Daayaaspooraa keenya irraa kan barbaannu



Daayaaspooraa Oromiyaa dalatee dhalattoonniifi lammiiwwan Itiyoophiyaa biyya alaa jiraatan tibbana haala qabatamaa biyya isaanii akka hubachuu danda’aniif carraaqqiin taasifamaa tureera.


Fakkeenyaaf feestivaalli Daayaaspooraa Oromiyaa Adooleessa 27 hanga Hagayyaa 03 bara 2007tti qophiiwwan adda addaatiin kabajamaa ture mikaa’aa akka ta’e waajjiirri pireezidaantii Oromiyaa mirkaneesseera.

Waajjirichatti daayireektarri dhimma Daayaaspooraa Oromiyaa obbo Tasfaayee Abbabba akka jedhanitti feestivaalli daayaaspooraa yeroo jalqabaatiif qophaa’e kun seena qabeessadha.

Haala qabatamaa Naannoo Oromiyaa keessa jiru hawaasa daayaaspooraatti gama beekskisisuutiin kallattii hundumaanuu hojiin milkaa’aan akka hojjetame obbo Tasfaayeen dubbataniiru.

Guyyaan Daayaaspooraa Itiyoophiyaa sadarkaa biyyaalessaatiin Hagayya 6-10 bara 2007 qophiiwwan adda addaatiin kabajmaa tures milkaa’aa akka ta’e hubatameera.

Qaamoleen sadarkaa sadarkaan jiran haala qabatamaa biyyaa irratti hubannoo hawaasa daayaaspooraa dabaluuf carraaqqii ol’aanaa taasisuun ergama itti kenname ba’aniiru jechuun ni danda’ama.

Haa ta’uutii guyyoota muraasa qubaan lakkaa’aman qofatti daayaaspooraan haala qabatamaa Itiyoophiyaa hunda hubachuu danda’eera jechuun hin danda’amu,wanti hundumtuu saffisaan kan raawwatame waan ta’eef.

Garuu ammoo daayaaspooraan haala qabatamaa biyya isaa akka hubatuuf carraaqqiin taasifamaa ture kan tuffatamu miti.Humnoonni carraaqqii kana bu’aa dhabsisan biyya keessas ta’e biyya alaa akka jiraniifi carraaqqii mootumaan taasisaa ture kanes akka qeeqaa turan beekamuu qaba.

Humnoonni diigumsaa kun ergama itti kenname ba’aa jiru waan ta’eef isaan dhiisuma wayya,jijjirmni fiduu danda’anis waan hin jirreef oduu jette jettee isaan afrsaniif gurra kennuun hin barbaachisu.
Amma xiqqaatus guddatus miseensoonni hawaasa daayspooraa haala qabatamaa biyyasaanii hubataniiru jechuuhn ni danda’ama.

Daayaasapooraa irraa kan barbaannu:

1.Kiraa sassaabdotaaf utuu hin jilbiinfatin biyyasaa irratti hojjechuun ofis ta’e biyyasaa fayyaduu

2.Oduu jette jettee humnoota diigumsaa irraa of eeguu

3.Daayaaspooraan waa’ee biyyaa irratti hubannoo hin qabne hubannoo akka qabaatan taasisuu

4.Ce’uumsi teeknooloojii guddina biyyaatiif tolu akka jiraatu taasisuu

5.Rakkoo bulchiinsa gaariifi malaammaltummaa mudatuun qaama mootummaa dhimmi ilaalutti yerootti beekksisuu,sab-quunnamtiileettis saaxiluutu irraa eegama.

Daayaaspooraan keenya gara fuulduraa kanneen kana kutannoodhaan yoo raawwate guddinni Itiyoophiyaa akka itti fufu taasisuun yeroon hiyyummaa itti hobbaafannu fagoo hin ta’u.


አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman