Artiistoonni keenya galatoomaa!

 

(Finfinnee-Fulbaana 04/01/2014) Tibbana walleewwan  adda addaa duula Raayyaan Ittisa biyyaafi humnoonni tasgabbii gara garaa eegalan jajjabeessaniifi onnachiisan Afaan Oromoo dabalatee afaanota gara garaatiin ba’uun qilleensarra oolaa jiru.Qabiyyeen sirboota ba’an hundaa baay’ee gaariidha.Kan yeroo gabaabaa keessati qophaa’ee dhiyaate hinfakkaatu.

Qabiyyeen hundumaatuu Raayyaa ittisa biyyaafi humnoota tasgabbii hunda kan onnachiisan,lammiiwwan hundas kan kakaasan waan ta’eef Artiistoota Oromoo dabalatee arstiistoonni sabaafi sab-lammootaa milkaa’inaan hojii haarawaa kana kutannoodhaan yeroo gabaabaa keessatti hojjetan galateeffachuun barbaachisaadha.

Akkana kunoo waamicha biyyaatiif awwaachuun! Ijoolleen Itiyoophiyaa dameewwan hojii adda addaa irratti bobba’an waamicha biyyasaanii dhaggeeffachuudhaan deebii qabatamaa ta’e kennaa jiru.Qeerroofi Qarreen waamicha biyyaatiif awwaachuudhaan caasaa raayyaa ittisa biyyaatti makamaniiru,makamaas jiru.

Lammiin hundi tokkummaa lelisuudhaan diina rom’isiisaa jira.Watwaatini diinaa waa malee akka hin taane hubachuun barbaachisaadha.Diinoonni Itiyoophiyaa biyya keessaafi biyya alaa jiran tokkummaa haala ajaa’ibsiisaadhaan mul’achaa jiru kana utuu arganuu onnachuu hin danda’an.

Kadhaan amma dhageessisaa jiran kanuma irraa madda.Wayyaaneen marii nagaa akka barbaaddu karaa ololeessaa ishii Getaachoo Raddaatiin irra deddeebiidhaan himaa jirti.Humnoonni alaa ergamtoota isaanii wayyaaneefi ABO-shaneetti abdatanis amma waan abdii kutataniif kadhaatti jiru.’Waraanaan Nagaan bu’uu hindanda’u’jechaa jiru.Sagaleen gamaa gamanaa dhaga’amaa jiru kun tokkummaa cimaa Itiyoophiyaanoonni yeroo gabaabaa keessatti deebisanii daran cimsaa jiraniin akka ta’e beekamuu qabu!

Hundumaafuu artiistoota keenya kutannoodhaan waamicha biyyaa dhaggeeffachuudhaan deebii quubsaa kennan galateeffachuun barbaachisaadha.Mata dureewwan artiistoonni hundumtuu irratti weellisan Itiyoophiyaadhaaf kennaadha.Galiin gugurtaa walleewwan kanaa ammoo raayyaa ittisaa Itiyoophiyaa cimsuuf kan oolu ta’uunsaa dhimmichatti hangam akka yaadame mul’isa.Artiistoonni hojii kana hojjettan hundumtuu galatoomaa!


Hojii seena qabeessa kana wajjin walqabatee artiistoonni Itiyoophiyaa iddoo saditti qoodamuusaanii odeeffannoo mul’isu argadheen baay’ee gadde.

1ffaan.Artiistoota kaka’uumsa ol’aanaadhaan hojii artii hojjechuuf fedhii mul’isan.

2ffaa.Artiistoota waan hojjetaniif maaallaqa barbaadan

3ffaa.Artiistoota riphanii taa’an

Hundumaafuu kan lakkoofsa 1ffaa irra jiran waan hundumaan injifataniiru.Isaan waamicha haadhaa dhaggeeffachuudhaan battalatti deebii waan kennaniif biyyisaanii yoomillee isaan galateeffatti.Isaan waan biyyasaaniitiif oolaniin keessisaanii yoomillee gammachuu qaba.Hojii biyyaaf hojjetaniin bara baraan boonaa jiraatu.

Artiistoonni maallaqa barbaadna jedhanii hojii kana irraa duubatti qoollifatan ammoo qaanii haguuggatan.Dhimma maallaqaa kaasuun gufuu ta’uuf yaalanis waamichi biyyaa artiistoota dhugaa biyyaaf yaadaniin deebii gahaa argateera,kanatu waaroo salphinaa isaan haguuggachiisa.

Artiistoonni hojii kana akka hin hojjenneef riphanii taa’anis haaluma walfakkaatuun salphataniru.Isaan diddaa mul’isanis waamichi biyyisaanii isaaniif dhiyeessite artiistoota biyyasaanii jaalataniin deebii gahaa argateera.

Amma asiratti wanti guddaan ka’uu qabu jira.Artiistoonni biyya tokko qaban tokkummaa dhabuudhaan akkanatti walqooduuf maalif dirqaman?

Deebiin gaaffii kanaa dhiyoo jira.Waggoota 30 darbaniif humnaan Itiyoophiyaa bulchaa kan turte wayyaaneen hunda jidduutti walqoodumsi akka jiraatuuf sirnaan hojjechaa turte.Shirri wayyaaneen hunda qoqqooduuf itti fayyadamaa turte ammoo hundmtuu wal amanee akka hin sochoone taasisuudha.Gama kanaan wayyaaneedhaaf waan baay’eetu milkaa’eef.Artiistoonni maallaqa barbaadna jedhaniif riphanii taa’an bu’a shira wayyaaneeti.Kanneen kun wayyaanee baandaa ta’erraa adda ba’anii hin ilaalaman.


አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa