Jaalala Biyyaa (Patriotism) …

 

(Qaammee 01/13/2013-FInfinnee) Biyyi tokko biyya jedhamtee waamamuuf Daangaa, Ummata, Walabummaafi Mootumaa mataa ishee qabaachuu qabdi. Daangaan biyya tokkoo galaana, gaara ykn sarara yaadaa ta'uu dandaa'a. Ummanni ammoo lammilee biyyattiifi kan biyya biroo biyyattii keessa jiraatan ta'ee mirga namummaafi dimokiraasii kan qabaniidha.
Mootummaan qaama biyya bulchuufi aangoo harkaa qabu yoo ta'u, walabummaa jechuun biyya dhaabbata mootummoota wal ta'aniin beekamtii (Recognition) qabaachuun tuttuqqaafi dhiibbaa kamirraa walaba taatee alaabaa, faaruufi sirna bulchiinsa walabaa qabduudha.
Jaalalli biyyaa jaalala lammileen ishee hojii qabatamaan agarsiisaniin ifa. Agarsiiftuun inni biraa ammoo of-ta’uudha. Of-ta’uun ummanni eenymmaa isaatti boonuun cimee hojjechuun biyya isaa guddisuu keessatti qooda inni qabuun. Wantoonni jalala biyyaa ibsan baay’ee ta’us biyya ofiitiif dabarsanii of kennuun agarsiisuu biraati.
Lammiiwwan biyya isaanii jaallatan waan hunda dura biyya isaanii ofitti aansu. Warri biyya isaanii jallatan rakkoofi gadadoo keessa jiraatanis jaalalli biyyaaf qaban hin hir'atu. Biyya ofii jaallachuun yeroo gammachuus ta’ee rakkootti waliin dhaabbachuudha. Balaan umamaas ta'e nam-tolchee yoo biyyatti dhufe ofii isaanii dabarsanii kennuun biyya isaanii badii irraa baraaru. Biyya ofii ala kabajni hin jiru yaada jedhutti amanu.
Addunyaarratti lammileen Itoophiyaa warra biyya isaanii jaallatan jedhamuun beekamu. Kunis hirmaannaan isaan lola Aduwaa irratti taasisaniifi injifannoo isaan galmeessan ragaa ga'aadha. Faranjii meeshaa ammayyaa qabatanii dhufan onne isaanii kan akka abiddaa boba’uun biyya dabarsinee diinaaf hin lannu jechuun meeshaalee waraanaa duubatti hafaa qabachuun injifannoo boonsaa galmeessaniin galmee seenaa Addunyaarratti galmaa’eera.

Ummanni Itoophiyaa jaalala isaan biyya isaaniif qaban faayidaan hin gedderan. Baandonni tokko tokko faayidaa biyyaarra faayidaa dhuunfaa kan dursan hin jiran jechuu miti. Ummanni garuu baroota dhufaa darbaa alagaa alaa dhuftuufi baandaa biyya keessaa diina tumsitu irraa biyya isaanii eeggachuuf har'allee qabatamaatti tokkummaan dhaabbatanii jiru.
Dhaloonni har’aa biyya birmadummaa ishee eeggatteefi jaallatamtuu abboota isaanii irraa dhaalan kunuunsanii dhaloota itti aanutti dabarsuuf hojiiwwan boonsaa hojjetaa jiran keessaa tokko hojii Hidha Guddicha Itoophiyaati. Lagni kun qabeenya biyyattii ta'ee barootaaf walaloo sirbaa qofa barreessuun alatti biyya kanaaf bu’aan buuse hin qabu. Dhaloonni har'aa garuu qabeenya, ogummaafi beekumsaan of ijaaree lagni kun madda qabeenya isa olaanaa ta'uu baree biyya badhaate uumuun dhaloota dhufu dhaalchisuuf kutannoon hojjetaa jira.
Gama biraan, diina keessaaf alaan biyya keenya qorquuf ilkaan qarattu qolachuuf dargaggoonni daangaa hanga daangaatti RIB’tti makamaa jiraachuun agarsiiftuu biraati. Keessumaa Qarreefi Qeerroon Oromoo biyya kana rakkoo keessa turte keessaa baasuun injifannoo kana fiduu keessatti haarsaa guddaa kaffalaniiru. Injifannoo kanas eeggachuuf har’as diina dura dhaabbatanii waraanaa jiru. Maatii tokko keessaallee hanga dargaggoota afurii ta’an RIB’tti makamanii biyya isaaniif hiriiranii jiru. Kaleessas ta’ee har’a qoonni Oromoon biyya kana ijaaruu keessatti qabu ammam olaanaa akka ta’e hubachuun nama hin dhibu. Jaalalli biyyaa hojii qabatamaan malee afaan qofaan hin ifu.
Biyyi ummata isheen jaallatamtee, Kabajamtee jiraatti!
 
Maddi:BDhKMNO

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman