Daawiit Ijjiguufi Siifan Miidhagsaa?

Namoonni kun ergamtoota ABO akka ta’an beekuu kanin danda’e baay’ee erga turee boodadha.Riphanii socho’uudhaan fakkeessitoota akka ta’anis kanan beeke erga bubbulee booda ture.Iddoo adda addaatti Namoota kana wajjin hojjechuuf carraa argadheera.yeroo baay’ee ni callisu.


Waltajjiiwwan maree adda addaa irratti yaada kennuu irraa of qusatu turan.Jarreen kun haala kana mul’isaa kan turan hojii diinni itti kenne hojjechuuf akka ta’e kanan hubadhe waajjira waliin keessa hojjennu keessaa ba’uudhaan gara ergamasaanii itti milkeessanitti erga qajeelanii boodadha.

Daawiit Ijjiguu kanaan dura Gaazexessaa Faanaa Biroodkaastiing Korporeet yammuu ta’u sagantaawwan bashannanaa adda addaa qopheessuudhaaniifi sagaleesaa dhokfatee jiraachuudhaan beekama.Daawiit wayita ammaa moggaasa maqaa Galmoo Daawiit jedhuun Raadiyoo sagalee Ameerikaatiif iddoowwan adda addaa irraa gabaasa.Gocha badii raawwatu beekaaf Itiyoophiyaa irraa baqachuudhaan Keeniyaatti bakka bu’aa Raadiyoo kanaa ta’uudhaan Afaan Amaaraafi Oromootiin gabaasaa jira.


FBC keessaa erga ba’ee booda maqaa dhaaba kanaatiin fayyadamuudhaan feesbuukiin FBC kutaa Afaan Oromoo jedhee banuudhaan wantoota faallaafi erga dhaaba kanaatiin ala ta’es tamsaasaa akka jiru mirknaa’eera.Daawiit gama kanaan gochoota yakkaa hedduu raawwachaa jira waan ta’ee gaafa tokko seeratti dhiyaatee gaafatamuun isaa hin oolu.

Siifan Miidhgsaa eenyu?


Nama kanaan kan wal barree kutaa Marketingii FBC keessatti ergamtuu ta’ee wayita tajaajilutti ture.Inni kunis akkuma Daawiit Ijjiguu ergama ABO fudhatee socho’aa akka ture gochoota inni raawwachaa ture irraa hubadheera.

Siifan FBC keessaa erga ba’ee booda gara dhaabbata Raadiyoofi televizyinii Oromiyaatti qajeeluudhaan achittis ergama kennameef mikeessuuf socho’aa tureera.maaltu beeka achittis ergamasaa mikeessuuf hojiin hojjete baay’ee ta’uu danda’a.Namni kun watyita ammaa  Landanitti bakka bu’aa OMN ta’uudhaan tajaajilaa akka jiru quba qaba.


Siifan akkuma Daawiit riphee socho’aa kan ture ergamtummaan isaa akka hin beekamneef of eeggannoo taasisuun akka ta’e amma sirritti hubadheera.

Iddoowwan tokko tokkotti Namoonni haala kanaan socho’an ammas hin dhabaman.Kanneen haala akkanaatiin socho’an diina Ummata keenyaati.Bu’aan Ummataaf argamsiisan tokkollee hin jiru.

Dhaabbata seera qabeessa keessa taa’uudhaan dhaabbilee shoroorkeessitootaaf ergamtummaadhaan tajaajiluun yakkadha.

Namoota haala kanaan riphanii socho’uudhaan miidhaa geessisuuf carraaqan kana adamsuudhaan waan gatii isaanii akka argatan gochuun barbaachisaadha.Riphxootas shakkuudhaan kallattii sirriitti deebisuun barbaachisaadha.Riphxoonni ofiif miidhamanii Nama biraas miidhu waan ta’eef of eeggannoon gahaan taasifamuu qaba!



አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman