Yaa'iin dhaabbatummaa Dh.D.U.O 8ffaan adeemsifamaa jira

Yaa'iin dhaabbatummaa Dh.D.U.O 8ffaan Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti adeemsifamaa jira.

Yaa'ichi kaleessa wayita eegalametti qondaaltoonni Mootummaa Naannichaa keessumattuu hooggnaan wajjira koree jiddu galeessa dhaabbatichaa obbo Dhaabaa Dabaleefi dura taa'aan dhaabbatichaafi pireezidaantiin Mootummaa  Naannoo Oromiyaa obbo Muktaar Kadir haasawa kan dhageesisian yammuu ta'u diraamaan muuziqaadhaan qindaa'eefi imala qabsoo Ummata Oromoo mul'ise dhiyaateera.

Diraamaan muuziqaadhaan qindaa'e kun garee hawwiisoo Biiftuu Oromiyaatiin  Namoota 90 hirmaachisuun wayita dhiyaateeti hirmaattoonni yaa'ichaa tokko tokko  imimmaan fuula isaaniirra wayita yaa'u mul'ateera.

Diraamaan Muuziqaadhaan qindaa'e kun bara mootii Minilik irraa eegalee hanga Sirna Darguutti miidhaa Saba Oromoorra ga'aa ture tartiibaan kan mul'isedha.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman