Yaa'iin 10ffaan ADWUI Sanbata dhufu eegalama
Yaa'iin 10ffaan adda demookraatawa warraaqsa Ummattoota Itiyoophiyaa(ADWUI) sanbata dhufu Magaalaa Maqaleetti eegalama. Miseensoonni yaa'icha irrati hirmaatan kumni ol yaa'ii dhaabbilee miseensaa irratti filatamaniiru. Odeeffannoon jiru akka mul'isutti dhaabbilee miseensa ADWUI hunda tokkoon tokkoonsaanii irraa yaa'ii ADWUI irratti akka hirmaataniif miseesnoota 250tu walitti baba'a. Murteewwan yaa'ii 10ffaa ADWUI irratti darbu jedhamanii eegaman itti fufuunsa guddina biyya keenyaatiif shoorri gumaachan ol'aanaadha. Egaa yaa'ii dhaabbilee miseesa addichaa tibbana adeemsifamaa ture irratti kan hojjechuu danda'us ta'e kan hojjechuu hin dandeenye maqumaan kan tuulame rakkoo Naannummaafi walbeekumsaatiin hulluuqee seeneera. Yaa'ii tibbana dhaabbileen miseesi ADWUI adeemsisaa turan keessatti raawwiin hojiiwwan darbanii qoratameera.Ciminaafi hanqinnis adda baafameera,kallattiin qabsoo gara fuulduraatis kaa'ameera. Namoot...