Yaa'iin 10ffaan ADWUI Sanbata dhufu eegalama

Yaa'iin 10ffaan adda demookraatawa warraaqsa Ummattoota Itiyoophiyaa(ADWUI) sanbata dhufu Magaalaa Maqaleetti eegalama.

Miseensoonni yaa'icha irrati hirmaatan kumni ol yaa'ii dhaabbilee miseensaa irratti filatamaniiru.

Odeeffannoon jiru akka mul'isutti dhaabbilee miseensa ADWUI hunda tokkoon tokkoonsaanii irraa yaa'ii ADWUI irratti akka hirmaataniif miseesnoota 250tu walitti baba'a.

Murteewwan yaa'ii 10ffaa ADWUI irratti darbu jedhamanii eegaman itti fufuunsa guddina biyya keenyaatiif shoorri gumaachan ol'aanaadha.

Egaa yaa'ii dhaabbilee miseesa addichaa  tibbana adeemsifamaa ture irratti kan hojjechuu danda'us ta'e kan hojjechuu hin dandeenye maqumaan kan tuulame rakkoo Naannummaafi walbeekumsaatiin hulluuqee seeneera.

Yaa'ii tibbana dhaabbileen miseesi ADWUI adeemsisaa turan keessatti raawwiin hojiiwwan darbanii qoratameera.Ciminaafi hanqinnis adda baafameera,kallattiin qabsoo gara fuulduraatis kaa'ameera.

Namoota rakkoolee jiranitti furmaata argamsiissan gara taayitaatti fiduurratti garuu hunduma keessatti qaawwi mul'ateera.Namoonni wayita ammaa dhaabbilee adda addaa hoogganaa jiraniifi bu'aa argamsisuu hindandeenye  filamuu hin qaban ture.

Namoonni dhaabbilee adda addaa gaggeessuu dadhabanii qoratamuun iddoo sana akka gadi dhiisan taasiafamnis sababa rakkoo wal beekumsaafi naaannumaatiin deebi'anii dhufuunsaanii hubatameera.Kun maali ta'a?jechuun gaafachuun barbaachisaadha.Maqaa namoota kanaa eeruun ni danda'ama garuu Namoonni kun Nama waan ta'aniif tarii jijjiiramuu danda'u amantaa jedhuufi adeemsi gara fuulduraas akka toluuf  haabultu dubbiin jechuun biruma darbuu wayya.Dubbiftoonni garuu tilmaamuu dandeessu.

Hanqinni yaa'ii dhaabbilee miseesa addichaa irratti calaqqiiseefi mudate kun yaa'ii 10ffaa ADWUI irratti akka hin mudanneef of eeggannoo cimaa taasisuun dhimma murtteessaadha.

Ummanni bal'aan yaa'ii kana irraa murteewwan gurguddoo hawwii ol'aanaadhan eega.Dhimmi rakkoo bulchinsa gaarii,qaalawiinsa jireenyaa,malaammaltummaa,kiraa sassaabdummaa.loogdummaa,dhiphummaa,of tuulummaafi manqkaraastitummaa dhimmoolee murtee barbaadanidha.ADWUIn ba'aa ummanni filannoo bara 2007n itti fe'e kana danda'uuf miseesoota ga'uumsa qaban gara hooggansaatti fiduu qaba.

Wal beekumsaafi Naannummaadhaan wal filuun xumuura irratti ofiiis ta'e biyyaaf hin tolu waan ta'eef dhimmichaaf xiyyeeffannoo kennuudhaan socho'uun shoora miseesoota yaa'icha irratti hirmaataniiti.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman