Ibsa ejjennoo Dh.D.U.O injifannoodhaan dabaalame



Yaa'iin dhaabbatummaa 8ffaa Dh.D.U.O jaallee muktaar kadiir dura ta'aa, jaallee Asteer maammoo itti Antuu Dura teessuu dhaabbata keenyaa taasisee filachuudhan injifannoo ol'aanaan xummuuramee jira.


yaa'iin kun waggaa lamaafi kan tajaajilan miseensota koree Giddu Galeessaa 81, miseensota koree hojii raawwachiftuu 15 filachuudhaniif ibsa ejjennoo baasuun xummuramee jira.

Nuti himamattooni yaa’ii 8ffaa Dh.D.U.O turtii keenya guyyaa 3n bu’aalee dhaaba keenyaan galma’e hanqinooti mullatan addaan baasuun miira qabsoo fi bu’aa ol’aanaaf of qopheessuun kallattiiwwan waggoota 5n dhufanii ka’uun ibsa eejjannoo abbaa qabxii 9 akka armaan gadiitti baafannee jira.


1. Dhaabbani keenya Dh.D.U.On toora misoomaafi dimookiraatawaa ijaaruun faayyadamuummaa ummataa Mirkaaneessuuf xiiqii fi kutannoo ol’aanaan hojjechaa dhaaba jirudha. Kanaaf ijaarsaa sirna dimookiraasii fi misoomaatiif ammoo qulqullummaan ilaalchaa, kutannoo olaantummaa ilaalcha misoomaa mirkaneesuuf ciminnii fi fayyaalessummaan keessoo dhaabaa murteessaadha.Kana waan ta’eef miseensii fi hooggansi dhaabaa keenyaa qulqullummaa keessoo isaa mirkaneesuuf Ciminaa fi fayyummaa keessoo dhaabaa eeguudhaa fi misoomawaa ayidioloojii toora warraaqsa dimookraasii irratti yeroo hunda qaramaa fi humna horachaa deemuun barbaachiisaadha. Waan ta’eefis qulqullina miseensaa fi gaggeessaa keenyaa hojii qabatamaa keessatti ijaaruufi sakattaa’aa deemuuf sirna sadarkeessuu fi walbakka bu’iinsaa dhabaa keenyaa keessatti jalqabamee sadarkaa ol’aanaan hojiirra oolchuu, kana malees ijaaramni liigoota, hayyootaa, lammilee dhalattoota Oromoo biyya alaa jiran cimsuuf hojiin ijaarsaa fi siyaasaa keenya  sadarkaa hundatti akka hojjetamu ciminaan ga’ee keenya ni baana!

2. Dhaabni keenyaa D.D.U.On Hirmaannaa fi fayyaadamummaa lammilee karaa haqa qabeessa ta’een dhugoomsuuf diinagdee Misoommawaa fi hawaasa siyasaa dinagdee tokko qabu Uumuuf guddina diinagdee arifaataa fi itti fufiinsa qabu fiduun sadarkaa sadarkaan hirmaannaafi fayyaa-damummaa ummataa dhuguumsuuf hojii hojjechaa turreen milka’ina guddaa goonfatee jira. Haaluma kanaan gudinna dinaagdee abbaa dijitii lama galma’uu eegale itti fufsiisuu, ce’umsaa caassefamma dinagdee akka mirkanaa’uu maakroo ikkonomiin keenyaa akka tasgabbaa’u, fayyummaan diinagdee keenyaa akka ittifufu, qaala’insi gatii dijjitii tokkootti murta’ee akka turu, garaa garummaa madaallii daldalaa al-ergeefi alaa galu dhiphisuuf tajaajila sirreessuuf jijjirama bu’uraa fiduuf galamoota maakiroo Ikkoonoomii qabaman hundaa xiqii fi kutannoo akkasumas kakka’umsa guddaan galmaan ga’uuf waadaa ni seenaa.

3.Qonni keenyaa utubaa diinagdee ta’ee kan itti fufu ta’uun isaa beekamaadha. Kanaafuu KGT 2ffaa keessatti Qonnaan/Horsiisee bulaan keenya Qonnaa maasii xixiqqaa irratti gaggeessuun karaa bu’aa ol’aanaa argamsiisuu danda’uun investimantii qonnaa baballissuun omisha nyaataa, Omishaa al-ergeefi induustrii abaaboo, kuduraa fi muduraa, qabeenyaa beelladaa fi qurxummii sadarkaa ol’aanaattii ceesisuuf guddina arifataa mirkaneessuuf tarsiimoo muxxaannoo gaarii baballisuu, sirna eksteenshinii cimaa ijaaruun dhiyeessii fi fayyadamummaa teknoolojii guddisuun omishani fi omishtummaan keenyaa guddatee qooda diinagdee biyyaa keessatti qabnu karaa guutuun bahachuu qabna. Kana waan ta’eef Raayaa misoomaa cimaa ijaaruudhaan tarsiimoo muuxannoo gaarii baballisuun hojii irra olchuuf gara kuteenyaa fi xiiqii ol’aanaan hojjechuuf waadaa ni seenna.

4.Guddiina dinagdee keenyaa qonnaan durfamu dhawaataan gara guddina diinagdee induustiriin durfamuutti ceesisuuf damee industirii irratti ciminaan hojjechuun murteessaadha.Kanaafuu falaasama kaayizaanii induustitriiwwan Naannoo keenyaa hunda keessatti hojiirra oolchuun, galteewwaan induustiriif barbaachisan bal’inaan akka oomishamanii gabaa argatan IMX faana walitti hidhamiinsa cimaa akka qabaatanii fi induustirii maanufakchariingii babal’isuu irratti tiraansfoormeeshinii caasaa diinagdee fiduun haaroomsa keenya dhugoomsuuf ciminaan ni hojjenna!

5.Guddina diinagdee akka Naannoo keenyaatti galamaa’aa jiru ariifachiisuu keessatis ta’ee fayyadamummaa hawaasa keenya sadarkaa ol’aanaa mirkaanneesuu keessatti ga’een bu’uuraaleen misoomaa qaban ol’aanaadha. Roga kanaan waggoota kurnan lama dabarsine gaggeessummaa dhaabni keenya (Dh.D.U.O) kenneen bu’uuraalee misoommaa seenaa biyya kanaa keessatti jaarraa tokkoof hinmul’atin ijaaruun danda’amee jira.

Haata’uu malee hanqina humna raawwachisummaa irraa kan ka’e dheebuu hawaasa keenyaa sadarkaa barbaadamuun guutuu dhabuu,Sadarkaa guddinni keenya irra ga’e waliin deemuu irratti hanqina qabaachuun, dabrees bakka tokko tokkootti rakkoo qulqullina dhabuu fi maxxantummaatiif saaxilamuun akka jiru illaalamee jira. Kanaafuu induustrii konstiraakshiinii gama hundaan dorgomaa ta’ee ijaaruun, bulchiinsa piroketootaa fooyyeessuun projektoonni yeroo, baasii fi qulqullina kaa’ameen akka xumuraman fi sirna itti gaafatamummaa ifa ta’ee diriirsuun deeggarasaa fi hordooffii sadarkaa hundaa hojiirra oolchuuf ciminaan ni hojjenna.


6. Dhaabnii keenya Dh.D.U.On Induustriin misooma qonnaa caalaa ariitiin akka guddatu gochuun diinagdee naanichaa keessatti dursa fudhaachuun magaaloonni jijjiirama caasaa diinagdee dhufaa jiru ba’achuu haala dandeessisu umuuf tattaaffii taasiifameen jijjiramni qabatamaan galma’uu danda’eeraa. Kannaafuu jijjiirama jalqabamee itti fuufsiisuuf magaalonni keenya gidduu gala guddinaa akka ta’an, pilaaniin akka hoogganaman taasisuu gaggeessummaa hammaayyaa’aaf Bulchiinsaa lafa magaalaa kiraa sassaabdummaa irraa bilisa ta’ee akka dirriru, hojii barbaaddoota Eebbifamtoota, Yuuniverstii carraa hojii akka argatan, bu’urri misooma magaalaa akka babal’atu hirmaanaan ummata magaalaa misooma keenya keessatti akka daran guddatu gochuuf galmoota gurguddoo misooma magaalaaf qabaman galmaan ga’uuf waadaa ni seenna.

7.Jiijjiraama gama misoomaatiif ijaarsa sirna dimookirasiin biyya keenya keessatti galma’aa jiru irraa dubartoobbiifi  dargaaggoonni hirmaattootaa fi fayyadamtoota akka ta’aniif dhaabni keenya Dh.D.U.On paakeejjoota misooma Dubartootaa fi Dargaggootaa qopheessuun sadarkaan akka hojiirra oolan carraaqqii taasisaa tureen Fayyadamummaa isaanii mirkaneessuun bu’aan jajjabeessaan galma’ee jira.
Jijjiirama jalqabame kana daran cimsinee itti fuufsiisuuf karooraawwan sadarkaan qophesinu keessatti yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeeffannoo kennun hojjechuuf waadaa ni seenna!
 
8. Ijaarsa sirna dimookiraasiif dhagaa bu’uuraa kan ta’an dhaabbilee dimookiraasii gahe isaanii ba’uun murteessaadha. Kana waan ta’eef manneen maree ummataa, waldaalee hawaasaafi ogummaa, sirna paartii hedduu dhugomsuuf kan deeggaran paartiilee siyaasaa, miidiyaaleen qooda ol’aanaa qabu. Kana waan ta’eef dhaabbileen dimookiraasii kun cimanii ijaarsa sirna dimookiraasii fi bulchiinsa gaarii naannoo fi biyya keenyaa keessatti qooda akka fudhatan karaa nagaa fi dimookiraasii akka socho’an balaa tokkummaa fi walqixummaa ummata keenyaa hubatanii irraa of qusachuun naannoo fi biyya keenyatti nageenyi amansiisaa fi sirni dimookiraasii gabbataan akka ijaaramuuf gahee isaanii akka bahan qabsoo godhamu gama hundaan deeggaruuf tumsa nurraa barbaachisu hunda ni goona.

9. Dhaabni keenya Dh.D.U.On siyaas-diinagdeen misoomawwaa ol’aantummaa argatee fayyadamummaan ummata keenyaa akka mirkanaa’uu toora haaroomsa biyyaa fi Naannoo keenyaa dhugoomsuuf hojiin hojjetamaa jiru jajjabeessadha.Haa ta’u malee ilaalchii fi gochi kiraasassabdummaa balaa sirna keenya qoru akka ta’e yeroo haaromsa keenyaa ifaan kaa’uun qabsoon eegalamus ammallee kiraasassabdummaan yerootii gara yerootti bifa gaggeeddarachuun dimookiraasummaa fi aantummaa keenya hubaa jira, kanaafuu kiraasassabdummaan balaa sirna keenyaa ta’e aguuggii dhiphummaa, naannummaa fi gosummaa amantaa dawoo godhatee mul’atu sadarkaa ol’aanaan cabuu qaba. Waan ta’eef balaa sirna keenyaa ta’uu isaa beekuu qofti gahaa waan hin taaneef qabsoo farra kiraasassaabdummaa jalqabame finiinsuuf gochaa fi ilaalcha kiraa sassaabdumma fi golgaa isaa walin maqsuun fayyadamummaa ummata keenyaa mirkaneessuuf ofii keenyaa irraa qulqulloofnee rakkoo gama kanaan uumamu hadheeffannaa ol’aanaa fi kutannoo guddaan qabsoofnee dhabamsiisuuf irra deebinee waadaa keenya haaromsina.

Hagayya 20/2007 Adaamaa

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman