Yaa'iin Dh.D.U.O 8ffaan injifannoodhaan xumurame
**Obbo Muktaar Kadir dura taa'aa Dh.D.U.O ta'uun lammata filatamaniiru
Yaa’iin Dhaabbata Demooktraatawa Ummata Oromoo(Dh.D.U.O)
dura taa’aafi itti aanaa dura taa’aa dhabbatichaa filachuuniifi murteewwan adda
addaa dabarsuun har’a xumurameera.
Akkaatuma kanaan obbo Muktaar Kadir dura taa’aa dhaabbatichaa ta’uun lammata kan filataman yammuu ta’u addee Asteer Maammoo Itti aantuu
dura teessuu dhaabatichaa ta’uun filatamaniiru.
Yaa’ichi miseesoota koree hojii raawwachiiftuu lakkoofsaan
81 ga’anis filateera.miseesoota koree jiddu galeessaa kana filachuuf Namoonni
lakkoofsaan 85 ga'an eeramaniiru
Miseesnoota koree jiddu galeessaa keessaayis koreen hojii
raawwachiiftuu Dh.D.U.O/ADWUI 15 kan filataman yammuu ta’e kanneenis-
1.Obbo Muktaar Kadir,
2.Addee Asteer Maammoo,
3.obbo Dhaabaa Dabalee.
4.obbo Warqinah Gabayyoo,
5.obbo Abdulaaziiz Mahaammad,
6.obbo Dirribaa Kumaa
7.obbo Umar Huseen,
8.obbo Isheetuu Dasee,
9.obbo Lammaaa Magarsaa,
10.obbo Salamoon Kuchuu,
11.obbo Abarraa Hayiluu
12.Obbo Bazzuu Waaqbeekaa
13.obbo Tafarii Xiyaaruu
14.obbo Abiyyi Abbabafi
15.obbo Bakar Shaaleeti.Koree hojii raawwachiiftuu Dh.D.U.O
eeraman kanneen keessaa 9 miseesnoota koree hojii raawwachiftuu ADWUI
ta'uun filaatamaniiru.Kanneenis
1.obbo Muktaar Kadir
2.Addee Asteer Maammoo
3.obbo Dhaabaa Dabalee
4.obbo Warqinah Gabayyoo
5.obbo Abdulaaziiz Mahaammad
6.obbo Bakar Shaalee
7.obbo Bazzuu Waaqbeekaa
8.obbo Dirribaa Kumaa
9.obbo Umar Huseen-dha.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ