Finfinneetti hoogantoonni 250 hojiirraa ari'aman-Dirribaa Kumaa

Bulchiinsa Mgaalaa Finfineetti hoogantoonni lakkoofsaan 250 ga'an sababa rakkoo bulchinsa gaariitiin itti gaafatama irraa ari'amaniiru.

Kantiibaan bulchiinsa Magaalaa Finfinnee har'a dhimmoolee adda addaa irratti ibsa kan kennan yammuu ta'u qaamolee kenniinsa tajaajilaa irratti gufuu uuman irratti tarkaanfiin fudhatyamu gara fuulduraattis kan cimee itti fufu ta'a.

Obbo Dirribaan ibsa kennan kanaan akka mirkaneessanitti manneen jireenyaa kuma 39 ijaarsi isaanii xumurameef baatiiwwan lama booda carraan kan ba'u ta'a.

Hojjettoota magaalaa Finfinneeti argamaniifi qaamolee hawaasaa galii gadi aanaa qabaniif  manneen kireeffaman baarana ijaaramuu akka eegalanis kantiibaa Dirribaa Kumaa ibsa kennan kanaan mirkaneessaniiru.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman