Sarara Diimaa bira darbuun of galaafachuudha

Humnoonni Diina Oromoo dur durii wajjin qindoomina uuman ammas adabatanii taa’uu hin dandeenye.Gocha ergamtummaa isaanii daran cimsuudhaan itti fufaniiru.


Jawaar Mahaammad ergamaa dhaaba shoroorkeessaa ABO ta’uudhaan mudhii hidhatee waan wixiffachaa jru fakkaata.Mee Jawaar ga’uumsasaa isa kamiin Saba Oromoo bilisoomsaa?

Ormoon erga bilisoomee waggaan lakkaa’amaa jira.Kana kan wallaale shoroorkeessaa Jawaar Mahaammad jedhamuufi fakkaattoota isaa qofadha.

Haala qabatamaa dhiyeenya kanaa asitti qabatamaan mul’achaa jiruun Jawaar Mahaammad Nama yertuu humna isaatiin olitti wixiffatu ta’uunsaa mirkanaa’eera.Diinoonni Oromoofi biyya teenya Itiyoophiyaatis haala mijaawaa waan argatan itti fakkaannaan deeggarsa maallaqaa taasisaafii jiru.

Kanneen keessaa tokko Mootummaa Shaabiyaa akka ta’u wallaalee raata’edha.Raatuun kan ofiituu hin beektu Namaa biraatiif maal gochuu dandeessii?
Gareen ergamtootaa Ginboot 7 keessatti walitti qabamtes Jawaar Mahaammad wayittuu akka hin lakkoofne beekamaadha.Hoogganaan garee shoroorkeessaa Ginboot 7 Biraanuu Naggaa ibsa dhiyeenya kenne tokkoon adeemsa dhiphummaa Jawaar Mahaammad akka hin deeggarre jala muree dubbateera.

Jawaar ammoo ejjennoo dhiphummaa duuba deebii hin qabneefi mankaraarsitummaan duurfamaa akka jiru raayyaa fb irratti bobbaaseefi carraaqqii ofuma isaatiif taasisaa jiruun mamii malee mirkaneesseera.

Biyya keessa ammoo dhaaba koongransii federaalistii Oromoo jedhamuun beekamu tokkotu jira.Hoogganaa dhaaba kanaa ta’uun humna malee munyuuqaa kan jiru Mararaa Guddinaa Jawaar Mahaammadiifi humnoota dhiphoo kanneen biroo wajjin quunnamtii uumuudhaan Oromiyaa irratti bu’aa filannoo darbeen dhabeen gadoo ba’aa akka jiru qabatamaan mul’iseera.



Namni kun hayyuu akka hin taaneefi carraa sirnoota abbaa irree kanaan duraa keessa argateen barsisaa yuuniivarstii Finfinnee ta’uudhaan Nama daba malee waan gaarii yaaduuf hin carroomnedha.Mararaan kanaan dura fakkaatee socho’uudhaan badii raawwachaa ture ammas badii raawwachaa jira.Garuu sarara diimaa darbuun xummurrisaa maal akka ta’e innuu beeka itti himuun barbaarchisu.kan abdii kutate faana dadhabuun hin barbaachisu,maal haabaasuuf dhama raasuu?

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman