Gochi fincilaa aanaa Shaallaa jeeqamsa kaaseefi lubbuu balleesse humna hidhateen raawwatame-Mootummaa

Godina Arsii lixaa aanaa Shaallaatti gochi jeeqamsa uumuun lubbuu Namaa balleesse fincila humna hidhateen raawwatame akka ta’e mootummaan Itiyoophiyaa beeksiseera.


Godina Arsii aanaa Shaallaatti humnoonni farra Nagaa dhimma  Amantaafi Saba irratti xiyyeeffateen jeeqamsa uumuuf akka yaalan maddawwan naannichaa himaniiru.

Ministirri itti gaafatamaan waajjira dhimmoota koomunikeeshinii Mootummaa obbo Getaachaw Raddaa ibsa Faanaa Biroodkaastiing korporeetiif har’a kennaniin akka himanitti jeeqamsa umametti gareewwan hidhatan muraafni hirmaataniiru.
Gareen hidhataan kun dhaabbilee mootummaa irratti miidhaa geessisuuf yaalee ture.

Jeeqamsa kanaan  qabeenya bosona Mootummaafi oyiruu akkasumas dhaabbilee Amantaa irratti akka xiyyeefatame kan eeran obbo Getaachaw gocha kana keessaa mankaraarsitoonni harka akka qaban mallattoowwan mul’isan akka argaman beeksisaniiru.

Jeeqamsa ka’e dhaabsisuuf naannichatti humnoonni tasgabbii akka bobbaafaman himuun gareen hidhate garuu dhukaasa banuudhaan humnoota tasgabbii irratti ajjeechaa akka raawwatae himaniiru.

Wayita ammaa naannichatti Nagaan akka bu’eefi humnoota gocha fincilaafi yakkaatti hirmaatan too’annoo jala oolchuuf hojjetamaa akka jiru himan.

Shakkamtoota hafan adda baasuudhaan too’annoo jala oolchuufis mootummaan hordoffii cimaa taasisaa akka jiru obbo Getaachaw beeksisaniiru.

Hawaasa wajjin mari’chuudhaan hawaasni gocha akka kanaa balaaleeffachuu bira darbee akka ittisuu danda’uuf hojiin akka eegalames ministirichi himaniiru.

Mootummaan gocha raawwatameef mallattoon mankaraarsitummaadha jedhus ka’umsi rakkoo mudatee guutumaafi guutuutti isa kanadha murtee jedhurra hin geenye kan jedhan ministirichi hawaasni kaayyoo siyaasaa dhiphaafi mankaraarsitummaa irraa akka of eeguuf hubachiisaniiru.


Mootummaan Ummata wajjin qindaa’uudhaan humnoota badii irratti tarkaanfii duuba deebii hinqabne fudhachuu cimsee  akka itti fufus ministirichi beeksisaniiru.

Maddi Odeeffannoo kanaa fanabc

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman