Waayyaanneetu Oromoo gorsaa?

  

(Qaammee 01/13/2013-Finfinneee) Gareen shororkeessaan wayyaanee Saba Oromootiif gorsa ajaa’ibsiisaa tokko kenneera.Waraana ‘Walqaayit itti hirmaachuu hinqabneef ijoolleekee erguu mannaa waraana bilisummaa Oromoo(Shanee) bilisummaa keetiif qabsaa’aa jiru deeggari’ jedheera.

Dhimma kana irratti waa sadi kaasuun nidanda’ama.

1ffaa.Shaneen wayyaanee Afaan Oromuu dubbatu ta’uusaatiif gorsi kun ragaa dabalataati.

2ffaa.Akka Ummataatti sammii gadiifi dacheedhaa olitti Oromoon diina wayyaanee caale akka hinqabneefi gara fuulduraattis qabaachuu akka hindandeenye gorsi wayyaanee kun ragaadha.

3ffaa.Ititoophiyaa keessatti wanti Oromoo hin ilaallanneefi Oromoo hin hirmaachifne akka hinjirre michuunis diinnis beekuu qaba!


Wayyaanneen gamin anuma qofa jechuudhaan yaaddi.Ammas akkuma barte anatu siif beeka jechaa jirti.’Kan qaban qabaa hinguunne,gadhiisan hurufa guutti’akkuma jedhamu sana wayyaanneen waggoota 27 dhorkaa tokko malee qabeenya Oromoo saamaa turte.Ijoollee Oromoo kumaatamaan lakkaa’aman mana hidhaatti guuruudhaan Itiyoophiyaatti manneen hidhaa hunda keessatti Afaan Oromoo qofatu dubbatama hanga jedhamutti dararaan Saba Oromoo irratti geessisaa turte lakkaa’amee kan dhumu miti.

Oromoon maqaa ABO’tiin waayyaanneedhaan hin miidhamne hinjiru jechuun nidanda’ama.Miidhaa lakkaa’amee hin xumuramne Saba Oromoo irraan gahaa akka turte kan daggatte gareen shoroorkeessituun tun amma ammoo onnachuudhaan Oromoo gorsuuf yaalte.

Oromoon kan akkanaa kanaan’Yaa gowwaa siduubaan bowwaa’jechuudhaan itti hima.Wayyaaneen haala amma irra jirtuun seexaa Saba Oromoo ittiin gorsitu hinqabdu.Ofiifuu du’uuf,lubbuun keessaa ba’uuf wixiffachaa jirti.

Shaneen wayyaaneen amma harka irra qabde Ummata Oromoo keessatti garee jibbameefi sababa kanaanis iddoo argame hundatti barbadeeffamaa akka jiru wayyaaneen quba hinqabdu,Kanaaf Oromoon shanee akka deeggaruuf gorsuuf onnatte.Gareen shororkeessaan shanee haala akkamiitiin adamsamee akka barbadaeeffamaa jiru ergamtoonni wayyaanee  Afaan Oromoo dubbatan Dabratsiyoon Gabramikaa’eelfa’itti hubachiisuu hindandeenye.Sababa kanaan wayyaaneen Oromoon bilisummaa isaatiif jecha waraana bilisummaa Oromoo(shanee) akka deeggaruuf afaan guuttattee dubbachuuf onnatte.

Dhimma bilisummaa ilaalchisee Sabni Oromoo amma gabrummaa keessa hinjiru.Qabsoo isaatiin erga bilisoomee waggoonni lakkaa’amaa jiru.Bilisummaan bifa adda addaa hinqabu.Bilisummaan shaneen Oromoodhaaf fiduu dandeessus hin jiru.Sabni Oromoo amma mirga abbaa biyyummaa goonfachuudhaan rakkoo diinagdee qabu keessaa ba’uuf qabsaa’aa jira.Ijoolleen Oromoo kumaatamaan lakkaa’aman amma wayyaanee balleessuuf duulaniiru.

Irree ijoolleen Oromoo ijoollee sabaafi sablammootaa wajjin qindaa’uun wayyaanee irratti aggaamaa jirantu qondaaltoota garee shoroorkeessaa kanaa watwaachisaa jira.Kun sirritti beekamuu qaba!Wayyaaneen lubbuun akka keessaa hinbanaeef watwaataa jirti.Kanaaf gorsi gama kamiinuu kennitu Oromoos ta’e sabaafi sablammoota kanneen birootiin fudhatama hinqabu.

Karaa birootiin Itiyoophiyaa keessatti dhimmi Sabni Oromoo itti hin hirmaanne tokkollee akka hin jirre akkamitti wallaalamaa?Itiyoophiyaan eenyuun dhaabbattee jirti? Utubaan Itiyoophiyaa Saba Oromoo mitii?

Wayyaanee doofaan garaashii qofaaf fiigdu beekumsa dilbii hundi beeku kana hinqabdu.Doofummaatu wayyaaneetti roorrisaa jira.Carraan amma wayyaaneen qabdu hanga lubbuun keessaa ba’utti olola sobaa afarsuudhaan  xiqqoo bubbuluu qofaadha.Shaneen wayyaaneen Oromiyaatti deebi’uuf abdattes ishima wajjin barbadeeffamaa jira waan ta’eef umuriin shoroorkeessitoota lamaaniituu baay’ee gabaabduudha.Nagayaan oolaa!

አስተያየቶች

  1. Grand Casino Resort - Mapyro
    Grand 김해 출장안마 Casino Resort is located in Grand Rapids, Michigan and is part of 구리 출장마사지 the Michigan Gaming Control 원주 출장샵 Board. The casino is 안양 출장샵 owned 천안 출장안마 by the Eastern Band of

    ምላሽ ይስጡሰርዝ

አስተያየት ይለጥፉ

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman