffatan eegduu isaanii ta’ee tajaajilaa kan jiru sirna oomishaa keenyaati. Sirna oomisha keenyaa hanga hin jijjiirreetti oomishtummaan keenya hin fooyya’u. Misoomni mirkaneessinu hin jiraatu. Badhaadhummaan eegnu hin jiraatu.demokraasiin mirkaneessinu hin jiraatu. Bulchiinsi gaariin mirkaneessinu hin jiraatu.

Kiraa sassaabdummaan farra ijaarsa sirna demokraasiiti. Sirni demokraasii duudhaa waldanda’uu fi walkabajanii waliin jiraachuu bu’uura kan godhateedha. Sirna demokraasii keessatti waa hundinuu karaa haqummaa, iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabuun raawwata. Lammiileen, akkaataa humna, dandeettii, maallaqaa fi yeroo isaanii aarsaa godhaniin bu’aa dinagdee biyya isaanirraa karaa haq-qabeessa ta’een fayyadamuuf mirga ni qabu. Hata’u malee, biyya siyaas-dinagdeen kiraa sassaabdummaa ol’aantummaa itti argate keessatti kallattiin ta’ee al-kallattiin mirgoonni bu’uuraa lammiilee sarbamuun isaanii hin oolu. Akkamitti? Kan jedhu ilaaluun gaarii ta’a.

Adeemsi kiraa sassaabdummaa dorgommii dinagdee seera dhabeessa ta’een walgatanii darbuu waan ta’eef, dhimmi waldanda’uu, mirga demokraasii fi namoomaa walii waliif kabajuu jedhu hin jiraatu. Dinagdeedhaan walgatanii darbuuf fiigiicha seera dhabeessa taasifamu keessatti gochaan farra demokraasii raawwatamuun isaa waan hin oolledha. Rakkoon bulchiinsa gaarii, haqni jal’achuun, namni akkaataa hojjetee fi bu’aa buuseen madaalamuu dhabuun, ol’aantummaan seeraa cabuun fi kan biroonis, siyaas-dinagdee kiraa sassaabdummaa dinagdeen walgatanii darbuuf dorgommii gabaa bilisaatiin ala taasifamu keessatti kan uumamanidha.Dhiphummaan, gosummaan, of tuultummaan fi mankaraarsitummaan amantii dawoo godhatee ammoo golgaa kiraa sassaabdummaa ta’anii tajaajilu. Akkamiin kan jedhu yaa ilaallu.

Kiraa sassaabdummaan qajeeltoo bu’uuraa seera qabeessa ta’e waan hin qabneef, deeggarsaa fi deeggaraa baay’ifachuun saaphana faayidaa diriirfachuun fayyadanii fayyadamuu bu’uura godhachuun raawwata.Uumamaan namoota haalli tokko walfakkeessutu waliin ijaarama waan ta’eef, namoonni saaphana kiraa sassaabdummaa keessa galan yookiin saaphanicha uumuuf fedhan, waan wal isaan fakkeessuun walbarbaaduun isaanii hin oolu. Adeemsa kanaan, naannummaan, dhiphummaan, of tuultummaan, mankaraarsitummaan amantii dawoo godhatee fi kan biroonis uumamaa deemu. Faallaa kanaatiin, namni walitti hidhamiinsa faayidaa kana keessa galuuf carraa hin arganne miidhamuun isaa hin oolu.

Walitti hidhamiinsa kiraa sassaabdummaa kana keessatti duudhaan demokraasii fi siyaasni demokraatawaan hin jiraatu. Galmi walitti hidhamiinsa kanaa wal deeggaruu fi fayyadanii fayyadamuudha. Walitti hidhamiinsa kana keessatti baay’atuus xiqqaatus namni faayidaa argate adeemsicha deeggaruun isaa hin oolu. Faallaa kanaatiin, namni adeemsa walfayyaduu kana sakaaluuf socho’u yoo jiraate, karaa kamiinuu haa ta’u gochaan farra demokraasii irratti raawwachuun isaa hin oolu.

Kanaaf, siyaas-dinagdee kiraa sassaabdummaa keessatti hariiroon uumamu hariiroo demokraatawaa ta’uu hin danda’u. Ummataa fi ummata, ummataa fi mootummaa gidduutti walshakkiitu dagaaga. Qoodamiinsi qabeenyaa haq-qabeessa ta’e hin jiraatu. Waliigala biyya ol’aantummaan kiraa sassaabdummaa itti mirkanaa’e keessatti demokraasii ijaaruun, lafa cirracharratti sanyii facaasanii oomisha eeguudhaan akka walfakkaatu xiinxaltoonni siyaasaa ni ibsu. Sanyiin cirracharratti faca’e osuma margeeyyuu firii gaarii hin godhatu. Demokraasiin biyya ol’aantummaan siyaas-dinagdee kiraa sassaabdummaa ol’aantummaa itti argate irratti ijaaramus fulla’iinsa qabaachuu hin danda’u. kanaaf, kiraa sassaabdummaan farra demokraasiiti.

Biyya siyaas-dinagdeen kiraa sassaabdummaa itti dagaage keessatti misooma ariifataa fi fulla’iinsa qabu galmeessisuun hin danda’amu. Siyaas-dinagdeen kiraa sassaabdummaa bifa kamiini galmoonni hiyyummaa fi booddeettii hafummaa keessaa bahuuf qabanne akka hin milkoofne kan taasisu dha. Kanas dhimmoota afuriin ibsuun ni danda’ama. Tokkoffaa, ilaalchi kiraa sassaabdummaa lammiileen beekumsa, dandeettii, qabeenyaa fi yeroo qaban walitti qindeessanii akka hojjetani bu’aa hin arganne taasisa. Dhimmi kun ilaalchaan walqabata. Biyya ilaalchi kiraa sassaabdummaa itti dagaage keessatti lammiileen beekumsa, dandeettii, humna, yeroo fi maallaqa qaban walitti qindeessanii hanga dhama’aniin bu’aa argachuu hin filatan. Sababni isaas, ilaalchi ol’aantummaa argate ilaalcha osoo hin dhama’inii fi duudhaa tokkollee hin dabaliin karaa qaxxaamuraatiin sooramuu waan ta’eef. Kanaaf, humni, beekumsi, dandeettii fi yeroon dinagdee biyyaarratti bu’aa eegamu osoo hin dabaliin qisaasama jechuudha. Kun ammoo guddina biyyaa hangam booddeetti akka harkisu tilmaamuun nama hin rakkisu.

Lammaffaan,Kiraa sassaabdummaan kaappitaalli muraasni qabnu tajaajilaa fi cehumsa barbaadamuuf akka hin oolle taasisa. Lafas ta’ee kaappitaalli xiqqaan jiru karaa bu’aa buusuu danda’aniin hojiirra akka hin oolle taasisa. Rakkoon kun akka biyya keenyaatti, keessumattuu itti fayyadama lafa magaalaatiin walqabatee sirriitti kan ifuudha. Fakkeenyaaf, Imaammanni bulchiinsaa fi itti fayyadama lafaa keenya, lafti misooma qofaaf akka oolu ajaja. Hata’u malee, namni tokko lafa misoomaaf jedhee fudhata. Lafa sanarratti duudhaa tokkollee osoo hin dabaliin yookiin osoo hin misoomsiin fi guddina magaalaatiif duudhaa tokkollee osoo hin dabaliin waan xiqqoo ishii maqaadhaaf irra kaa’uun maallqa guddaatti gurgurata. Bu’aan inni lafa kanarraa argatu waan itti dadhabee fi baasii itti baaseen kan walgitu miti.Waan sona itti dabalee miti kan argatu. Kanaaf, bu’aan inni argate kallattii misoomawaa osoo hin taane, kallattii kiraa sassaabdummaa kan hordofeedha jenna. Fakkeenyaaf malee, hojimaanni kiraa sassaabdummaa biroonis ni mul’atu.

Inni sadaffaan, kiraa sassaabdummaan qabeenya jiru irratti duudhaa daballee oomishuun addunyaarratti dorgomtoota akka hin taane nu nu taasisa. Qabeenya qabnurratti sona daballee oomishuudhaan ala addunyaa kanarratti dorgomaa taanee fulla’uu hin dandeenyu. kun akka hin taaneef kiraa sassaabdummaan dhiibbaa ol’aanaa taasisee jira. Lammiileen karaa qaxxaamuraatiin qabeenya horachuuf duursa akka kennanii fi ilaalcha kanaaf akka bitaman taasisee jira. Afraffaan, carraa qabnu hunda duguugnee akka itti hin fayyadamne nu taasisa. Namni yeroo isaa hunda duguugee carraa jiru fayyadamuurra karaa qaxxaamuraatiin faayidaa hin malleef argachuu filata. Kanaaf, guyyaa guyyaadhaan duula rakkoolee keenya bu’uuraa irratti taasisnunirraa nu harkisaa olaa jira.


**kutaa 2ffaan iti fufa...
Source:OPDO Official fb

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa