Seera farra shororkaatti fayyadamuun yeroonsaa ammadha!

Shoroorkiissitoonni,mankaraarsitoonni,dhiphoonniifi of tuultoonni adabbii gahaa argatan malee waan adabatanii taa’an hin fakkaatan.Humnoonni kun obsa Mootummaa akka sodaafi yaaddootti fudhachuudhaan fedhiisaanii guuttachaa jiru.



Gochoota shororkaa humnoonni badii kun yeroo adda addaatti tooftaa isaanii jijjiiruudhaan raawwachaa jiraniin ummanni keenya yaaddoo keessa jira.

Yaaddoon kun ammoo sochii misoomaa duubatti deebisa,misoomaafi sochiin guddina diinagdee itti fufiinsa hinqabu taanaan ammoo hiyyummaa waggoota hedduuf morma gadi nuqabachiisetti deebi’uun keenya waan hin oolledha.

Kanaaf badiin humnoonni kun sababa adda addaa ummuudhaan iddoowwan gara garaatti raawwachaa jiran ummata keenya shororkeessaa jira waan ta’eef ni ga’a jedhamuu qabu!.Ummanni keenya kan Nagaa barbaadu fedhiin shorokeessitootaa akka guutamuuf jecha mootummaa ofumaan filate utuu qabuu shororkaan yaadda’aa jiraachuu hin qabu!

Ummanni keenya Nagaan ba’ee Nagaan galuu barbaada!Ummanni keenya jireenya hiyyummaafi duubatti haftummaa keessaa ba’uu barbaada.Kanneen Fedhii Ummataa kanneen karaatti hanbisuudhaan fedhii dhuunfaa guuttachuuf daba xaxaa jiraniifi harka walkeessa naqatan saaxilamanii seeratti dhiyaachuu qabu.

Qawween miseensoonni poolisiis ta’an lammiin biraa ittiin ajjeefamu eessaa dhufe?humni waraana barbaadu hawaasa keessa suksukuudhaan tasa miidhaa geessisuurra maalif gara bosonaatti galee mootummaa hin waraanu?Qabsoon Nama nagaafi poolisii Nagaa hawaasaa kabajisiisu ajjeesuudhaan bu’aa barbaadan ittiin argachuuf taasifamu galmasaa ga’uu hin danda’u,sababiinsaa bu’ura cimaa kan hin qabne waan ta’eef.

Kanaaf humnoonni biyya keessas ta’e biyya alaa taa’anii badii karoorfachuun badii raawwachaa jiran waan borii isaaniitti haa yaadan!Mootummaanis dirqama ummanni itti kenne haa ba’u!Seera farra shororkaa qabatamaan hojiirra oolchuun yeroonsaa ammadha!!


Jeeqamsi godina Arsii aanaalee gara graafi Magaalaa shaashamneetti  tibbana ka’uun lubbuu Namaafi qabeenya irratti miidhaa geessie fala waaraa argachuu kan danda’u seerri farra shororkaa mamii malee hojiirra wayita oolu qofa akka ta’e hubatamuu qaba.

Odeeffannoon jiru akka mul'iseti gareewwan hidhatan humna poolisii 7 ajjeesaniiru.Mannee amantaas gubamaniiru.

Ministirri waajjira dhimmoota koomunikeeshinii mootummaa Itiyoophiyaa obbo Getaachaw Raddaa akka himanitti jeeqamsi amma mudate kun kan dhiyeenya sababa maastar pilaaniitiin Naannoo Oromiyaa iddoowwan adda addaatti mudate wajjin walitti dhufeenya kan qabu miti.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman