Namoota 20 Itiyoophiyaatti Mootummaa Islaamummaa hundeessuuf socho’an irratti himaannaan dhiyaate




Mootummaa Islaamummaa hudeessuuf Magaalaa Finfinnee dabalatee Magaalaawwan gara  garaatti sochii taasisuudhaan dhaabbata shoroorkeessaa keessatti hirmaataniiru jedhamuun Namoota shakkaman 20 irratti himannaan dhiyaateera.

Dhaddacha yakka 14ffaa mana murtee ol’aanaa Federaalaattii kanneen huimataman

1.Kadir Mahaammmad

2.Naziif Tamaam

3.Kaaliid Mahaammad

4.Fu’aad Abdulqaadir

5.Ibraahiim Kaamiil

6.Abduu Jubbaar

7.Huseen Ahimad

8.Haamiid Muhaammad

9.Toofiiq Misbaah

10.Usmaan Abduu

11.Muhaammad Nuurii

12.Abduhafiiz Shifaa

13. Daarsammaa Soorii

14.Fitsum Charinnat

15.Haaroon Hayiraddiin

16.Shaahaabuuyiin Nuuraddiin

17 Ayaatil Kubaraa

18.Haashiim Abdallaa

19.Mujiib Amiinoo

20 Mahaammad Kamaal dha.


Himannaan abbaa alangee himatamtoota Magaalaa Finfinneefi Jimma jiraatan irratti himannaa dhiyeesse kanaan himatamtoonni bilisummaa amantaa biyyattii keessa jiru mormuudhaan ilaalcha mankaraarsitummaa isaaniitiin ala ilaalchi kamiyyuu jiraachuu hin qabu jechuun akka socho’an mul’iseera.

Gurmaa’uun Mootummaa humnaan taayirraa buusuun mootummaa Islaamummaa seera sheri’aatiin hoogganamu hundeessuuf akka socho’an abbaan alangee himannaa isaatiin eeree jira.

Dhiyeenya  kana hidhaadhaan adabamuun mana hidhaatti kan argaman Abubakar Ahimadfa’i hidhaarraa akka hiikamaniif jechuun hawaasa musliimaa jeeqamsaaf kakaasuun mootummaa irratti dhiibbaa taasisuuf akka socho’aa turanis eerameera.

Karoora kana milkeeffachuudhaafis Magaalaa Finfinnee,Jimma Walqixxeefi Waraabeetti hawaasa muslimaa jeeqamsaaf kakaasuuf barreeffamoota gara garaa akka raabsan himannaa dhiyaateen eerameera.

Magaalaawwan eeraman kanatti halkanitti fayyadamuudhaan barreeffamoota dhaamsa jeeqamsaa qaban akka raabsaa turan himameera.

“Sagaleen keenyaa haa dhaga’amu”-Dimtsaachin Yissamaa jechuun waab saayitiin fayyadamuun gandawwan baadiyaa godina Jimmaatti argamaniifi magaalaawwan kanneen birootti garee jeequmsaa hundeessuun garee Dubartotaa hundeessuunis miseesnoota filaa akka turan himannaa abbaa alangeetiin tarreeffamee dhiyaateera.

Himatamaa 1ffaa Kadir Muhaammad dabalatee himatamtoonni kanneen biroo Magaalaa Finfinnee jiraatan bara 2004 irraa eegaluun hanga Guraandhala bara 2007tti Magaalaa Finfinnee Masjiida Aniwaariifi Awwaliyaatti fincila kaafame irrratti akka hirmaatan himameera.

Kadir Muhaammad Muddee bara 2007 garee jeequmsaa Jimmatti argamuuf barreefamoota dhaamsa jeequmsaa kuma 10fi Istiikariiwwan kuma lama kaartoinniitti naquun akka ergeefi kan ergames iddoowwan adda addaatti akka maxxanfame himamannichaan eerameera.
Galmee himannaa kanaan kan eerame Naziif Tamaam dursaa garee shoroorkeessaa damee Jimmaa ta’uunsaa himannaa abbaa alangeetiin himameera.

Himatamtoonni kun garee shoroorkeessaa Finfinnee jiru wajjin quunnamtii uumuudhaaniifi miiltoowwan isaanii kanneen biroo wajjin Qilinxoo dhaquudhaan hidhaarratti kan argamu Ahimaddin Jabal jeeqamsi jimmaa qabbanaa’eera cimsuudhaan itti fufi qajeelfama jedhu fudhachuun karaa himatamaa 1ffaatiin bareeffama jeeqamsaaf ta’u maashina baay’isu footoo kooppiifi mallaqni waraqaan ittiin bitamu ergameefi gocha jeeqamsaa akka durse eerameera.

Dubartiin Ayaatil Bubaraa jedhamtu Finfinneetti garee jeequmsaa kan hudeessite,itti gaafatamtuu garee Dubartootaa,godina Silxee irraa Dubartoota hedduu garee jeeqamsaa kesssati hojjetan kan filatte, Afaan Silxeetiin waraqaa jeequmsaa qophaa’e kan raabsite Finfinneetti jeeqamsi akka finuunuuf bara 2004 irraa eegaluun masjidawwanitti jeeqamsi akka babal’atuuf socho’aa akka turte abbaan alangee himannaasaa kaanaan eere jira.

Kanneen biroonis waraqaawwan fincila kakaasan waan raabsaniif dhaabbata shoroorkeessaa keessatti hirmaataniiru jedhamuudhaan himataman.

Himatamtoonni har’a himannaan itti dhiyaate dubbifameefi karaa abukaatoosaaniitiin falmii ni dhiyeeffanna waan jedhaniif dhaddachi mana murtee ol’aanaa Federaalaa beellama biraa kenneera.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman